Mootummaan Itoophiyaa affeerraa marii nagaa TPLF waliin AUn dhiyaateef fudhachuu beeksise

Waraana kaaba itophiyaa

Madda suuraa, Getty Images

Mootummaan Itoophiyaa marii nagaa waraana kaabaaa Itoophiyaatti humnootii Tigraay waliin gara waggaa lamaatiif gaggeeffame karaa marii nagaatiin furuuf Gamtaan Afriikaa (AU) waamicha dhiyaateef fudhachu beeksise.

Gamtaan Afriikaa qaamolee wal waraanaa jiran Mootummaan federaalaa fi humnootiin TPLF gara marii nagaatti akka deebi’aniif torban darbe keessa xalayaa barreessuun barameedha.

Mootummaan Itoophiyaa ibsa gabaabduu karaa Tajaajila Komuunikeeshinii Mootummaatiin baaseen qaamooleen marii nagaa kana hoogganan, guyyaafi eddoon marichi itti gaggeeffamu ibsamuun waamichi akka dhiyaateef himeera.

Haata’u malee waamicha Gamtaan Afriikaa qaamoolee wal waraanaan lamaaniif akka marii nagaatti deebii’aniif taasisee jedhame kanarratti gama TPLFn hanag yoonaatti kan jedhame hin jiru.

Itti dabaluunis affeerraan Gamataa Afriikaatiin dhiyaate kan ejjannoowwan mootummaa Itoophiyaa eeggatee ta’uun argateerras jedhe ibsichi.

‘‘Mariin nagaa kun jaarsummaa Gamataa Afriikaa qofaaniifi haal-duree tokko malee akka gaggeeffamu mootummaan ejjannoosaa ibsaa turuun ni yaadatama’’ jedheera ibsichi.

Kanaan dura humnootiin TPLF gama isaanitiin marii nagaatiin wal dhabdee jiru furuudhaaf qophaa’ee ta’usanii ibsuun ni yaadatama.

Mootummaan Itoophiyaa ibsa Roobii Onkolooleessa 5, 2022 baasee kanaan, ‘‘Walitti bu’insicha furuudhaaf tarkaanfiiwwan furmaataa gosa kamuu fudhachuudhaaf sochaa turuunsaa kan yaadatamu yoo ta’u, ammas cimsee kan itti fufuu ta’e jechuun’’ marii nagaatiif qophii ta’u ibseera.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Rooyitarsi maddeen dippiloomasii wabeeffachuun akka gabaasetti, mariin kun dhuma torbee kanaarratti Afrikaa Kibbaatti eegalamuuf karoorfame.

Gorsaan Nageenya Biyyaalessaa Itoophiyaa Ambaasaaddar Redwaan Huseen, mootummaan marichi haal-duree malee akka eegalamu duraanuu ejjannoo agarsiisaa waan tureef amma affeeraa dhihaate ni simata jechuun tiwiitara isaaniirratti barreessan.

Xalayaa waamichaa Dura Taa’aa Komishinii Gamtaa Afrikaa Muusaa Faakii Mahamatiin mallattaa’uun Onkolooleessa 1, 2022 bahe irratti akka caqafameetti, mariin marsaa tokkooffaa Dilabata Onkolooleessa 8, 2022 Afriikaa Kibbaatti eegalama.

Maddi Oduu Rooyitarsi gamasaatiin madden dippilomaatootaa eeruun, Gmataan Afriikaa dura taa’aa TPLF Dabratsiyoon Gabramikaa’eeliif xalayaa affeerraa erguu gabaaseera.

Affeeerraa jedhame kana ilaalchisees Rooyitarsi dubbi Himaa TPLF Obbo Geetaachoo Raddaa irraa mirkanneeffachuuf gaaffii dhiyeesseen, waa’ee marii dhiheenyatti gaggeeffama jedhameerratti omaa akka hin beekne ibsuu dabaluun gabaaseera.

Waraanni kaaba Itoophiyaatti waggaa lama dura eegale ji'oota shaniif erga tasgabbaa'ee booda Hagayya darbe keessa bifa haaraan eegale.

Waraanni kun akka haaraatti eegaluusaaf mootummaa fi TPLF quba walitti qabu.

Waraana waliinii Kaaba Itoophiyaa karaa marii nagaa furuuf jaarsummaa Oliseegun Obasaanjoo fi marii Gaaddisa Gamtaa Afrikaa jalatti gaggeeffamu didaa kan turan humnoonni TPLF, waraanni bifa haaraan akkuma eegaleen Gamtaa Afrikaa jalatti mari'achuuf fedha qabaachuu ibsanii turan.

Ta'us garuu ergasii haleellaawwan qilleensaa fi lafoo itti fufuu humnoonni TPLF himachuu hin dhiifne.