MM Abiy Ahimad waraanni Tigraay akka xumuramu himan

Madda suuraa, ASHRAF SHAZLY/GETTY IMAGES
Ministarri Muummee Abiy Ahimad waraanni naannoo Tigraayi keessatti gaggeeffamaa jiru “xumuramee nagaan akka bu’u” dubbatan.
Abiy Ahimad kana kan jedhan sirna Wiirtuu Gabbisa Dandeettii, naannoo Oromiyaa magaala Buraayyutti ijaarame Onkoloolessa 20, 2022 wayita eebbisiisanittidha.
Waraanni naannoo Tigraay Sadaasa 4, 2020 naannoo Tigraayiitti eegaluun booda gara naannoolee ollaa Amaaraafi Affaariitti baballachuun lammiileen miiliyoonaan lakkaa’aman akka bakka jireenyaasaanii buqqaafaman taasiseera.
Waraannii waliigaltee namoomaatiif jecha erga baatiiwwan shaniif dhaabbate tures, Hagayya keessa deebii’ee yeroo sadaffaaf eegaluun lolli cimaan gaggeeffamaa jira.
MM Abiy garuu “Haalli Kaaba Itoophiyaa jiru xumura ni argata, nagaanis ni bu’a. Bara baraan wal waraana itti hin fufnu. Yeroo gabaabaa keessatti obboloota keenya Tigraay waliin nagaa fi misoomaaf akka waliin dhaabannu abdiin qaba,” jedban.
Itti dabalunis MM Abiy lammiilen Itoophiyaa amantii fi sanyiin wal-qoqqooduu dhiisanii guddina biyyaaf akka wal-ta’uun hojjataniif waamichas dhiyeessaniiru.
Haaluma walfakakatunis mootummaan Itoophiyaa marii nagaa Onkoloolessa 24 Afrikaa Kibbaatti gaggeeffamuuf jiru irratti waamicha Komishiniin Gamtaan Afrikaa dhiyeesse fudhachuu isaa Kamisa Onkololeessa 20, 2022 beeksisee ture.
Gorsaa Nageenyaa MM Abiy Ahmad kan ta’an Ambasaaddar Reedwaan Huseen, “Mootummaan Itoophiyaa marii nagaa buusuu Afrika Kibaattii gaggeeffamu irratti hirmaachuuf qophii ta’uu irra deebin mirkaneessa” jechuun fuula tiwitara isaanii iratti barreessan.
Kanaan duras mariin nagaa Komishinii Gamtaa Afrikaatin durfamu Afrikaa Kibbaatti ni gaggeeffama jedhamee ture sababa rakkoolee ‘lojistikiitin’ jedhamuun yeroo hin beekamnetti darbuunsaa ni yaadatama.
Amma immoo Gamtaan Afrikaa marichi akka itti fufuuf gaafa Onkoloolessa 24tti beellama qabachuu gama mootummaa Itoophiyaa irraa dhagahamera.
Marii nagaa Afrikaa Kibbaatti gaggeeffamuf jira jedhame kana ilaalchisee mootummaa itoophiyaatiin alatti gama humnooti Tigraayin hanga ammaatti waanti jedhame hin jiru.
Waraannni Kaaba Itoophiyaatti irra deebin Hagayya eegaleen waraanni Itoophiyaa magaalota akka Shiree fi kanneen biroo to’achuu jalqaba torban kanaa beeksisee ture.
Waarana kaabaa biyyattitti gaggeeffamaa jiru kanaanis waggoota lamaan darban keessatti namoonni kumaatamaan lakkaa’aman du’ufi miliyoonooti buqqaafamutu himama.baatu.’’












