Tiraamp dhimma Giriinlaand Badhaasa Noobeliin yoo walqabsiisu, Gamtaan Awurooppaa haaloo ba'uuf qophaa'e

Madda suuraa, AFP via Getty Images
Pirezidantiin US Doonaald Tiraamp dhimma Odoola Giriinlaand qabee gadhiisuu dideera. Taarifa eegales doorsisa qofaan akka bira hin dabarree fi dhibba keessaa dhibba akka hojiirra oolchu dhaadateera.
Warri Awurooppaas dantaasaanii akka eeggatan ibsaniiru. Gamtaan Awurooppaa tarkaanfii fudhatamu kamiifuu deebii kennuuf qophaa'uu ibse.
Tiraamp Odoola Giriinlaand irraa fedhii guddaa qabaachuusaa Badhaasi Noobelii Nageenyaa kennamuufii dhabuun walqabsiise.
Kanaan booda ''guutummaatti waa'ee nageenyaa'' yaaduun dhimmasaa akka hin taane ibse.
Dhimma odoola kanaarratti Tiraamp biyyoota Awurooppaa waliin waraana daldalaa hamaa keessa galee jira.
Gaaffii fi deebii NBC waliin taasiseen Giriinlaand fudhachuuf humna fayyadamuu gaafatamee gaaffii kana kuffiseera Tiraamp.
Yoo waliigalteerra hin ga'amne [yoo Giriinlaand dhabe] biyyoota Awurooppaa irra taarifa guddaa kaa'uun akka adabu akeekkachiiseera.
Tiraamp odoola kana biyya miseensa NATO taate Deenmaark harkaa dhuunfachuuf dhiibbaan taasisaa jiru Gamtaan Awurooppaa akka gara tarkaanfiitti deemu kakaaseera.
Atakaaroon kun gamtaa waraanaa abdii biyyoota lixaa ta'e kana gidduutti qoqqoodiinsa uuma jedhamee sodaatama.
Tiraamp dheebuu guddaa Badhaasa Noobelii Nageenyaa argachuurraa qabu ammallee hin ba'in jira.
Yeroo hundaa waa'ee ''Waraana saddeet fi isaa ol dhaabuu'' ibsa, kanaafis Noorway irraa badhaasi kun akka isaaf malu irra deddeebiin ibsa.
Dilbata xalayaa Ministira Muummee Noorway Jonas Gahr Stoere'f barreesseen ''waraana saddeet fi sanaa ol dhaabsisuu kiyyaaf biyyi kee Badhaasa Noobelii Nageenyaa na dhowwachuu wayitan yaadu, kanaan booda waa'ee nageenyaa irratti xiyyeeffannaan hojjechuuf dirqama akkan hin qabnetu natti hubatama,'' jedhe.

