“Yeroo kana barreessaa jirutti dirooniin waraanaa mataa koorra marsaa jirti”- Gaazexeessaa Maqaleerraa

Oolmaa daa'immanii Maqaleetti haleellaa qilleensarraan miidhame

Waraanni Naannoo Tigraayitti babal’achaa deemuu hordofee jiraattonni waraanicha keessatti hirmaattota ta’aniiru.

Ajajoonni humnoota Tigraay akka haaraatti uummanni naannichaa akka duulu waamicha dhiyeessaniiru.

Kanaan duras namoonni nagana akka wanaanicha keessatti hirmaataniif dirqisiisaniiru himannaan jedhu irratti dhiyaateera.

Mootummaa Itoophiyaa tumsuudhaan waraanatti kan seente Ertiraan hunduu akka duuluuf waamicha taasisteetti; dirqamaanis namoota qabdee waraanatti ergaa akka jirtu himameera.

BBCn magaalaa guddoo Tigraay, Maqalee, kan addunyaa irraa addaan cittee jirtu keessatti gaazexeessaa argamu argachuun waan keessa darbaa jiran ilaalchisuun gabaasa addaa argateera.

 Uummata kuma 300tti dhiyaatu qabdu magaalaa Maqalee irra dirooniiwwan (xiyyaara nama maleeyyiin) haala guyyaa guyyaan jechuun danda’amuun samiirra marsu.

Yeroon barreeffama kana barreessaa jiru kanatti dirooniiwwan yeroo mataa koorra marsan natti dhaga’ama.

Miira sodaafi yaaddootu natti dhaga’ama.

Haleellaawwan qilleensarraa torbanoota muraasa darban keessa raawwatamaniin oolmaa daa’immaniifi bakkawwan maneen jireenyaa rukkutamaniiru. Xiyyeeffannaan isaanii maal akka ta’e ifa miti.

Torban kana keessa waraanni Tigraay namni humna qabu hunduu qabsootti akka makamuuf waamicha dhiyeesseera.

Waggoota lamaaf waraanichi butuchus uummatichi waraanuudhaaf waamicha taasifame simatee duulaa jira.

“Qabsichatti makamuu dhiisuun akka waan ceeraa/fokkuu ta’eetti ilaalama,” jechuun jiraattuun nageenyasheetiif jecha BBC maqaa hin eerre ni dubbatti.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Yeroo ammaa kanatti dhalattoonni Tigraay bulchiinsa mootummaa Federaalaa hin fudhannu jechuudhaan cichoominaan dhaabbachaa jiru.

Ministirri Muummee Itoophiyaa aanga’oonni naannichaa aangoo waggoota afur dura dhaban deebifachuudhaaf fincilan jechuudhaan himatu.

Jiraattonni Tigraay ammo mirga isaanii kabachiifachuudhaaf kaaneerra jedhu.

Waliigalteen waraana dhaabuu namoomaa qaamoleen lamaan taasisan turtii ji’oota shaniin booda diigamuu hordofee waraanichi Hagayya darbe deebiyee hammaateera.

Waamicha aanga’oonni TPLF uummatichi dhimma jiraachuufi jiraachuu dhabuu isaatiif akka falmatuuf taasisan hordofee dubartootaafi dargaggoota dabalatee qaamoleen hawaasaa hunduu qabsichatti makamaa jiru.

Dubartoonni leenjii loltummaa fudhatanii yoo waamaman waraanuudhaaf qophii akka ta’an dubbachaa jiru.

 “Tigroota ta’uu keenyaaf sabboonummaati nutti dhaga’ama. Mirgoota koo kabachiifachuuf, akkasumas lafa koo eeggachuudhaaf leenjii fudhachuu kootiif nan gammada,” jechuun shamarreen umuriin ishee wagga 23 natti himteetti.

 Tigraay Waxabajji darbe irraa kaasee dhorkaan waan irra kaa’ameeruuf haalli jireenyaa yeroorraa gara yerootti hammaachaa dhufeera.

Tajaajilawwan bilbilaafi interneetaa erga addaan citanii waggaan tokko darbeera. Addunyaa biraarraa addaan citnee jirra.

Namoonni baayyeen maatiiwwaniifi hiriyyoota isaaniif ergaa erguudhaaf gara yeroo xalayaa barreessuutti deebiyaniiru.

Tokko tokko ammo gara daangaa Naannoo Amaaraa deemuudhaan bilbila bilbilu, akkasumas maallaqa biyya alaatii maatiifi firoota isaaniirraa ergamuuf fudhatu.

Oduu dhageeffachuufi maal ta’aa akka jiru baruudhaaf namoonni hedduun qarqara daandiitti raadiyoo tokko marsanii dhaggeeffatu. Namoonni hunduu waa’ee adeemsa marii nagaa dubbata, akkasumas oduuwwanis xiyyeefffannaan hordofu.

Haata’u malee, jiraattoonni naannoo Tigraay mootummaan Itoophiyaa marii nagaatiif qophii akka hin taane amanu. Kanaafis akka ragaatti haleellaa boombii hin dhaabbanne kaasu.

Tigraayiitti hojjachuus ta’e maallaqa argachuun hin danda’amu. Baankiiwwanis waan cufamaniif maallaqa baafachuun hin danda’amu. Kanarraa kan ka’e sochiin dhaabbilee daldalaas dhaabbateera.

Gama biraatiin ammoo gabaawwan bakkawwan banaarraa babal’ataa jiru. Maallaqnis kan socho’u gabaa gurraacharratti yoo ta’u, dallaalonni yoo xinnaate komishinii parsantaa 30 ta’u ni gaafatu.

Kunis baatiiwwan muraasa dura parsantaa 50 irra kan ture yoo ta’u, amma hanga tokko fooyya’insa agarsiiseera.

Hollaawwan koo jireenyasaanii kan gaggeeffatan maallaqa Ameerikaafi Kaanaaddaa irra ergamufiin.

Hollaankoo tokkos firoonni isaa yoo maallaqa hin ergineef ta’e ijoolleesaa shaniif waa laachuu akka hin dandeenye natti himeera.

Ameerikaa irraa obboolaa lama akka qabu kan dubbatu namni kun, erga dhorkaan naannoo Tigraay irra kaa’ame asi yeroo afuri maallaqni ergameefiira.

Magaalaa Maqalee

Waraanicha hordofees tajaajiloonni bu’uraalee misoomaa adda cituufi boba’aa dabalatee shaqaxoonni barbaachisoo ta’an gara Naannoo Tigraay akka hin seennee dhorkamaniiru.

Hedduunis miilaan ykn gaariidhaan imaluuf dirqisiifamaniiru.

Gatiin shaqaxaa haalaan dabaleera. Gatiin xaafii torbanumaan kan dabalu yoo ta’u, bitachuuf yaaduun rakkisaadha.

Yeroo ammaatti xaafii kiloograamni 100 doolaara 265 (gara qarshii kuma 15) yoo ta’u, wagga tokkoon dura doolaara 85 ( birri kuma shan ture).

Sababii marfama naannicha irra jiruutiin kan ka’e qorichi gara naannichaa waan hin galleefis baayyeen hanqina qorichaatiin du’aa jiru.

Kanneen yeroo dheeraaf dhukkubsatan qoricha barbaacha rakkataa kan jiran yoo ta’u, qorichoonni argamanis gatiinsaanii dachaa kudhaniin dabaleera.

Haleellaa qilleensarraa haaraan naannichatti raawwatamaa jiruun namoonni nagaa heduun ajjeefamuu itti fufusaatiin, dargaggoonni hedduunis akka waraanaatti dabalamaniif sababa ta’aa jira.

Jiraattuun Tigraay umuriin wagga 29 ta’e tokko, miseensoonni maatiishee sadi: obbooleettiin isheefi obboolaan ishee dhiiraa laam waraana naannichaatti makamuu natti himteetti.

Baatiiwwan lamaan darban keessatti waan qabduufi yeroo isheetti fayadamuun miseensoota loltoota naannichaatiif nyaata bilcheessaa jirti.

Jiraattoonni kaanis nyaata qaban maatiiwwan loltoota adda waraanaatiif ergan waliin hirmachuun nyaatu.

Torban darbe mariin nagaa jaarsummaa Gamtaa Afriikaatiin Afirkaa Kibbaatti gaggeeffamuuf ture ilaalchise oduun wayita dhagahameetti ummanni baayyee gammadee ture.

Haata’u malee, marichi sababii ifa hin taaneen osoo hin gaggeeffamiin hafeera.

 Tigraayiitti hedduun nagaa barbaadu, nagaan akka bu’u taasisuufis bataskaanawwan fi masjiidawwan keessatti kadhannaa taasisu.

Keessattuu galagala maneen amantaa kunneen namaan kan guutamaniidha. Ummanni waraanni akka dhaabbatuuf kadhannaa taasisaa jira.

BBCn nageenya isaaniitiif jecha eenyummaa gaazexessaafi namoota yaada isaanii kennan ifa hin taatsisu.