Tiraamp hanga Nobeelii hin fudhannetti dhimma nagaa 'dirqama hin qabu' jedhan

Pirezidantiin Ameerikaa Donaald Tiraamp biyyoota Awurooppaa taarifaan doorsisaa isa jiran akka hin dhiifne dubbatan. Aangawoonnii Noorweey waakkataniis badhaasicha Norweeyitu to'ata jechuunis himan.

Guduunfaa

Haguuggii Tamsaasa Kallattii

  1. Amma nu gahe, Tiraamp taarifa sababa Giriinlaandiin kaa'uuf jedhan hin dhiisu jedhan

    Pirezidant Donaald Tiraamp

    Madda suuraa, Getty Images

    Pirezidantiin Ameerikaa Donaald Tiraamp biyyoota Awurooppaa taarifaan doorsisaa isa jiran akka hin dhiifne dubbatan.

    Tiraamp Giriinlaand dhuunfachuuf akka barbaadan erga dubbatan booda dureewwan Awurooppaa mormii dhageessisaniiru.

    Tiraamp immoo biyyoota kana adabuuf taarifa 10% oomisha isaanii US seenurra akka kaa'uf jedhan dubbataniiru.

    Ameerikaan Giriinlaandiin humnaan qabachuu barbaaddii jedhamaniii Tiraamp NBC News'dhaan gaafatamanii turan.

    Deebii yeroo kennan ''yaada hin kennu'' jechuun deebisan.

    Tiraamp Ministira Muummee Noorway Jonas Støre waliin yeroo mari'atan, erga Badhaasa Nobeelii hin fudhanneeti dhimma ''nagaa qofa yaaduuf dirqama'' akka hin qabne himani.

    Aangawoonnii Noorweey waakkataniis badhaasicha Norweeyitu to'ata jechuunis himan.

    Tiraamp kana dura irra deddeebiin Badhaasni Nobeelii naaf mala jedhanii dubbataa turani.

    Gaaffiifi deebii NBC waliin taasisaniin dureewwan Awurooppaa ''Giriinlaand osoo hin taane'' Raashiyaafi Yukireen irratti akka xiyyeeffatan dubbatan.

    Giriinlaand qaama US gochuun hanga hin milkoofnetti, biyyoota Awurooppaarratti taarifa kaa'uuf ''100%'' dhiibbaa akka itti fufan dubbatan.

  2. CAF rakkoo naamusaa tapha xumuraa waancaa Afrikaarratti mudate balaaleffate

    Penaalitiin yeroo Morookoof kennamu deeggartoonni Seneegaal humnoota nageenyaa waliin walitti bu'an

    Madda suuraa, Getty Images

    Ibsa waa'ee suuraa, Penaalitiin yeroo Morookoof kennamu deeggartoonni Seneegaal humnoota nageenyaa waliin walitti bu'an

    Konfedereeshiniin Kubbaa Miilaa Afrikaa (CAF) tapha xumuraa waancaa Afrikaa Seeneegaalii fi Morookoo gidduutti taphatame irratti rakkoo naamusaa taphattoota tokko tokkoo fi qondaalotaan uumame balaaleffate.

    CAF amaloota sirrii hin taane tapha kanarratti mul'atan, keessumaa garee daanyotaa fi qindeessitoota irratti kanneen naamusa hin taane mul'isan balaaleffateera.

    CAF viidiyoo tapha kanaa guutuu keessa deebiin ilaaluun fi qaamni dhimmi ilaallatu kanneen badii raawwatan irratti akka tarkaanfii fudhatuuf akka qajeelchu hubachiise.

  3. MM Denmaak doorsisa Pir. Tiraampiif deebii kennite

    MM Denmaark

    Madda suuraa, Reuters

    Ibsa waa'ee suuraa, Maatee Fireediriiksan

    Ministirri Muummee Denmaark Maatee Fireediriiksan, "Awurooppaa dirqisiisuun hin danda'amu" jechuun doorsisa Doonaald Tiraampiif deebii kennite.

    Tiraamp carraaqqii Ameerikaan Giriinlaand fudhachuuf jettu kan gufachiisan yoo ta'e biyyoota Afrikaa saddetirra qaraxa akka kaa'u dhaadateera.

    Tiraamp kutaa bulchiinsa hanga tokko ofiin of bulchitu Giriinlaand akka fudhatu ibsuu hordofee, biyyoota karoora isaa hin fudhannerra qaraxa akka kaa'an beeksisuun isaa Awurooppaatti atakaaroo uumeera.

    Biyyoonni saddte qaraxni irra kaa'amuuf jira jedhaman ibsa waloo baasaniin, karoorri Tiraamp, "adeemsa balaa qabudha," jechuun abaaraniiru.

    "Qaraxa kaa'uudhaaf dhaadachuun hariiroo balleessa. Denmaarkiin, akkasumas Giriinlaandiifi uummaticha guutummaan guutuutti ni deeggarra," jedhan.

  4. Buufata hawaa haala rakkisaan mudate keessaa akkamiin ariitiin bahama?

    Xiyaar-samii

    Madda suuraa, NASA

    Astiroonootota orbiitii dacheetirra naanna'an haalota rakkisoo ta'antu isaan mudata. Isaan keessaa tokko buufata hawaa rakkoon mudate keessaa saffisaan bahuudha.

    Kamisa darbe astiroonootonni afur kan garee 11 jedhamanii fi miseensa buufata hawaa idil adunyaa ta'an galaana Paasifik keessatti bu'an.

    Miseensota afran keessaa tokko rakkoo fayyaa hataattamaa kan buufata hawaa keessatti yaaluun rakkisaa ta'etu mudate. Kanaaf jecha buufata hawaa gadi dhiisanii bahuutu irra ture.

  5. Dhimma Giriinlaand irratti Ameerikaa waliin wal gaarerfachaa kan jiran hoggantoonni Awurooppaa deebii kennuuf qophaa'aa jiru

    Tiraamp fi hoggantoota biyyoota miseensa Gamtaa Awurooppaa

    Madda suuraa, Getty Images

    Ambaasaaddaroonni Gamtaa Awurooppaa, Pirezdantiin Ameerikaa Doonaald Tiraamp karoora biyyoota Awurooppaarra qaraxa kaa'uuf qabate akka dhiisuuf amansiisuuf carraaqqii taasisan itti fufuuf waliigalan.

    Qaraxi kun hojiirra kan oolu taanaan Gamtaan Awurooppaa deebii kennuuf tarkaanfii fudhaturratti qophaa'aa jiraachuu Roohitarsi gabaaseera.

    Pirezidant Tiraamp ibsa Sambata kenneen, Ameerikaan Giriinlaand akka bittu hin hayyamamu taanaan Guraandhala 1 irra kaasee biyyoota miseensa Gamtaa Awurooppaa ta'anirratti qaraxa dabalataa akka kaa'u dhaadateera.

    Biyyoonni qaraxi dabalataa irraa haa kaa'amu jedhames Denmaark, Faransaay, Jarmanii fi Neezerlaand, akkasumas fiinlaand.

    Biyyoonni Gamtaa Awurooppaa gamasaaniin tarkaanfiin kun mala doorsisuun dirqisiisuuti jechuun mormaniiru.

    Hoggantoonni biyyoota miseensa Gamtichaa, Ameerikaa irratti tarkaanfii fudhachuudhaaf filannoo akkamii akka qaban mariyachuuf Kamisatti walga'ii ariifachiisaa waamaniiru.

    Filannoowan dhiyaatan keessaa tokko omishawwan Ameerikaa dolaara biliyoona 107.7 baasu jedhamanii tilmaamaman gara Awurooppaa galanirra qaraxa kaa'udha.

  6. Netaaniyaahuun karoora Gaazaa Pirezidaanti Tiraamp irratti yaaddoo qaba

    Pirezidant Tiraamp fi MM Netaaniyaahuu

    Madda suuraa, AFP via Getty Images

    MM Israa'el Beeniyaamin Netaaniyaahuun, Pireezidaantiin Ameerikaa Doonaaldi Tiraamp miseensota boordii Nagaa Gaazaa ifa gochuu hordofee mana maree Ministiroota Ittisaa waliin walgahii hatattamaa taasisuuf waamicha dhiyeessan.

    Qondaaltonni Israa'el akkaataa filannoo "boordii Nagaa" hundeeffamee, irratti Israa'el hin mariisifnee jedhu. Achi keessa kanneen imaammata faallaa Israa'el ta'an qaban waan jirraniif yaaddoo qaban ibsu.

  7. Dinagdeen Chaayinaa %5 guddate

    Chaayinaan dinagdeen ishee %5 akka guddate ibsite. Kun ammoo karoora Chaayinaan waggaatti guddachuuf qabatte kan guute tahuu ibsite.

    Chaayinaan bara 2025 dinagdeen ishee %5 akka guddatu karoorsitee ture.

    Guddinni kun ammoo waraana daldalaa Tiraamp irratti bane keessatti galmaa'e.

    Guddina dinagdee Chaayinaa kanaaf kan gumaache ammoo damee oomishaa fi al-ergii akka tahe ibsameera.

    Chaayinaan akka addunyaatti daldala guddaa galmeessuu ibsite. Daldalli al-ergii Chaayinaan bara darbe galmeessite doolaara tiriiliyoona 1.1 kan tahudha.

  8. Kan nama qaanessudha, garuu shaampiyoonaa tahaniiru- Leenjisaa Morookoo

    Garee biyyaalessaa Senegaal

    Madda suuraa, Getty Images

    Senegaal Morookoo galchii 1-0'n mo'achuun Shaampiyoonaa Waancaa Afrikaa 2025 taate.

    Garuu Morookoon rukuttaa oeenaaliitii daqiiqaa dhumaatti argachuun erga taphattoonni Senegaal hin taphannu jedhanii dirree keessaa bahanii diraamaa tureen boodadha.

    Muteessaan taphichaa Jiin Jaakuus Indaalaa jedhamu taphni xumuramuuf yeroo jedhu daqiiqaa 98 irratti rukuttaa peenaaliitii Morkoof kenne.

    Kunis erga murteessitoonni VAR irra deebiin akka ilaalee murteessu erga isa gorsaniiti.