Marii nagaa Kaaba Itoophiyaaf bakka buutonni Afrikaa Kibbaa galan

Waraana Kaaba Itoophiyaa karaa nagaa xumuruuf marii nagaa isa jalqabaa Gamataan Afrikaa qopheesserratti hirmaachuuf bakka buutonni TPLF Afrikaa Kibbaa galuun gabaafame.
Miseensi koree giddugaleessaa TPLF Piroofeesar Kindiyyaa G/Hiyoot bakka buutonni TPLF Afrikaa Kibbaa galuu isaanii tiwiitara isaanii gubbaatti maxxansan.
Mariin mootummaa Itoophiyaa fi aanga'oota TPLF gidduutti jaarsummaa Gamtaa Afrikaan gaggeefamu amma dura guyyaan murameefii osoo hin milkaahiin sababii rakkina loojistikii jedhuun hafunsaa ni yaadatama.
Mariin jalqabaa waraana waggaa lamatti dhiyaate booda gaggeefamu har'a kan adeemsifamu yeroo ta'u, Mootummaan Itoophiyaas irratti hirmaachuuf murannoo akka qabu beeksisee ture.
Bakka buutonni mootummaa Itoophiyaa marii kanaaf Afrikaa Kibbaa galuufi dhiisuu isaanii ilaalchisee garuu ammatti wanti ifatti gabaafame hin jiru.
Mariin jalqabaa kun kan gaggeefamuuf jedhu humnoota mootummaafi hidhattoota Tigraay gidduutti waraanni jabaan adeemaa jiraachuun wayita dhagaahamaa jirutti.
Humnoonni mootummaa Federaalaa magaalota ijoo naannoo Tigraay to'annoo jala oolchaa jiraachuunis akkasuma gabaafamaa jira.
Mariin nagaa Afrikaa Kibbaatti Wiixata har'aa gaggeefama jedhamee eegamu irratti mootummaan Itoophiyaa hirmaachuuf murannoo akka qabu gorsaan dhimma nageenya biyyaalessaa Ministira Muummee Abiy, Ambaasaaddar Reedwaan Huseen guyyoota dura ibsanii turan.
Gareen Tigraay bakka bu'u Dilbata kaleessaa Afrikaa Kibbaa gahuu Piroofeesar Kindiyaan mirkaneessaniiru.
Obbo Getaachew Raddaafii hogganaan waraana Itoophiyaa duraanii Janaraal Tsaadiqaan Gabratinsaa'ee Tigraayiin bakka bu'anii warra marii nagaarratti kan hirmaatan ta'uu TPLF amma dura beeksisee ture.
Ajandaawwan marii nagaa
Gamtaan Afrikaa fi hawaasni idila addunyaa qaamoleen waraanatti jiran atattamaan gara marii nagaatti akka dhufan waamichaa fi dhiibbaa gochaa turan.
Ammatti qaamoleen marii nagaatti galaa jiran ajandaawwan marii jalqabaa irratti wanti ifatti jedhan hin jiru.
Kaayyoon isaa garuu waraana kanaaf furmaata siyaasaa barbaaduudha.
Amma dura TPLF marii nagaaf haaldureewwan tarreesse akka qabu ibsa kan ture ta'us dhiyoo kana garuu haalduree malee mariif qophii ta'uu ibseera.
Mootummaan Fedeeraalaas yaada haalduree malee marii nagaaf taa'uu akka simatu beeksiseera.
Humnoonni Tigraay irra deddeebiin gaaffiin kaasaa turan waraanni haa dhaabatu, deeggarsi namoomaa danqa malee haa dhiyaatu, tajaajilli bu'uraa haa deebi'u fi humnoonni Eertiraa haa bahan kan jedhu ture.
Mariyattoonni nagaa eenyufaadha?
Mootummaan Federaalaa marii nagaa humnoota Tigraayi waliin godhamuuf mariyattoota isaa dursee ifa godhee ture.
Gareen mootummaa Federalaa kun Ministira Muummee Itti aanaa fi Ministira Haajaa Alaa Demmeqee Mekonniniin kan durfamuufi miseensota torba kan qabuudha.
Ambaasaadar Reediwaan, Ministirri Haqaa Dr Geediyoon Xiimootiwoos, Daareektarri Olaanaa Eejjansii Odeeffannoo fi Nageenyaa Biyyaaleessaa Obbo Tamasgan Xirunah, Ittigaafatamaa Nageenya Odeeffannoo Raayyaa Ittisaa Jeeneeraal Birhaanu Baqalaa, Ittaanaa Pirezidaantii Naannoo Amaaraa Dr Geetaacho Jambaree, Ittigaafatamaa Olaanaa Damee Jidduugala Dimokiraasii Paartii Badhaadhiinaa Ambaasaadar Hasan Abdalqaadiir miseensummaan hammatamaniiru.
Bakka butoonni Tigraay ammoo miseensa koree gidduugaleessaa fi dubbii himaa TPLF Obbo Getaachew Raddaa fi hooggantoota waraanaa Tigraay keessaa tokko kan ta'an Janaraal Tsaadiqaan Gabratinsaa'ee ta'u himunii ni yaadatama.












