UN, Gamtaan Afrikaa fi US waamicha TPLF waraana mariin furuuf dhiyeesse simatan

Muusaa Fakii Mahaamaat, Antooniyoo Guteerez, Antoonii Bilinkan

Jaarmiyaaleen idil-addunyaa kanneen akka Dhaabbata Biyyoota gamtoomanii (UN), Gamtaa Afrikaa fi US humnoonni Tigraay walitti bu'iinsa marii nagaan furuuf dhiyeessan simatan.

Waraana Kaaba Itoophiyaatti deebi'ee eegale booda humnoonni Tigraay marii Gamntaa Afrikaan durfamu keessatti hirmaachuuf fedhiin agarsiisan carraa guddaa ta'uu dura taa'aan gamtichaa Muusaa Fakii Mahaamaat tiwiitarii isaaniirratti barreessaniiru.

Barreessaa Olaanaan Dhaabbata Biyyoota Gamtoomanii bulchiinsi naannoo Tigraay dhukaasa dhaabuun marii nagaatti seenuuf kutannoon agarsiise akka simatan ibsaniiru.

Humnoonni Tigraay dibaabee Gamtaa Afrikaa jalatti marii gaggeeffamu irratti kutannoon agarsiisan jajjabeessaa ta'uu barreessaa olaanaan UN ibsaniiru.

Qaamoleen dhimmi ilaallatu hunduu carraa kanaan gara nagaatti akka seenan, walitti bu'iinsa akka goolabanii fi guutummaatti gara rakkoo mariin furuutti akka seenanis dhaamaniiru.

Mariin dibaabee Gamtaa Afrikaa jalatti gaggeeffamu hatattamaan akka eegalu, kanaafis ammumarraa haalli mijataan uumamuu akka qabu akeekkachiisanii, UN marii Gamtaan Afrikaa gaggeessu hundarratti akka bira dhaabbatus waadaa seenan.

Lammiilee Itoophiyaan baga bara haaraa geessan kan jedhan qondaalli UN kun, jalqaba bara haaraa irratti carraan akkasii banamuun abdii guddaa ta'uu eeran.

US gamasaan tattaaffii Gamtaan Afrikaa TPLF marii nageenyaa keessatti hirmaachisuuf gochaa jiru simateera.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Ministirri Dhimma Alaa US bara haaraa Itoophiyaa ilaalchisuun ergaa dabarsaniin, US lammiilee Itoophiyaa nagaa, diinagdee fi tasgabbii barbaadan cinaa dhababachuun akka tumsu ibsan.

Humnoonni Tigraay marii Gamtaa Afrikaan gaggeeffamurratti hirmaachuuf qophii ta'uu ibsuu fi mootummaan Itoophiyaa nageenya buusuuf kutannoo qabaachuu ibsuun adeemsa jajjabeessaa fi abdii namatti horu ta'uu eeran.

Qaamoleen idil-addunyaa adeemsa marii kana deeggaruuf akka qophaa'an, Ertiraan waraana hammeessuurraa akka of qusattu dhaameera US.

US tokkummaa, birmadummaa fi walabummaa Itoophiyaa kan deeggaru ta'uu kan ibsan Antonii Bilinkan, kana gochuunis hariiroo dippiloomaasii bakka duraatti deebisuuf akka hojjetan waadaa seenan.

Itoophiyaan wayita bara haaraa simattu kanatti, qondaaltonni biyyattii daandii waraanaa obbaasuun, daandii nageenyaa jajjabeessuu, isarra qajeeluu akka qabanis US dhaamaniiru.

Dura taa'aan Gamtaa Afrikaa Muusaa Fakii Mahaamaat Gamtaan Afrikaa ammas waraana dhaabuun marii nagaa eegaluuf kutannoo fi fedhiin qaamolee siyaasaa waraana keessatti qooda fudhataa jiranii cimuu qaba jedhan.

Akkas yoo ta'e fedhiin lammiileen Itoophiyaa nageenya, tasgabbii fi diinagdeef qaban guutuu danda'a jedhan.

Qaamoleen idil-addunyaa tattaaffii Gamtaan Afrikaa taasisu cinaa dhaabbachuun akka tumsan kan gaafatan qondaalli kun, marii kanaaf jaarsummaa akka taa'aniif Gaanfa Afrikaatti nama bakka buusan Oliseegun Obaasaanjoo, yeroo bakka bu'ummaasaanii dheeressaniiru.

Humnoonni Tigraay mariif qophii ta’uusaannii wayita ibsan, Gamtaan Afrikaa wayita qaamolee hunda walitti fidee mariisisu adeemsi isaa amanamaa fi iftoomina kan qabu ta’uu qabaachuu eeran.

Marii kanarratti namoonni qaamolee lameenuu biratti fudhatama qaban akka hirmaatan, taajjabdoonni amanummaa dabalan fi ogeeyyiin idil-addunyaa dhimma kanarratti tajaajila gorsaa kennan hirmaachuu akka qaban hooggantoonni Tigraa gaafataniiru.

Kanaan dura wayita mootummaan federaalaa marii Gamtaa Afrikaa jalatti gaggeeffamuuf koree hundeessee labsu, TPLF marii irratti akka hirmaatu fedhii qabaachuu ibsuurra darbee nama bakka buufatu hin beeksisin yoona ga'eera.

Bitootessa 2022 mootummaan federaalaa fi TPLF deeggarsi namoomaa danqaa malee kanneen rakkataa jiran bira akka ga'uuf jecha waliigaltee dhukaasa dhaabuu erga labsanii waraanichi ji'oota shaniif tasgabbaa'ee ture.

Waraanni kun Hagayya gara dhumaa deebi'ee bifa haaraan erga eegalee booda addunyaan yaaddoo qabdu ibsuu itti fufte.

Torbanoota darban keessa waraanni hamaan kan gaggeeffamaa ture yoo ta'u, waraana akka haaraatti eegale kanaaf qaamoleen lameenuu walkomatu.

Kana hordofuun dura taa'aan TPLF torbee darbe keessa xalayaa Mana Maree Ngeenyaa UN fi Barreessaa Olaanaaf barreessaniin, loltoonni Itoophiyaa fi Ertiraa haleellaa cimaa irratti banuu fi kanaafis dhaabbatichi akka gidduu seenu gaafataniiru.

''Adeemsi nageenyaa diigameera,'' kan jedhan Dabratsiyoon (PhD) waraanni dhaabbachuun nageenyi waaraa akka dhufuuf Dhaabbati Biyyoota Gamtoomanii ogeeyyii idil-addunyaa mariisisuu danda'an akka ramadu gaafataniiru.

Waraana Itoophiyaa bifa haaraan eegalee nannolee Tigraay, Amaaraa fi Affaar keessatti gaaga'ama guddaa uumaa jiruuf fala barbaaduuf, Gaanfa Afrikaatti ergamaan addaa US Maayik Hamar torbee darbe keessa Finfinnee galaniiru.