Mootummaan Ertiraa 'dargaggoota tajaajila loltummaatii miliqan adamsaa' jira jedhame

Dargaggoota tajaajila loltummaa biyyaalessaaf tajaajilan

Madda suuraa, SM

Mootummaan Ertiraa dhimmoota ittiin qeeqamu keessaa tokko kan ta’eefi tajaajila waraana biyyaalessaa waliin walqabatee bakkeewwan biyyattii garagaraatti sakattaa adeemsisuu maddeen BBC’tti himan.

Dhalattoonni Ertiraa Awurooppaafi Ameerikaa jiraatan BBC’tti akka himanitti gammoojjiiwwan keessatti sababa duula kanaan dargaggoonni humnoota nageenyaan adamsamaa jiru.

Dargaggoonni adamsamaa jiran kanneen tajaajila looltummaa baqataniifi hin hirmaannedha.

Himannaafi komii lammiilee Ertiraa Awurooppaafi Ameerikaa jiraatan kaasan gama aangawoota mootummaa Ertiraa biraa deebii argachuuf yaaliin BBC’n taasise hin milkoofne.

Torban lamaan dura humnoonni nageenyaa biyyattii qe’eewwan tabboota Abbahaaniifi Di’oot jedhaman jalatti argaman sakatta'aa turuun himameera.

Humnoonni nageenyaa hidhatan gandoota Ahuruur, Mi’eelaa, Addi- Qonphi, Addi-Finiih, akkasumas gandoota Heboo sakatta’aniiru.

Gandoota kanatti kanneen waraana keessaa bahaniifi gara bakka leenjii waraanaa kennamu Saawwaatti deemuu dhabuuf dhokataniiru jedhan barbaadaa turani.

Humnoonni nageenyaa kan barbaadan gaafa dhaban maatii manaa baasanii mana isaanii saamsuu dhalataan bakkichaa Norweey jiraatuufi Adihaanom jedhamu waan jiraattotarraa dhagahe BBC’tti himeera.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

‘‘Loltoonni maqaa dargaggoota waraana keessaa kan bahaniifi gara Saawwaa deemuu diduun dhokatan bulchiinsa naannicharraa qabatanii dhufanii sakatta’aa, gaafa dhaban manicha waan saamsaniif daa’immaniifi haadholeen haala rakkisaa keessa jiru,’’ jechuun hime.

Tajaajilli loltummaa biyyaalessaa Ertiraa yeroo dheeraaf adeemsifamaa ture daangaa yeroo hin qabu.

Dabalataan, kaffaltii gahaas waan hin qabneef dargaggoonni eeyyama boqonnaa gaafachaa hojii humnaa hojjechaa maatii isaanii deeggaraafi maatii isaanii bulchuuf akka dirqaman namoonni tokko tokko himu.

Haalli kuni bakkeewwan dhihoo sakattaan itti taasifame qofa osoo hin taane dargaggoota Ertiraa keessa jiran mara kan ilaallatudha.

Tajaajila loltummaa biyyaalessaa sababoota lammileen biyyattii baqattummaan gara biyya biraatti akka baqatan taasisan keessaa tokko akka ta’e himama.

Qe’eewwan Dan’aadagla gaarreen Baha Ertiraatti argamaniifi lafa magariisaa qabuuti dargaggoon dhufan maatii isaanii gargaaruuf of dhoksaa akka jiran himama.

Dargaggoonni kunneen tajaajila loltummaa biyyaalessaa daangaa hin qabne jalaa baqachuuf gammoojjii qe’ee dhaloota isaaniitti argamutti baqatanii dhokatanii akka jiran Miilaan keessa kan jiraatu Abirahaam Mahaaranaa BBC’tti himeera.

Tajaajila loltummaa biyyaalessaa

Tajaajilli loltummaa biyyaalessaa Ertiraa keessa erga labsamee eegalee dargaggoonni umriin isaanii gahe tajaajila kana hirmaachuun dirqama isaaniiti.

Labsii kana booda barumsa isaanii kan xumuraniis ta’e adda kutan umriin isaanii waggaa 18 gaafa isaan guute leenjii ji’a jahaa hordofuufi tajaajila waggootaaf turu tajaajiluuf dirqama qabu.

Itoophiyaafi Ertiraan sababa daangaan erga waraana gaggeessani jalqabee wagga waggaan dargaggeessi Ertiraa tajaajila kana seenu malee kan bahu hin jiru jedhu namoonni tokko tokko.

Dhaabbileen mirga namoomaa Aminastii Intarnaashinaaliifi Humaan Raayitis Waach, tajaajilli loltummaa ji’a18 irraa dirqama daangaa hin qabnetti ce’e madda ijoo baqattummaafi sarbama mirga namoomaati jedhu.

Barreessaan tajaajila loltummaa biyyaalessaa Ertiraa Dr Gaayim Kibra’aab akka jedhanitti, maqaa misooma biyyaan miseensonni tajaajila loltummaa daldala aangawoota olaanoof hojjechuuf dirqaman jiru.

Kunneen dararaa hamaan ijibbaatanii biyya isaanii dhiisanii biyyoota ollaafi gara biyyoota Awuroppaatti baqachaa jiru.

Yeroo tokko miseensi tajaajila biyyaalessaa baqatee daangaa yeroo ce’u argame ajajni qawween akka rukutamu jedhu bahee akka ture yaadatu.

Pirezidant Isaayyaas Afawarqii

Madda suuraa, MOI ERITREA

Ibsa waa'ee suuraa, Pirezidant Isaayyaas Afawarqii

Waraana Kaaba Itoophiyaatti ka’eerratti waraanni Ertiraa mootummaa federaalaa deeggaruun hirmaachuu gabaasonni garagaraa ragaa bahaniiru.

Kana hordofee TPLF nu weeraruufi sababa jedhuun ‘duula dirqamaa’ jedheen lammiileen Ertiraa hundi akka hirmaatan waamicha taasisaa jira jedhu Obbo Abirahaam Mahaaranaa.

Duulli ammaas kaayyooma kanaaf yaadamuu akka hin oolle tilmaama isaanii kaa’u.

Kunis lammiileen qe’ee isaaniirraa akka baqatan dirqa akka jiru ibsu.

‘‘Loltoonni gammoojjii Siyaahinaafi Aligadiin akkasumas kaan kana dura tikeenillee keessa hin seennetti bu’uun dargaggoota akka diinaa adamsaa jiru,’’ jechuun himu.

Ummata kana dura fedha ofiin waamicha taasifameen daangaa isaa tikse dhamaasuun fudhatama hin qabu jechuun ibsu.

Waraanni Ertiraa bakkeewwan kanatti buufate sakattaaf akka itti tolu daandiiwwan cufuufi bakkeewwan kellaatti sakattaan cimaa taasifamaa jiraachuu Obbo Abirahaam himu.

Sakattaa adeemaa jiruun ataakiltii kan funaanuu dhibuufi bakka Dan’adaglaa jedhamutti dargaggoon lama dhukaasaan madaa’uu himu.

Akka Adihaanom ibsanitti, tajaajilli loltummaa walakkeessa 1994 erga labsame as dargaggoonni Ertiraa maallaqa xiqqoon qofti isaaniif kennamaa waggoota 20’f tajaajilaa turaniiru.

BBC’n kan dubbise namoonni kuni mootummaan Ertiraa gocha akkanaa akka dhaabu gaafatu.