TPLF waraanatti akka makamaniif Tigiroota hundaaf waamicha taasise

Madda suuraa, Getty Images
Gareen finciltotaa Adda Bilisa Baasaa Uummata Tigraay (TPLF) warana mootummaa Itoophiyaa waliin gaggeessaa jiru qolachuuf dhalattoonni naannichaa hundi akka waraanatti makamaniif waamicha taasise.
Ibsa TV kan TPLF waliin hidhata qabu Dimtsa Wayyaanee jedhamu irratti dhiyaateen, "jiraachuu keenya mirkanneessuudhaaf’’ dhalattoonni naannichaa hundi waraana ‘‘sadarkaa murteessaa irratti argamu’’ kana keessatti akka hirmaatuuf waamicha taasise.
Aanga’onni TPLF waamicha kana kan taasisan, mariin nagaa TPLF fi mootummaa feederaalaa gidduutti Afriikaa Kibbaatti Sanbataafi Dilbata irraa taasifamuuf ture erga sababii ‘loojistiikiitin’ yeroo hin beekamnetti dhereeffameen booda.
TPLF ‘‘Qabeenyaa keessan qindeessuudhaan akka jiraachuu keenya mirkaneessinuuf waraana sadarkaa murteessaa irra gahe kana keessatti hirmaattaniif waamicha dhiyeessineerra’’ jedha ibsi TV humnichaa irratti dubbiifame kunaan.
Waaraanni kaabaa Itophiyaa wagga lama guutuuf guyyoonni muraasni qofti hafe kanaan addawwan garaagaraa irratti waraanni cimee gaggeeffamaa jiraachuutu himama.
Dubbii Himaan Adda Bilisa Baasaa Tigraay (TPLF) Obbo Geetaachoo Raddaa gamasaatiin ergaa karaa tiwitara isaatiin Dilbata Onkolooleessa 9, 2022 barreesseen, ‘‘Humnootiin Ertiraa fi Itoophiyaa ganama kana humnoota kumootaan lakkaa'amaniifi gareewwan meekaanaayizid ta'an waliin karaa addawwan Raamaa, Tsoranaafi Zaalaanbassaa haleellaa guutuu marsuun raawwataa jiru,’’ jedhee ture.
Barreeffamni kun qabiyyee [social_media-site]n dhiyaatan qaba. Tarii 'cookies' fi teknolojiiwwan biraa fayyadamuu waan danda'aniif, osoo tokkoonsaa gadi hin buufamiin dura hayyama keessan gaafanna. Osoo hin simatin dura Ximaammata cookies fi imaammata mateenyaa dubbisuu barbaadda ta'a. Qabiyyee kana ilaaluuf 'waliigaluun itti fufi' filadhu.
Xumura maxxansa X
Ibsi TV garichaa irratti afaan Tigraaffiitiin dubbifameen, Tigroonni hundi akka waraanatti makamaniif waamicha taasise kunis, erga Obbo Geetaachoo Raddaa waraanni addawwan jedhaman kanneeniin gageeffamaa jiraachuu barreessee guyyaa tokkoon booda ture.
Waa’ee waraanni karaa daangaa Ertiraafi Itoophiyaatiin gaggeeffamaa jiraachuu ilaalchise gama mootummaa Itophiyaatiin kan jedhame jiraachuu baatulleen, suuraaleen BBC karaa saataalaayitiin jalqaba Fulbaana 26, 2022 irratti argateen, daangaa Itoophiyaa-Ertiraa irratti loltoonniifi meeshaaleen waraanaa jajjaboon kuufamuu mirkaneffaachuu gabaasuun isaa ni yaadatama.
Akka ergaa Obbo geetaachoo kanatti waraanni Itoophiyaa fi Ertiraa halleellaa haaraa bal’aa ta’e fudhachuuf loltoota kuma kudhaniin lakkaa’amaniifi meeshaalee waraanaa mekaanaayidii hiriirsuun addawwan garaagaraatti bobbaafamu hime ture.
Gareen TPLF dhalattoonni naannichaa akka waraanaatti makamaniif waamicha yoo taasisu kun kan jalqabaa isaa miti.
Haaluma walfakkaatunis mootummaan Ertiraas waraana marsaa sadaffaa eegalusaatiin dura lammiilee Ertiraa human eeggataa umuriinsaanii wagga 55 gadi ta’e hundi atattamaan akka gabaasa taasisan waamuunsaa ni yaadatama.












