Tiraamp maaliif Giriinlaand barbaada? NATO'dhaaf hiika akkamii qaba?

Madda suuraa, Reuters
Donaald Tiraampiifi gorsitoonnisaa dhihootti Giriinlaand fudhachuuf mari'ataa jiruu jedha Waayit Haawus.
Pireezidantiin US kuni dhimma nageenya Ameerikaaf fayyadudha jechaa jiru.
Fedhii pireezidantichaa hogganoota Giriinlaandiifi miseensa Nato kan taate Deenmaark fudhatama dhabsiisaniiru.
Giriinlaand eessa jirti? Tiraamp ammoo maal fayyadama?
Giriinlaand odola guddoo addunyaa kanaa yoo taatu bantii kaabaa Arktiik irratti argamti.
Kana malees biyya namoonni lafa bal'aa irra xiqqaatanii jiraatanidha. Saboota ganamaa Inuyit jedhaman dabalatee uummata 56,000 Giriinlaandirra jiraata.
Dhibbeentaan 80 dachii kanaa cabbiin waan haguugameef uummati baayyeen kibba-lixa biyyattii iddoo magaalaan guddoo Nuuk argamtu jiraata.
Diinagdeen Giriinlaand irra jireessa daldala qurxummii irratti kan hundaa'e tahus, biyyattiin mootumma Deenmaark irraa deeggarsa argatti.
Tahus baroota dhihoon as barbaachi albuudota gatii jabeessa yuraaniyeemiifi ayiranii dabalatee biyyattiirra fedhiin jiru dabalaeera.
Sababa ho'ii dabalaa dhufeef cabbiin baqaa albuudoti kunneen akka bira gahaman gochaa jira.
Yukireen dabalatee Tiraamp waliigaltee biyyootaa waliin taasisuun xiyyeeffannoon isaa albuudota kunneeni dha.
Haa tahu malee Tiraamp ''Giriinlaandiin nageenya biyyaalessaaf barbaadna, albuudaaf mitii,'' jedhee ture.
Kana malees ''Giriinlaand keessa dooniiwwan Raashiyaafi Chaayinaatu akka fedhe socho'aa jira,'' jedheera Tiraamp.
Miseensonni paartii Rippaabliikaanaa baayyeensi biyyooti lameen kunneen Ameerikaaf yaaddoo dha jedhanii yaadu.
Tiraamp dhimma Giriilaand irratti maal jedhan?
Tiraamp Pireezidantii Veenzuweelaa to'annoo jala oolchuun booda Giriinlaand fudhachuuf waamicha dhiyeessaa ture irra deebi'eera.
Ministirri Mummee odola kanaa Jeens Fireedriik ''egaa ni gaha'' jechuun yaada Ameerikaan US to'achuuf qabdu ''abjuu' jedhan.
Tahus Tiraampiifi michooti isaa yaaddoo qaban irra deddeebiin dubbatu.
Pireezidantichi karoorrisaa qoosaa akka hin taane himuun Giriinlaand akkuma Awurooppaaf barbaachiftu Ameerikaafis ni barbaachifti jedhe.
Gargaaraan olaanaa Tiraamp Isteefan Miilar ''egeree Giriinlaand irratti kan Ameerikaa irratti lola kaasu hin jiru,'' jedhe.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Ameerikaan humna waraanaa fayyadamtee biyya kana akka qabattu hin murteessine. Hogganaan Ittisaa Biyyaa Ameerikaa Piit Heegis dubbii kongireesiif Waxabajji darbe taasiseen Peentaagoon Giriinlaandiif ''filannoo biraa qaba,'' jedhe.
Oppireeshinii Veenzuweelaan booda Tiraampiifi michootisaa Giriinlaand qabachuuf ''humna waraanaa US fayyadamuun'' filannoo akka tahe marii'achuu Waayit Haawus himeera.
Bara 2019 yeroo marsaa jalqabaaf aangoorra ture Tiraamp Giriinlaand bituuf gaafatus akka hin gurguramne itti himamee ture.
Bara 2025 Waayit Haawusitti deebi'uun booda Tiraamp fedhii Giriinlaand fudhachuuf qabu akka haaraatti ibsaa jira.
Qondaaloti Ameerikaa olaanoo Giriinlaanditti daawwannaa falmisiisaa godhaniiru.
Pireezidantiin ittaanaa JD Vaans Bitootessa darbe daawwannaa taasiseen Deenmaark invastimantii gahaa gochuu dhiisuun daangaa biyyattii hin tiksine jechuun himateera.
Dubbiin garuu kan hammaate yeroo Tiraamp nama Giriinlaand qaama US tahuu qabdi jechuun dubbatan biyyattiitti abbaasaaddara Ameerikaa akka tahan filachuu dha.
Deenmaarkiifi Nato maal jedhan?
Ejjennoon Tiraamp Deenmaark biyya Ameerikaa waliin yeroo kaan hariiroo gaarii qabdu rifaasiseera jedhe gabasaan dippiloomaasi Jeems Laandeel.
Ministirri Mummee Deenmaark Meet Fireedirisan sochiin Giriinlaand fudhachuuf taasifamu hundi dhuma Nato akeeka jedhan.
Ministirri Mummee UK Sar Kar Istaamar, hogganaan Nato biraa ''harka kee Giriinlaandirraa kaasi,'' jettaanii jedhamnaan ''eeyyee'' jedheera.
Istaamar ibsa hogganoota Firaans,Jarmanii, Xaaliyaan, Poolaand, Ispeeniifi Deenmaark waliin baasaniin, ''Giriiland kan uummatasheeti, Giriilaandiifi Deenmaarkitu hariiroo ofii murteessa,'' jedhan.
Deenmaark maaliif Giriinlaand to'atti?
Giriinlaand qaama ardii Kaaba Afrikaa taatus fageenya km3,000 irraa waggoota 300f Deenmaarkiitu to'ata.
Fedhiin dhimma nageenyaas har'a kan jalqabe miti, bulchiinsoti Ameerikaa lama kanaan dura sochii Giriinlaand qabachuu hin milkoofne taasisaniiru.
Odolli kuni hamma jaarraa 20ffaatti koloniidhaan bulaa turte. Yeroo dheeraaf qollifamtee hiyyummaadhaan turte.
Naazii Jarmaniin yeroo Waraana Addunyaa Lammaffaa qabachuun booda Ameerikaan odola kana weerartee buufata waraanaafi raadiyoo hundeessite.
Ergasii humnooti waraanaa Ameerikaa achuma turan. Buufatni waraanaa Pitaafiik jedhamu ammayyuu Ameeriikaadhaan hogganama.
Bara 1951tti waliigalteen Ameerikaafi Deenmaark gidduu adeemsifame US daangaa kana tiksuun buufata waraanaa ijaaruu dabalatee shoora akka qabaattu taasiseera.
Bara 1953 Giriinlaand qaama Deenmaark akka taatu godhamuun lammiileen Giriinlaand lammummaa Deenmaarkis akka argatan taheera.
Bara 1979tti reefarandamiin adeemsifamuun Giriinlaand dhimma imaammataa irratti akka murteessitu, Deenmaark ammoo waraanaafi hajaa alaa akka to'attu taasifame.
Giriinlaand keessa buufata waraanaa Deenmaarkiifi Ameerikaa ni argamu.
Uummatni Giriinlaand maal jedha?
Doorsisa Tiraamp jalqaba bara 2026 hordofee Ministirri Mummee Giriinlaand Niilsen, ''dhiibbaan gochuu ni gaha, abjuun ofitti dabaluu ni gaha, waan hamaa karoorsuun ni gaha,
''Marii gochuuf fedhii qabna. Garuu kuni karaa qixa taheefi kabaja qabuun raawwachuu qaba,'' jedhe.
Gaazexeessaan BBC bara 2025 yeroo Giriinlaand daawwate gaalee tokko irra deddeebiin dhagaheer, ''Giriinlaand kan uummata Giriinlaand dha,'' Tiraampsi dhaqee dawwachuu danda'a dubbiin garuu kanuma.
Bara darbe filannoon waliigalaasa adeemdifamaa waan tureef dhimmi kuni dubbii ijoo tahee ture.
Yaadi uummataa akka agarsiisutti lammiileen Giriinlaand Deenmaark irraa bilisa bahuu barbaadu garuu irra jireessi namaa qaama US tahuus hin fudhatu.
Bara 2019 yeroo jalqab Tiraamp Giriinlaand bituuf yaada dhiyeessu jiraattonni baayyeen mormaniiru.
''Kuni yaada baayyee balaafamaa tahe dha,'' jedhe Daayin Mikaayelasan lammii Giriinlaandiifi ogeessi turizimii.
''Akka qoodaa nu bituu danda'utti haasa'aa jira,'' jette Ministarri Mummee dubartii jalqabaa biyyattii Aleeqaa Haamoond.












