Ertiraatti namoota waraanatti guuruun hawaasarra dhiibbaa geessisaa jira

Eertiraan dirqamaan loltoota yeroo of eeggannoo gara adda waraanaatti bobbaasaa jirti

Madda suuraa, Miidiyaa Hawwaasaa

Dhiyeenya kana mootummaan Ertiraa humni waraanaa eeggataa ta’e gara adda waraanatti akka duulaniif waamicha dhiyeessuu isaa BBCn maddoota amanamoo waabeffachuun gabaasee ture.

Ministeera Odeeffannoo Ertiraa Obbo Yamaanaa Gabramasqel, “Gabaasni BBC waanta lafa jiru jallisuuf itti yaadamee kan bocameedha” jechuun komatanii turan.

Maatiin namoota humnaan fudhatamanii fi humnoota eeggataa ta’anii sodaa fi yaaddoo qaban BBCtti himaniiru.

Duulli dirqamaa maalif barbaachise?

Marsariitin dhuunfaa ‘Tesfa News’ jedhamu Yamaanaa Gabranasqal jedhaniiru jedhee akka gabaasetti Ertiraan bara 2018 Itoophiyaa wajjin erga nagaa buustee Tigraay akka qaama Itoophiyaatti fudhatee fi Tigraay irraa xiyyeeffannoo addaa akka hin qabne ibsan.

Garuu TPLF Ertiraatti hanga jijiirraa mootummaa fiduutti kaayyoo qabatee jira jechuun Yamaanaa Gabrasaqal waabeffatee barreessa marsariitin kun.

Kutaa Ertiraa gara baddaas qaama ‘Tigraay Guddititti’ dabaluuf karoora akka qabuu fi Ertiraan ofirraa ittisuuf mirga akka qabdu ibsaniiru jechuun gabaase Tesfa News.

 Xinxaalaa siyaasa fi falma mirga namaa lammii Ertiraa kan ta’e Sangaal Waldanisa’aa yaada Yaamaanaa Gabramasqal dubbatan jedhame ilaalchisee yaada kenneen, mariin araaraa Itoophiyaa wajjin eegalame xumuramee rakkoon Tigraay wajjin jiru [Ertiraan] mootummaa Itoophiyaa wajjin karaa dippilomaasii xumuruu qabda ture jedha.

Waa’ee himata yaaddoo ‘nageenya biyyoolessaa’ Tigraay irraa ka’a jedhamee ammoo himannaa qaama sadaffaan hin mirkanoofne ta’uu eeruun biyyi tokko rakkoo keessoo yoo qabaatte ofitti deebitee jalqaba lammiilee olaantummaa seeran gaggeessuu fi guddina diinagdee argamsiisuu akka qabdu ibsa.

“Mootummaan Ertiraa keessoo isaa ilaalee rakkoolee qabu furee ummata isaa tokko gochuun karaa dimokiraasii osoo gaggeessee humnoonni ‘diina’ jedhaman hiika hin qaban ture,” jechuun biyyattii keessa haala rakkisaa jiru agarsiisa xinxaalan kun.

Torbanoota darbe keessa abbaan ishee waraana hin deemu waan jedheef qofa haadha ishee fi obboloota ishee xixiqqoo manaa fudhatamanii deemuu kan himtu Tigist horiin isaanii ammoo manaa akka hin baane godhamuu isaanii himti.

Nageenya maatii isaaf jecha abbaan ishee harka kennatee akka jiruu fi yaada Obbo Yamaanan kennan mormuun waraanni kan uummata Ertiraa akka hin taane himti.

Isra’elitti baqachuun yeroo dhiyoo Kanaadaa namoota seenan keessaa namoonni BBCn dubbise akka jedhanitti waraana bara 1998-2000 Itoophiyaa fi Ertiraa gidduutti gaggeeffameen yaadannoo godaannisaa akka qaban dubbatu.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

“Aarsaa nuti kaffalleen ijoollen keenya nagaan jiraachuu osoo qabanuu obboloonni keenya bara 2000 booda dhalataniidha amma waraana kana keessatti humnaan hirmaata kan jiran,” jechuun dubbata namni BBCn dubbise kun.

“Bara 2000 booda nurratti raawwata hin seene. [Garuu] gammoojjii Saharaa fi Sinaa qaxxaamurree baqannee Israa’el galle. Amma immoo as jirra. Maatin keenya biyya isaanii keessatti gammadanii akka hin jiraanne haala isaan hin beeknen [waraanatti] dirqamanii akka geeffaman gaafa dhageessu, dadhabbiin keenya gatii akka dhabetu nutti dhagahama,” jedha Hubaddiin.

Siyaasa Ertiraa itti dhiyeenyan kan hordofuufi mirga namaaf kan falmu Dasbalaa Mahaarii ammooo yaada Yamaanaa Gabramasqal ‘haleellaf saaxilamneerra’ jedhu “mala abbootin irree dhugaa jalaa dhokachuuf uumaniidha” jechuun kufaa godha.

Xinxaalan siyaasaa kun, Ertiraatti maatin horiin isaanii osoo hin hafiin qabeenyi isaanii jala hatame akka jiran ibsuun namoonni gadda guddaa keessa akka jiranii fi biyyattii keessatti seenaa dukkanaa’aa ta’ee galmaa’ee akka darbu dubbata.

“Biyyi ijoolleen isaanii gatii guddaa itti kaffalanii fidan bulchiinsa hamaa akkasii harkatti kufuun ishee nama gaddisiisa,” jechuun dubbata Dasbalaa Mahaarii.

Guyyaa kaleessaa Fulbaana 20, 2022 laga Takazeetii kaasee hanga Iroobitti waraanni guddaan gaggeeffamaa jiraachuu miidiyaa hawaasaa irraa kan dhageesse fi ijoollen ishee lama waraana keessa jiraachuu kan himte Wiintan, “Hanga yoomitti dhiigaa jiraanna?” jechuun gaafatti.

Uummanni Ertiraa garaa qulqulluun Waaqayyo irraa araara akka kadhatu gaafatti Wiintan.

“Uummanni hacuucamaan Ertiraa hudni keenya, uummanni Tigraay fi uummanni Itoophiyaa akkasumas uummanni addunyaa waraanan dhiphataa jiru hundi Waaqayyo araara isaa nuuf haa ergu,” jechuun dubbatte.

Biyya guddatanis ta’ee guddataa jiran keessatti namni maatii bulchu tokko gara dirree waraanatti gaafa geeffamu maatii sanaaf itti gaafatamummaa kan fudhatu mootummaa akka ta’e hima Obbo Dasbaalan.

Dasbaalan akka jedhutti mootummaan Ertiraa erga biyyattiin bilisummaa argattee namoota qabsoo keessa turaniif deeggarsa muraasa godhee namoota fedhii qaban leenjisuu osoo qabuu sana hin godhin akka hafeefi duulli namoota humnaan gara waraanatti guuruu maatii namoota kanaa irratti dhiibbaa guddaa qaqqabsiisaa jira jedhe.

Bara 1994 irraa eegalee tajaajila ji’a 18 qofaa jechuun kan jalqabame dirqamni waraanaa dhuma hin qabne hanga ammaa Ertiraa keessatti itti fufee akka jiru dubbatu namoonni kun.

Yeroo ammaa Kanaadaa kan jiraatu Hubaadin, “Xiqqaatus guddatus maatiin keenya midhaan isaan waktii gannaa facaasan yeroon itti sassaaban dhiyaataa jira. Dargaggoonni silaa maatii isaanii gargaaran hanga yoomitti boqonnaa dhorku? Mana saamsuun, horii ugguruun uummata haala hamaa keessa galchaa jiru” jedha.

Eertiraatti namootni hedduun dirqamaan gara waraanaatti akka makaman tahaa jira jedhame

Madda suuraa, Miidiyaa Hawwaasaa

Rakkoo xiin-sammuu

Sababa waraana gaggeeffamaa jiru kanaan maatin tokko tokko yaaddoo irraa kan ka’e rakkoo xiin-sammuuf akka isaan saaxilaa jiru himu.

Ertiraa godiina Ansaabaa keessa kan jiraatan Adde Hansun, “Ijoollen keenya karaa Sudaani fi gammoojjii Sahaaraa jireenya du’aaf kenninee jirra.”

Amma immoo abbaa warraa fi ijoollee keenya hafan waraana maalummaa isaa hin beeknef humnaan guuramaa jiru” jechuun dubbatti.

 Dargaggoonni Ertiraa baay’en isaanii tajaajila waraanaa biyyoolessaa daangaa hin qabne baqa biyyattii gadi dhiisun baqatu.