Haleellaa qilleensarraa kaaba lixa Tigraayiitti raawwatameen namoonni ajjeeffamuun himame

Madda suuraa, Tigray TV/Facebook
Haleellaa qiilleensaa guyyaa Kibxatataa Fulbaana 27, 2022tti Kaaba lixa Tigraayiitti raawwatameen yoo xinnaate namoonni jaha ajjeeffamu maddeen namoomaa BBCtti himan.
Haleellaan qilleensaa kunis magaalaa Addii Daa’iroo jedhamtu keessatti kan raawwatame yoo ta’u, humnootiin Tigraayis Ertiraan halellicha raawwachu himatan.
Kanaan duras waraanni Ertiraa mootummaa Itoophiyaa tumsuun naannicha keessatti waraana keessatti hirmaachuuf himannaa irratti dhiyaateef deebii hin kennine.
Haleellaa qilleensaa amma raawwatame jedhame kunis magaalaa daangaa Itiyoo-Eritiraa irratti argamtutti yoo ta’u, buufanni TV naannichaas namootaa fi manneen haleellaan barbadaa’an agarsiiseera.
Aanga’oonni Tigraayis haleellichi kan irratti kiyyeeffate naannawa namoota nagaa keessa jiraatan irratti ta’uu kaasuun balaalleeffatanii ture.
Namoonni haleellichaan miidhaman gara hospitaalaatti yoo geeffaman arguu hojjattoonni dhaabbilee gargaarsaa BBCn dubbise himan.
Aangaa’oonni Tigraay haleellichi guyyaa Kibxataa ‘irra deeddeebiin’ raawwatamu fi kanaanis manneen jireenyaa barbadaa’uu himanii ture.
Haata’u malee BBC haleellaa qilleensaa jedhame kana madda walabaa irraa mirkanneefachu hin dandeenye.
Naannoo Tigraayiitti erga waraanni waggaa lama ta’uuf deemuu eegalee kaasee malliiwwan quunnamtii hedduun adda cituun gaazexessitoonni gara naannichaa akka hin seenneef dhorkamuun ni yaadatama.
Ta’us dhiheenya kana BBC karaa saatalaayitiin looltoonnii fi meeshaalee waraanaa gurguddaan daangaa Itoophiyaa fi Ertiraa irratti walitti qabamu suuraalee mul’isan agrateera.
Waraanni Kaaba Itoophiyaatti Sadaasa 4, 2020 eegalee ture jidduun baatiiwwan shaniif dhaabbatus jedhulleen deebisee amma akka haaraatti baatii Hagayyaa keessa eegaluun ni yaadatama.
Torbanoota darban keessaa bakkeewwan garaa garaatti waraanni gaggeeffamaa jiraachu himamulleen garuu dhimma kanarratti odeeffannoo bal’aa argachuun hin danda’amne.












