Mootummaan Ertiraa marii nagaa Itoophiyaa keessa galuu qabaa?

Pireezidantii naannoo Tigraay, Pireezidantii Eertiraafi MM Itoophiyaa

Madda suuraa, Fitsum Arega

Waraanni waliinii Itoophiyaa ji'oota 20 ol lakkoofsise amma fuula isaa gara marii nagaatti deebifachuuf yaalaa jira. Humnoonni mootummaa federalaafi Tigraay afaan qawwee walirraa erga gadi qabanii ji'ootni jaha ta'an lakkaa'amaniiru.

ALI Waxabajjii 7/2014 Ministirri Muummee Abiy Ahimad mariif qophii ta'uu yoo himan, guyyaadhuma sanitti aanga'oonni Tigraay isaanis mariif banaa ta'uu isaanii ibsaniiru.

Mootummaan Federaalaa osoo hin bubbuliinis namoota marii kana irratti mootummaa bakka bu'an ifa godheera. Namoota torba mootummaa bakka bu'an keessa Ministirri Muummee Itti aanaa obbo Dammaqaa Mokonniinifi pireezidantii itti aanaan naannoo Amaaraa obbo Getaachew Jember ni argamu.

Waraana kumootni kurna hedduun itti dhuman, miiliyoonotni ittiin buqqa'an fi sarbama mirga namoomaa hamaaf karra bane kun, adda durummaan mootummaan Federaalaa fi humnoonni Tigraay giddutti gaggeefamus, naannoleen ollaa akka Affaar fi Amaaraas kallattiin qooda irraa fudhataniiru.

Darbees biyyi sadaffaa ollaa Itoophiyaa taate Eertiraan irratti hirmaachuufi badiin qaqqabsiifte dubbii ijoo ta'ee tureera.

Amma dhimmi marii araaraa yeroo ka'u mootummaa federaalaa fi humnoota Tigraay qofa osoo hin taane naannolee fi biyyi waraanicha keessaa qooda qabdu Eertiraan haa hirmaattu yaadni jedhu dhagahamuu eegaleera.

Humni addaa naannoo Amaaraa marii kana irratti haa hirmaatu yaada jedhuuf mootummaan deebi ifa ta'e, aanga'oonni naannoo Amaaraa maricharratti akka hirmaatan ta'eera'' jedhu kenneera.

Mootummaan Eertiraa marii kana keessatti hirmaachuu qabaa? kan jedhu garuu falmisiisaa ta'ee jira.

Dhimma Eertiraa

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Marii mootummaa Itoophiyaafi aanga'oota Tigraay gidduutti ni gaggeefama jedhamee eegamu irratti mootummaan Eertiraa ni hirmaata moo hin hirmaatu kan jedhu irratti wanti ifatti jedhame hin jiru.

Haata'u malee qaamoleen dantaa Amaaraafi Eertiraaaf qabsaa'an humnoonni Amaaraafi Eertiraan akka hirmaattu gaafatu.

Qabxiilee shan humnootni Tigraay akka haalduree mariitti kaahan keessa daangaan Tigraay bakka waraana dura turetti deebi'uu kan jedhu ni argama.

Haata'u malee naannoleen duraan bulchiinsa Tigraay jala turan Kibbi Tigraay harka humnoota Amaaraa fi Eertiraa jala jiru.

Aanga'oonni Tigraay ammallee mariin eegaluu dura humnoonni kunniin naannicha gadhiisanii bahuu qabu jechuun gaafatu.

Warri Eertiraan hirmaachuu qabdii jedhan waraana keessaa qooda qabaachuufi ammas daangaa irraa waraana qabaachuu akka sababaatti kaasu.

Gorsaan siyaasaafi seeraa lammii Siwiidiin Musee Efireem nagaan waaraan akka jiraatuuf warreen waraanicha keessatti qooda fudhatan hunduu jalqabarraa maricha keessatti hirmaachuu qabuu jedhu.

''Waraana kana keessaa Eertiraan harka akka qabdu ifadha. Hundi keenya nagaa akka argannu, qaxanaa kanatti waliin jiraachuuf nagaan akka dhufu yoo barbaadame qaamni waraanu biyya keessa haata'uu hin ta'iinii marii keessatti hirmaachuu qaba. Ta'uu baannaan adeemsa marii wantoota gufachuusan arguu malla.''

Ogeessi seeraa idila addunyaa dhalataa Eertiraa Eeliyaas Habtesillaasee garuu yaada kanatti walii hin galan.

Jalqabumarraa walitti bu'iinsichi humnoota Tigraayiifi mootummaa giddugaleessaa gidduutti kan ka'e waan ta'eef, akka seera idila addunyaatti waraana keessoo jedhameetu waamama'' jedhu.

MM Abiy Ahimad, Dabratsiyoon Gabramikaa'eelifi Gadduu Andaargaachoo

Madda suuraa, Prime Minister office

Kanaafis walitti bu'iinsa keessoo keessa biyyi harka galfate gaafatamaa ta'a malee marii araaraa keessa sababni hammatamuuf hin jiru jedhu.

''Mariin amma gaggeefamu dhimma keessoo Itoophiyaati amantaa jedhu waanin qabuuf Eeriraan kana keessatti hirmaachuuf bu'uurri seeraa hin jiru.''

Qorataan jaarmiyaa Crisis Group Wiiliyaam Deevison gama isaan Eertiraan marii irratti ni hirmaatti yoo ta'es yeroon isaa amma mitii jedha.

''Yaadni mootummaan Eertiraa haa hirmaatu jedhu rakkoo qaba. Mootummaan Eertiraa marii kana keessatti hirmaachuuf fedha qabaachuu isaaf ragaa maaltu jira. Mootummaa Eertiraarraa wanti dhageenye hin jiru.''

Waraanichi hirmaannaa Ertiraas kan qabuufi balaa hedduu kan hordofsiiseedha kan jedhu Wiiliyaam, ''suuta mariin hunda hirmaachisu godhamuun isarra jira. Haata'u malee ammatti mootummaa Federaalaa fi TPLF illee gara mariitti fiduun jabaadha'' jedha.

Waraana Itiyoo-Eertiraa wajjin walqabatee muddamni biyyoota lamaanii dhufaatii MM Abiy booda mootummoota lamaan gidduu nagaan bu'us bara waraanichaa aangoo olaanaa kan harkaa qabuufi Tigraayiin kan bulchaa jiru TPLF waliin walgaarreffannaan itti fufee ture.

Gaaffiin daangaa Eertiraan dhiyeessitullee yoo jiraate dhimma TPLF waliin ilaalamu osoo hin taane kan mootummaa Itoophiyaa ilaallatu ta'a jedhu ogeessi seeraa Eeliyaas.

''Eertiraan dhimmi Itoophiyaa waliin qabdu Haajaa ALaafi seera idila addunyaan kan ilaalamuudha. Eertiraan dhimma keessoo Itoophiyaa keessa sababa ishee galchu hin qabdu. Hanga ammaatti giddu seentummaa gooteef seeraan biyya gaafatamuu maltudha'' jedhu.

Dhimma rakkoo Somaaliyaa hiikuu keessatti gahee qabaachaa kan ture obbo Museen ammoo ammallee Somaaliyaa keessa nagaan kan hin buuneef qaamoleen qooda qaban hundi hirmaachuu dhabuu isaaniitiini jechuun akeekkachisu.

Qaamoleen hirmaachuu qabna jedhan jiruu?

Dhaabbileen siyaasaa TPLF mormaniifi naannoo Tigraay keessa socho'an TPLF qofti bakka bu'aa uummata Tigraay ta'ee dhiyaachuu hin qabu jedhu.

Marii gaggeefamuuf jirurraa abdii qabaachuu kan himan paartileen kun akkaataa adeemsichi itti qabame irraa gaaffii qabachuu ibsu.

Paartileen akka Baayitonaa Tigraay, Saalsaayi Wayyaanee fi paartiin bilisummaa Tigraay ibsa waloo Waxabajjii 23/2022 ''TPLF fedhaa fi dantaa dhugaa uummata Tigraay waan hin kabachiifneef, hiree saba Tigraay irratti murteessuuf aangoo seeraa waan hin qabneef... marii kana irratti hirmaattotni qindoominaan bakka buufamuu qabu'' jedhaniiru.

Nagaan waaraan akka dhufuuf TPLF qofti marii kana irratti hirmaachuu hin qabu jedhaniru.

Hoogganaan dhimma alaa Saalsay Wayyaanee Haayiluu Kebbedee sababni hirmaachuu qabna jedhaniif qabsoon godhamu ''qabsoo uummataati'' kan jedhuudha.

''Marichi Tigraayiin bakka waraana dura turetti deebisuu qofa osoo hin taane, hiree saba Tigraay kan murteessu waan ta'eef humni tokko qofa kan dhiifamu miti'' jechuun BBC'tti himanii turan.

Akka Wiiliyaam jedhutti ''hirmaattota marichaa caalayyuu amma yaachisaan TPLF fi mootummaan federaalaa mariif qophiidha jedhanis haalduree dantaa isaanii guutu male kaan fudhachuu qophaa'oo ta'uu dhabuu isaaniiti''