'Mala humna waraanuu TPLF laaffisuun magaalota ijoo to'achuun itti fufeera'-Mootummaa

Mootummaan Itoophiyaa naannoo Tigraay keessatti magaalota ijoo to'achuu itti fufuu beeksise.
Ministeera Tajaajila Kominikeeshinii Mootummaa waabeffachuun fuulli Feesbuukii Raayyaa Ittisa Biyyaa Itoophiyaa ibsa qoodeen ''mala waraanuu TPLF laaffisuun Raayyaan Ittisa Biyyaa Itoophiyaa magaalota ijoo naannoo Tigraay to'achuu itti fufera'' jedhe.
Ibsi mootummaa ku kan dhagaahame mariin nagaa Gamtaa Afrikaan hoogganamu Afrikaa Kibbaatti har'a yeroo jalqabaaf ta'aamuuf wayita jiramuttiidha.
''Kana yeroo raawwatus magaalota keessatti waraanni akka hin adeemsifamne mala hojiirra ooleeni'' jedha.
Torbanoota darban mootummaan Itoophiyaa magaalota naannoo Tigraay akka Koram, Allaamaaxaa fi Shiree t'achuu kan beeksise yeroo ta'uu, ibsa isaa alanaa keessatti garuu magaalota haaraa to'ataman ''magaalota muteessoo'' jechuun ibse malee maqaa hin dhoofne.
Asoosheetiid Pirees maddeen isaa hojii gargaarsaa irratti boobba'an waabeffachuun gabaasa baaseen garuu magaalaan Adawaa harka raayyaa ittisa biyyaa fi humnoota Eertiraa galteetti jedheera.
Mootummaan Dhaabbilee gargaarsaa waliin ta'uun naannolee to'ate keessatti deeggarsi namoomaa akka qaqqabu, tajaajillonni bu'uraa adda citanii turanis akka deebi'ee eegalu qophiin akka jabaatus ibseera.
Naannolee amma harka mootummaa galan keessattis bulchiinsi uummataa akka hundeeffamus ibseera.
Gareen mootummaa marii nagaa irratti hirmaatu ganama kana Afrikaa Kibbaatti imale
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Jaarsummaa Gamtaa Afrikaatiin mariin nagaa mootummaa Itoophiyaa fi humnoota Tigraay gidduutti godhamuuf bakka buutotni Tigraay Dilbata kaleessaa Afrikaa Kibbaa galuun ibsameera.
Waraana naannoo Tigray keessatti godhamaa jiruun injifannoo argachaa jiraachuu kan himu mootummaan marii karaa nagaa godhamuufis bakka buutotni isaa ganama kana gara Afrikaa Kibbaa imaluu beeksiseera.
''Kuni kanaan osoo jiruu karaa Gamtaa Afrikaa marii nagaa Afikaa Kibbaatti godhamu irrattis kan hirmaatu ta'a. Carraa kanas waraana kana karaa nagaa furuuf carraa jiru godhee ilaala.''
Mariin nagaa kun rakkoo Kaaba Itoophiyaa aarsaa Raayyaa Ittisa Biyyaatiin sirrachaa dhufe daranuu cimsuuf hiree gaarii dha jechuunis ibse.
Onkololessa 21 Manni Maree Nagenyaa UN dhimma waraana Itoophiyaaratti walgahii ta'us yaada waloo tokkorra osoo hin gahiin xumurameera.
UNtti Ambsaaddara US kan ta’an Ambaasaaddar Liindaa Toomas ibsa kaleessa gaazexeessitootaf kennaniin waraana Itoophiyaatti gaggeeffama jiru dhaabsisuuf yaada furmaataa dhiyaate irratti manni maree nageenyaa osoo walii hin galin hafuu dubbatan.












