Marii nagaaf waamichi dhihaatee guyyaa lama booda Maqaleen dirooniin haleelamuu TPLF himate

Namoota meeshaa waraanaa fi kaan qabatanii hiriiraan jiran

Madda suuraa, AFP

Humnoonni Tigraay (Fulbaana 11, 2022) dibaabee Gamtaa Afrikaa jalatti marii nageenyaa gaggeeffamurratti hirmaachuuf qophii ta'uu ibsanii guyyaa lama booda, magaalaan Maqalee dirooniidhaan haleelamuu TPLF himate.

Qonddaalli TPLF Geetaachoo Raddaa haleellaan diroonii kun mooraa yuuniversitii irratti kan xiyyeeffateedha jechuun tiwiitarii isaarratti barreesse.

Yuuniversitii Maqaleetti mooraan Adi Haki jedhamu haleelamuu kan ibse Geetaachoon, haleellaa kana ''mootummaa Itoophiyaa fi Ertiraatu raawwatan,'' jechuun himate.

Daarekatarri Hospitaalaa Meedikaalaa Ayidar Dr Kibroom Gabrasillaasee haleellaa kanaan hanga ammaa namni tokko mataansaa miidhamee hospitaalasaaniitti yaalamaa jiraachuu hime.

Mootummaan Itoophiyaa himata dhiyaate kanarratti hanga ammaa homaa hin jenne.

Malli quunnamtii waan adda citeef haleellaa TPLF himatu kana mirkaneessuun hin danda'amne.

Aab Geetaachoo Raddaa turtii BBC sagantaa Newsday waliin taasiseen, ammallee nageenya akka filatan ibse. Waraanni isaanirratti gaggeeffamaa jiraachuus eere.

‘’Nageenyi filannoo keenya dhumaa ta’ee osoo jiruu, rakkoowwan siyaasaa garuu marii siyaasaan furamuu qabu,’’ jedhe Geetaachoon.

Haaldureewwan mariif kaa’atan keessaa tokko ‘’mootummaan fedhiisaa humnaan uummata Tigraay irratti fe’uu akka dhaabuudha,’’ jedha Geetaachoon.

‘’Dantaan uummata Tigraayis kabajamuu qaba, eegamuu qaba. Walabummaa hin sharafamnee fi guutuu qabaachuu qabu. Walabummaan sharafamne fudhatama hin qabu,’’ jechuun ejjennoosaanii ibse.

Waraana kaaba Itoophiyaatti erga deebi'ee ka'ee torban sadi lakkoofsise kana booda humnoonni Tigraay walitti bu'iinsa karaa nagaan hiikuuf qophii ta'uu ibsa gaafa Dilbataa (Fulbaana 11, 2022) baaseen eereera.

Gamtaan Afrikaas humnoonni Tigraay dibaabee gamtichaa jalatti mari'achuuf qophaa'uu simateera.

Kana malees mariif qophaa'uun TPLF kana Dhaabbati Biyyoota Gamtoomanii, US fi Gamtaan Awurooppaa simataniiru, akka adeemsa kana deeggaranis ibsanii turan.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Dura taa'aan Gamtaa Afrikaa Muusaa Fakii Mahaamaat, fedhiin humnoonni Tigraay mariif agarsiisanii fi waraana dhaabuuf waamichi isaan dhiyeessan walitti bu'iinsa karaa nagaan hiikuuf adeemsa deemamaa jiruuf carraa guddaadha jedhan.

Humnoonni Tigraay garee dantaa Tigraay bakka bu'ee mariirratti akka dursaniif Obbo Geetaachoo Raddaa fi Jenaraal Tsaadiqaan Gabratinsaay bakka buufachuu ibsaniiru.

Mootummaan Federaalaa mariirratti hirmaachuuf koree miseensa torba of keessaa qabu kan Ministira Muummee Itti Aanaa Dammaqa Mokonniniin durfamu hundeessee ture.

Mootummaan federaalaa waamicha humnoonni Tigraay walitti bu'iinsa karaa nagaan hiikuuf dhiyeessan fi marii dibaabee Gamtaa Afrikaa jalatti gaggeeffamurratti hirmaachuuf qophii ta'uunsaanii ibsuu ilaalchisee hanga ammaa homaa hin jenne.

Humnoonni Tigraay kanaan dura marii Gamtaan Afrikaa gaggeessuu fi jaarsummaa Gaanfa Afrikaatti bakka bu'aa gamtichaa Oliseeguun Obaasaanjoo didaa turan.

Bakkasaanii pireezidantii Keeniyaa amma gadaansaanii obba'e Uhuruu Keeniyaataa jaarsummaaf filataa turan.

Dura taa'aan Gamtaa Afrikaa Muusaa Fakii Mahaamaat yeroon Oliseeguun Obaasaanjoo akka jaarsummaa taa'aniif bakka buusan akka dheeratu ibsaniiru.