'Oduun Ertiraan waraana eeggataaf waamicha goote jedhu ni harbeeffame' - Mootummaa

Ministira Odeeffannoo Ertiraa Obbo Yamaane G/Masqal

Madda suuraa, Mary Harper

Ibsa waa'ee suuraa, Ministira Odeeffannoo Ertiraa Obbo Yamaane G/Masqal

Oduun Ertiraan lammiilee biyyattii umuriin isaanii wagga 55 gadi taheef waamte jedhu ol guddate odeeffame (ni arbeeffame) jechuun mootummaan biyyattii komiisaa ibsate.

Torban darbe BBC dabalatee miidiyaaleen garagaraa lammiileen biyyattii umuriin isaanii 55 gadi ta’anii fi eeggataa ta’an akka saffisaan gabaasa godhan gaafatamuu gabaasaniiru.

Maddeen BBC’n dubbiseefi maqaan isaanii akka dhahamu hin feene akka jedhanitti baay’een isaanii torban darbe gaafa Jimaataa magaalaa guddoo biyyattii Asmaraatti akka walitti qabaman ibsaniiru.

Ministeerri Odeeffannoo Ertiraa Obbo Yamaana G/Masqal garuu miidiyaa Jarman ‘Ulrich Coppel’ jedhamu waliin turtii taasisaniin, waa’ee humna eeggataaf waamicha taasifame jedhu irratti komii ibsatan.

‘’Beekaa dhugaan akka marqamuufi akka dhukukkubsatu ta’eera,’’ jechuun himan.

‘’Ertiraan ummata ishee waliigalaa waraana keessa galchaa hin jirtu’’ kan jedhan Obbo Yamaanan, '‘miseensonni eeggataa kan waamaman ta’us lakkoofsi isaanii baay’ee xiqqoodha,’’ jedhaniiru.

Torban darbe akeekkachiisa Embasii Kanaadaa waabeffachuun gabaasa Rooyitars dalageen miseensota waraanaa waliigalaaf waamichi taasifamu ibse.

'‘Walitti bu’iinsa Kaaba Itoophiyaa jiru hordofee aangawoonni naannichaa waraana waliigalaaf waamicha dhiheessaniiru,’’ jedheera akeekkachisni imalaa mootummaa Kaanaadaan bahe.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Akka ergaa Tiwiitara gubbaa bahe kanaan kanneen waamichi taasifameef kan umriin isaanii hanga 60 jirudha.

Dabaluunis, lammiileen Kaanaadaa Ertiraa jiran sochii isaanii akka daangessaniifi miidiyaalee biyya keessaa akka hordofan dhaameera.

Waraana Kaaba Itoophiyaa eega eegale waggaa lama guutuuf jiru kana keessatti waraanni Ertiraa bal’inaan hirmaachuu gabaafameera.

Badii sarbama mirga namoomaa Tigraay keessa raawwatamaniif dhaabbileen mirga namoomaa idil-addunyaa waraana Ertiraa himatu.

Mootummaan biyyattii garuu himannaa kana hin fudhatu.

Muddama mootummaa federaalaafi TPLF gidduu adeemaa erga tureen booda humnoonni TPLF buufata waraanaa Itoophiyaa haleeluu hordofee ture waraanni baatiiwwan 22 dura Tigraayitti kan eegale.

Waraanichi Tigraayittis eegalu gara Amaaraafi Affaar babal’achuun badii guddaa dhaqqabsiiseera.

Lammiileen miiliyoonaan lakkaa'aman qe'eerraa yoo buqqa'an sababa waraanaan kanneen deeggarsa namoomaaf saaxilamanis hedduudha.

Waraana Ertiraa (kuusaa keessaa)

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Waraana Ertiraa (kuusaa keessaa)

Baatii shan dura waliigalteen dhukaasa dhaabuu waliigalamuu hordofee nagaan hamma tokko bu'ee ture.

Taatullee, osoo sochiin waraana mariin xumura tolchuu taasifamaa jirutti waraanni akka haaraatti eegale.

Mootummaan Itoophiyaafi TPLF abbaa waraana irra-deebiin eegale irratti wal himatu.

Waraana irra-deebiin eegale kana irratti TPLF fi Ameerikaan waraanni Ertiraa qooda fudhachuu ibsu, mootummaan Itoophiyaa garuu ni waakkata.

Mootummaan Ertiraa dhimma kana irratti waan jedhe hin qabu.

Torban darbe ajajaan waraanaa humnoota TPLF Janaraal Taaddasa Warradaa waraanni Itoophiyaafi Ertiraa magaalaa Shiraaroo dabalatee bakkeewwan Tigraay biroo qabachuu himani turan.

Waa’een waraana irra-deebiin waamuu maaltu jedhame?

Mootummaan Ertiraa torban darbe gaafa Kamisaa eegalee waraana eeggataa magaalaa guddoo biyyattii Asmaraa akkasumas magaalaa lammataa Karan, Tasanayiifi kaan jiraniif waamicha taasiseera.

Dippilomaatiin tokko Rooyitarsiif akka himanitti, ‘waardiyyoonni Embasii, dallaa UN fi manneen jireenyaa keessa dalagan waamicha taasifame keessa seenuu akka malan eeruun yaadda’aniiru.’ .

Mootummaa Kaanaadaan alatti mootummaan Biritaaniyaas lammiilee isaa Ertiraa jiraniif ergaa akeekkachiisa imalaa dabarseera.

Ergaa isaan mootummaan Biritaaniyaa mootummaan Ertiraa Roobii darbe waamicha taasisu hime. Dabaluunis, lammiileen isaa ‘’yeroo kanatti akka sirriitti of eegan,’’ dhaame.

Ministirri Odeeffannoo Ertiraa waan miidiyaa Jarmaniif jedhan alatti mootummaan Ertiraa waa’ee waamicha taasifame waan jedhe hin qabu.

Waamichi waraanaa kuni yeroo waraanni Kaaba Itoophiyaatti eegale waggaa lama guutuuf yeroo jedhuufi irra deebiin hammaatetti dhagahame.

Gamtaan Awurooppaa ibsa torban darbe baasen waraana Naannoo Tigraay keessa adeemaa jiru dhaabsisuuf danqaa kan ta’e Ertiraadha jechuun himatee ture.

Embasiin Ertiraa Biraasals keessa jiru himannaa kana hin fudhanne.

‘’Waraana waggootaaf tureen kan miidhamte Ertiraan Gaanfa Afrikaatti nagaan akka bu’u murannoo qabdi,’’ jechuun waraana irra-deebiin eegaleef TPLF himate.

Ertiraan erga walabummaa ishee argatte booda lammiilee biyyattiif tajaajila loltummaa biyyaalessa keessa hirmaachuun dirqamadha.

Kunis dargagoonni baay’ee biyyaa akka baqataniif sababa ta’u ibsama.