Taphataa cimaa Piriimer Liigii bara 2024-25 kan tahe Mohaammad Saalaa hagam beektu?

Madda suuraa, Getty Images
Barri kun Mohaammad Saalaati. Taphataa cimaa Piriimer Liigii bara 2024-25 tahuun filameera.
Galchii 29 lakkoofsisuun badhaasa kophee warqii mo'ateera. Kubba mijeesse kenne 18 galmeessuun taphataa sadarkaa jalqabaa irra jirudha. Rikardii Keevin De Biruunii fi Teerii Heenerii cabsuuf kubba lama qofatu isa hafa ture.
Galchii 29 fi kubba galchiif mijeessee kenne 47 galmeessuun ammoo rikardii Teerii Heenerii Arsenaal yeroo ture galmeesse wal qixxaateera.
Mohaammad Saalaan kontiraanni isaa Liiverpuul keessaa xumuramuuf yeroo jedhametti gahumsa guddaa kana argamsiise.
Kilebicha wlaiin yeroo dabalataa waggaa lamaaf turuufis waliigaleera.
Liiverpuul shaampiyoonaa Piriimer Liigii bara 2024-25 tahuun bara leenjisummaa jalqabaa Arnee Isloot xumure.
Waa'ee Mohaammad saalaa hammam beektu?__________________________________________
Masirii naannoo Baasyuun, ganda Naagrig jedhamtutti dhalatee guddate. Ziinadiin Ziidaanii fi Biraazil irraa Roonaaldoon taphattoota inni fakkeenya godhachuun faana dhahaa guddatedha.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Maatiin isaa namoota beekamoo miti. Jireenya gidduugaleessaa namoota qabaniidha. Innis obboleessa isaa hangafaa Naasir jedhamu waliin ganduma sana keessa daandiirratti bahuun kubba taphachaa guddate.
Garuu inni ilma Naagrig maqaa jedhamu argateera. Sababni isaas naamusa gaarii, dandeettii jabaa nama qabu waan taheefiidha. Maqaa guutuun isaa Mohamed Saalaa Hamed Mahiruus jedhama; Mohaammad Saalaa.
Amma dargaggoo ganna 31 yoo tahu, Liiverpuul keessatti taphataa lafee digda isaanii tahedha. Warraaqsa kubba miilaa jabaa Yargan Kilooppi Liiverpuul keessatti fidan warra dursan keessaati.
Waggaa sadiif galchii hedduu lakkoofsisuun badhaafameera. Liiverpuul waggoota 30 booda akka waancaa Piriimer Liigii injifatu gargaareera.
Ofii isaa har'a galchii hedduu lakkoofsisuun rikardii taphataa Liiverpuul duraanii Roobii Foowler qabate cabseera. Moo Saalaa caalaa har'a Liiverpuul keessatti maqaa guddaa taphataan qabu hin jiru. Garuu kubba miilaan garasitti jireenyi Moo Saalaa maal fakkaata?
Mootii Masirii [Egyptian King]
Deeggartoonni isaa Mootii Masirii jechuun isa waamu. Keessumaa deeggartoonni Liiverpuul adunyaa irratti beekaman ''Mo Saalaa Mo Saalaa…..mootii Masirii'' jechuun isa faarsu. Piraamidii Masirii arfaffaa jechuun kan isa leellisanilleen jiru.
Biyyoota Arabaa hedduu keessatti Saalaan waan baay'ee jaalatamuuf maqaa masoo ''Pride of Arab'' jedhus argateera.
Inumaa filannoo pirezidaantummaa Masirii bara 2018 irratti namoonni walakkaa miliyoonaa ol tahan guyyaa filannoo sana sagalee kennuu deemanii maqaa kaadhimamtoota pirezidaantii lameen haquun maqaa Mohaammad Saalaa itti barreessanii ba’an.
Yeroo sana Saalaa caalaa taphataan Afrikaa irraa faarfamu hin turre. Baratti galchii hedduu Liiverpuuliif lakkoofsisedhas.
Dandeettiifi saffisa inni kubba qabatee fiiguuf qabu, kubba itti gangalchu [dribble], miila bitaan haala inni itti lakkoofsisu adda isa taasisa.
Dabalataan yeroo Saalaa faarsan ''Saalaan yoo ammas dabalee galchii lakkoofsise amanataa keessa gara Islaamaatti jijjiirranna'' jechuun ittuma fufanii isa faarsu.
''Siif kan tahe yoo tahe nuufis ni taha'' jechuun kabajaa amantaa isaaf [Islaamaa] qabanis ibsuuf. Moo Saalaan nama hedduu amantaa Islaamaa leellisuu fi kabaju jedhama.
Dandeettii fi maqaa inni qabu garuu isarra darbee amantaa isaaf kabajaa guddaan akka kennamu taasiseera.
Bara 2021 keessa qorannoon ‘American Political Science Review ‘ jedhu tokko Saalaan kilaba Liiverpuul galuun isaa jibba amantaa Islaamaaf namoonni magaalichaa qaban ture %16 hir’iseera jedhe.
Saalaan yeroo galchii lakkoofsise Rabbiif galata galchuun beekama. Haala itti gammachuu isaa jilbeenfatee ibsatu gaafatamee ''kana yeroo ijoollummaakoo irraa jalqabeen akas godha. Akka taphicha mo’annuuf kadhachuukoti, akkasumas yoon galchii lakkoofsisu isa na gargaare Rabbiif galatan galcha’’ jechuun CNN'tti hime.
Maagii Saadik, Jaalallee ijoollummaa hanga haadha warraa Saalaa
Har’a Mohaammad Saalaan Piraamidii Fara’oon sadaffaa Masirii jedhamuunis beekama.
Piraamidoonni Fara’oo addunyaa irratti Masiriin akka turistoota hedduun daawwatamtuu fi beekamtu ishee taasisaniiru.
Deeggartootni isaa ''Mootii Masirii’’ jechuunis isa waamu. Sababni isaa Saalaan Masiriidhaan karaa hedduu nama adunyaatti beeksisedha.
Abbaa ijoollee lamaa kan tahe Saalaan imalli gaa’ila isaa ijoollummaa isaatti mana barumsaa keessati jalqabe.
Mana barumsaa Mohaammad Eyaad Al Taantawii jedhamu keessatti haadha warraa isaa Maagii waliin wal baran. Maatiin Maagii Saadek mana barumsichaa keessaa barsiisu ture.
Magii fi Saalaan daree tokko keessatti baratu turan. Lameen isaanii ijoollummaatti jaalala waliin kufan.
Ergasii garuu duubatti osoo hin jedhiin waggoota dheeraaf jaalalaan turan.

Madda suuraa, Getty Images
Bara 2013 ammoo gara ganda dhaloota isaaniitti deebi’uun maatii fi firoota isaanii waamuum cidha madalawaa qopheessuun wal fudhan. Har’a ijoollee durbaa lama qabu. Kan jalqabaa Makkaa jedhamti.
Bara 2014 kan dhalatte yoo tahu yaadannoo magaala qulqullittii Islaamaa Makkaaf moggaase. Intalli isaanii lammataa ammo Kaayyaan jedhamti. Isheen ammoo bara 2020 dhalatte.
Haati warraa Mo Saalaa akka haadha warraa taphattoota bebbeekamoo kaanii miidiyaa kan jaalattuu fi mul’achuu barbaaddu miti.
Jireenyi ishee miidiyaa hawwaasaa irraa fagoodha. Yeroo maatii isheef kennituu fi abbaa warraa ishee jajjabeessuun beekamti.
Mo Saalaa fi haati warraa isaa Maagiin yeroo soomaafi ayyaanaa gara ganda dhaloota isaanii deemuun namota harka qalleeyyii tahan nyaachisuun waliin ayyaaneffachuun beekamu.
Lameen isaanii namoota beekamtiif qofa dhama'an miti. Garuu hawwaasa isaaniif tola ooltummaan hojii guddaa hojjechaa jiru.
Hattuu gargaaruu hanga bataskaana Ortodoksii deebisee ijaaruutti
Ganda dhaloota isaa Naagrig keessatti pirojektota adda addaa hojjechuun beekama. Akkuma miiltoo isaa duraanii Sadiyoo Maanee jireenya uummata ganda dhaloota isaa fooyyessuuf warra dhama’an keessaa Mo Saalaan isa tokko.
Irra jireessi jiraattota gandichaa harka qalleeyyiidha. Kanaaf mo Saalaan maneen barnoota ijaaruu, hospitaalota ijaaruun uummatichi tajaajil akka argtu gochaa jira.
Yeroo tokko maatiin hattuun qabeenya maatii Mo Saalaa jalaa hatte. Booda poolisiin barbaacha taasiseen hattuun kun ni qabama.
Abbaan Mo Saalaa poolisii waliin tahuun himata irratti banuuf yoo qophaa’an Mo Saalaan kadhatee akka himatichi hafu taasise.
Sana booda nama qabeenya maatii isaa hate sana waamuun maallaqa kenneefii akka inni hojjetee jiraatu gargaare.
Hojiis ofiisaa barbaaduun akka hojjetee of danda’u taasiseera. Saalaan ganda dhaloota isaafi naannoo ishee keessaa ji’aan maallaqa kuteefii kan jiraachisu maatii 450 tahu.
Masiriin dhiyeenya kufaatii dinagdee keessa galteetti. Yeroo kanatti akka lammii tokkootti biyya isaa gargaaruuf mootummaa biyyichaaf Doolaara 300,000 kenne.
Bara 2022 keessa bataskaana [waldaa] Ortodoksii guddaa beekamaa Masirii naannoo Giizaa jiru ‘Abu Sefein Church’ jedhamu balaan ibiddaa mudate. Balaa ibiddaa kanaan namoonni 41 lubbuu isaanii dhaban.
Saalaan gaddi isatti dhagahame miidiyaa hawwaasaan ibsate. Garuu achirratti hin dhaabne. Bataskaana Ortodoksii beekamaa biyyichaa Qulqulluu Maarqooriyoos ykn Abu Sefein Church jedhamuun beekamu kana deebisee ijaaruuf paawondii Masirii miliyoona sadii gumaache.
Saalaan nama amantaa isaa jaalatuu fi kabaju, garuu amantaan nama hin qoodne, arjaa fi hojjetaa jabaadha jedhamuun beekama.
Mo Saalaa daandii Naagriid hanga adunyaatti beekamuu
Mo Saalaan bara 2010 kilaba Masirii AL Mokawloon jedhamuuf mallatteessuun tapha pirofeshinaalaa isaa eegale.
Bara 2021 ammoo kilaba Iswiizerlaandi Baazel jedhamuuf mallatteesse. Baazel waliin Waancaa Iswiis mo’ateera. Gahumsa Saalaa kileboonni hedduun hordofaa turaniiru. Ammas osoo hin turii bara 2014 Cheelsiin paawondii miliyoona 11 baasuun mallattesise.
Yeroo sana Cheelsii leenjisaa kan turan Joose Moorinihoon yeroo taphaa gahaa tahe Saalaaf hin kennine.
Kanaaf ergisaan kilaboota akka Fiyoorentiinaa fi Roomaaf taphataa ture. Bara 2016-17 yeroo Roomaan waancaa Serie A morkataa cimaa ture Saalaan gahumsa olaanaa agarsiisuun kubba mijeessee kennuu fi galchiidhaan dijiitii lama keessa gale.
Bara 2017 Kilooppi Mo Saalaa Liiverpuulitti waan barbaadaniif kilebichaaf rikardii kan ture paawondii miliyoona 40 tahu baasuun mallatteesisan.
Bara dorgommii jalqabaa isaatti bara dorgommii tokkotti galchii Piriimer Liigii 32 lakkoofsise. Akkasumas Liiverpuul xumura waancaa Shaampiyoonsi Liigiif dhaqabsiise.
Saalaan ergasii Liiverpuul waliin waancaa Piriimer Liigii, Shaampiyoonsi Liigii, FA, Komunitii Shiid mo’ateera.
Yeroo sadii galchii hedduu Piriimer Liigii keessatti lakkoofsisuun tokkoffaa tahee xumuree badhaafameera.
Badhaasa Ballon dO’r bara 2018 fi 2021 sadaffaa tahuun xumure. Bara 2019 fi 2022 ammoo sadarkaa shanaffaan xumure.
Bara 22023 ammoo Liiverpuuliif galchii 200 ol lakkoofsisuun seenaa kilebichaa keessatti taphataa shanaffaa taheera.
Xiinxaltootni kubba miilaa hedduun Mo Saalaan taphattoota cicimoo adunyaa keessaa tokkoo fi Afrikaa irraa ammoo taphataa jabaa yeroo kamirayyuu caalu jechuun ibsan.
Mo Saalaan umurii isaa waggaa 14 tahuun kilaba Masirii Al Mokawloon gale.
Leenjisaan lammii Ameerikaa Boob Biraadilii, saffisa, hubannaa taphaa dirree keessatti qabu fi dhiibbaa inni taphattoota morkattootaa irraan gahu arguun taphataa jabaa adunyaa keessaa tokko akka tahu raagan.
Joose Moorinihoon Moo Saalaa akka Cheelsiif mallatteesiseen ''saafela, saffisa guddaa kan qabu, dandeettii tapha kubbaa adda tahe kan qabuu fi nama gaariidha’’ jechuun ibse.
Moorinihoon Saalaan taphattootan kana dura leenjisaa ture akka Gaarez Beel, Ariyaan Rooben fa’aa waliin dandeettii wal fakkaatu qaba jedhe.
Dandeettii teeknikaa inni qabu, saffisi, miila bitaan taphachuufi halli itti galchii lakkoofsisu maqaa masoo ''Liyonel Mesii Masirii’’ jedhu akka argatu isa taasiseera.
Taphataan duraanii Biraazil Roonaaldoon dandeettiin isaa Liyonel Mesii waliin wal isa fakkeessa jedhe.
Muddannoo addaa Mo Saalaa
Maqaan isaa Mohaammad Ibiraahim jedhama. Akkuma Mohaammad Saalaa lammii Masiriiti. Mqaan isaaniis wal fakkaata.
Bifaa fi dhaabbii qaamaan ammoo hanga namootni Mohaammad Saalaa irraa adda baafachuun itti ulfaatutti wal fakkaatu.
Fira ykn lakkuus miti. umuriin isaanis naannoma tokko.
Mo Saalaan taphataa kubba miilaa. Mohaammad Ibiraahim ammoo nama qalii qalu ykn mana qeeraa keessa hojjechuun jiraatudha. Bara 2019 yeroo ayyaana Id al-Adhaa mana qalmaa Kuweet tokko keessa hojjechaa ture.
Namni kun Mohaammad Saalaa fakkaachuun nama beekamaa tahe. Namootni Kuweet keessa jiraatan hedduun Mohaammad Saalaa sehuun yoo argan waliin suuraa ka'uuf gaafachaa turan.
Kaan ammoo isa barbaadanii bakka jiru deemuun waliin suuraa ka'aniiru. Mo Saalaaf sababa kanaa bilbilli hedduu hin bilbilamiin hafeera jettuu?
Ayyaanni kun yaadannoo Abirahaam Rabbiif ajajamuu isaa agarsiisuuf ilma isaa aarsaa godhee dhiyeessuuf itti qophaa'e yaadachuuf kabajama.
Mohaammad Ibiraahimis yeroo kana horii, re'oota, hoolotaa fi gaala namoota barbaadaniif qacaramee qalaa ture.
Isiniyyuu osoo qaamaan nama kana qeeraa keessatti argitanii Ahaa! Mohaammad saalaan qeeraa keessaa maal hojjeta jechuun keessan ni hafaa!

Madda suuraa, YASSER AL-ZAYYAT/AFP via Getty Images)












