Loltoonni Itoophiyaa fi Ertiraa Shiraaroofi iddoowwan biraa qabachuu Ajajaan loltoota TPLF ibsan

Madda suuraa, Tigray TV
Ajajaan humnota Tigraay Jenaraal Taaddasa Warrada loltoonni Itoophiyaa fi Ertiraa waraana tibbana bananiin Shiraaroo dabalatee iddoowwan hedduu qabachuu ibsan.
Ajajaan waraana TPLF kun kaleessa galgala (Fulbaana 13, 2022) waraana gaggeeffamaa jiru ilaalchisuun ibsa buufta TV naannichaarratti kennaniin, ''humnoonni waraanaa biyyoota lamaa kallattii Ertiraan nurratti duuluun Shiraaroo to'ataniiru,'' jedhan.
Kana malees Ada Meetii Hal Nabrii Adarqaayin to'atamuu fi Maay Tsabrii qabachuuf waraanaa akka jiran ibsan.
''Maayi Tsabrii dhaabbatanii jiru,'' jechuun haala yeroo ammaa waraanaan walqabatee jiru ibsan.
Ibsi jenaraal Taaddasa kun humnoonni Tigraay waraana dhaabanii marii dibaabee Gamtaa Afrikaa jalatti gaggeeffamu irratti hirmaachuuf qophii ta'uu wayita ibsanitti ta'uunsaa, waraanichi hammaatee itti fufuu isaa agarsiisa.
Humnoonni Tigraay bara haaraa Itoophiyaa Fulbaana 11, 2022 ibsa baasaniin, barri haaraan kan sagaleen dhukaasaa itti hin dhagahamne, waraanni dhaabbatee mariin nagaa akka gaggeeffamu waamicha taasisanii turan.
Waamichi humnoota Tigraay kun jaarmiyaalee idil-aduunyaa kanneen akka IGAD, Gamtaa Afrikaa, UN, Gamtaa Awurooppaa fi biyyoota akka US fi Jarmaniin simatameera.
Waraana kana ''yeroo fi bakka kamittuu'' dhaabuuf qophii ta'uu kan ibsu mootummaan federaalaa, marii nagaaf waamicha humnoonni Tigraay dhiyeessan irratti hanga ammaatti homaa hin jenne.
Ajajaan humnoota Tigraay kun waraanni Itoophiyaa ajaja bahaarratti jiru kara Ertiraatti qajeeluun humnoota Ertiraa waliin walta'anii kallattii lamaan ''humna jabaa'' hiriirsaniiru jedhan.
Akkasaan jedhanitti kallattiiwwan lameen Shiraaroo fi Baadimmeedha.
Qondaalli kun kana haa jedhan malee dhimma kanarratti gama mootummaa itoophiyaafi Ertiraatiin kan jedhame omtu hin jiru.
Humnoota Tigraay hiikkachiisuu
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Ajajaan kun ibsa isaanii keessatti humnoonni isaaniin lolaa jiran adeemsa waraanaa isaanii keessatti sagantaawwan boqonnaa boqonnaadhaan qoodaman qabaachuu eeran.
''Aksuum, Addigiraat, Shiree to'atanii isa booda Maqalee galuu fedhu. Daandii gara Tanben geessu cufuuf karoora qabu,'' jedhan.
Akkaataa karoora kanaan dhumarratti humnoota Tigraay meeshaa hiikkachiisu fedhu jedhan ajajaan kun.
Guyyoota shanan darban waraanni itti fufiinsaan addaawwan waraanaa garaagaraatti gaggeeffamuu ibsanii, waraanni Itoophiyaa riqicha Takazee ce'ee Daddabiit dhiyaachaa jira jedhan.
''Marfamnee jirra. Kanaafuu karoorri keenya ofirraa qolachuudha. Isaan akka nuti harka kenninu fedhu. Haleellaa hamaatu uummata Tigraay irratti gaggeeffamaa jira,'' jechuun yaaddoo qaban ibsan.
Kana malees Fulbaana 13 fi 14 dirooniidhaan haleellaan magaalaa Maqalee bakkeewwan garaa garaatti raawwatamuun lubbuun namootaa baduu maddeen hospitaalaa BBC'f mirkaneessaniiru.
Haata'u malee, ajajaan waaraanaa TPLF kun waraanni Kaaba Itoophiyaa furamuu kan danda'u marii karaa nagaa qofaan ta'uus eeran. ibsa isaanii kanaan.
Mootummaan Tigraay marii nageenyaaf waamicha dhiyeessaa jiraachuu kaasanii, ''Nuti kan gochaa jirru ofirraa qolachuudha. Furmaati dhumaa nagaa qofa. Waraanni kunis marii nageenyaan goolabamuu qaba,'' jedhan.
Motummaan Itoophiyaa himannaawwan Tigraay keessaa eddoowwan gara garaa to'atamuufi haleellaan diroonni Maqaleerratti raawwatamu ilaalchisuun hanga ammaatti kan jedhame hin jiru.















