Baayidan murteewwan Itoophiyaa irratti dabarsan akkuma jirutti akka itti fufu ibsan

Madda suuraa, Getty Images
Waraana Kaaba Itoophiyaa dhiittaa mirga lammiileef sababa ta'e keessatti qaamolee qooda fudhatan qoqqobuuf ajajni darbee ture akkasumatti akka itti Pireezidantiin Ameeriikaa Joo Baayidan murteessan.
Pireezidant Joo Baayidan murtee qaamolee waraana Kaaba Itoophiyaa keessatti hirmaatan qoqqobuuf darbe irratti Fulbaana 17, 2021 mallatteessanii turan.
Qoqqobbiin kun kanneen waraanni Kaaba Itoophiyaatti adeemaa jiru akka itti fufu gaafatamoo ta'an ykn qooda qaban, gargaarsa namoomaa kanneen ugguran fi kanneen dhukaasni akka hin dhaabbanne dhorkaa jiran irratti kan qiyyaafatuudha.
Ajaji pireezidantichi mallatteessan, namoota mootummaa Itoophiyaa, mootummaa Eertiraa, Adda Bilisa Baasaa Uummata Tigraay /TPLF/ fi mootummaa naannoo Amaaraa keessa jiranii fi kaan, marii caalaa waraana itti fufuu filatan itti gaafatamoo kan godhu ta'uu ibsamee ture.
Ajaji kun yeroo waggaa tokkoof kan darbe waan ta'eef, pireezidantichi seera ''Labsii Yeroo Ariifachiisaa Biyyaalessaa'' jedhamu kana waggaa tokko guutee hojiirra oolmaansaa osoo hin obba'in, akkuma jirutti akka itti fufu mana mareef xalayaa barreessaniiru.
Akka seera Ameerikaatti ''Labsiin Yeroo hatattamaa Biyyaalessaa'' tokko yeroo n kaa'ameef osoo hin xumurin guyyoota 90 hafan keessatti akkuma jirutti akka itti fufuuf gaaffiin yoo hin dhiyaanne ta'e obba'uu waan danda'uuf pireezidant baayidan dursanii xalayaa barreessan.
Pireezidantichi xalayaa Afa-yaa'ii mana mareef barreessaniin, ''Itoophiyaa ilaalchisuun labsiin Yeroo hatattamaa Biyyaalessaa yeroo kaa'ameefiin alatti itti fufuun akka hojiirra oolu,'' murteessuu isaanii eeran.
Waraanni Kaaba Itoophiyaa fi haalonni isaan walqabatanii Itoophiyaa keessatti uumamaa jiran gaanfa Afrikaaf balaa guddaadha jedha ibsi Waayit Haawus baase.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Keessattuu haleellaawwan hammaa olii heddummaachuu, haleellaan sabarratti fi saalarratti xiyyeeffate hammaachuun dhiittaa mirga namoomaa hammeessuurratti taree ''deeggarsa namoomaa danqeera,'' jedha ibsichi.
Haalli kun nageenya biyyaalessaa fi imaammata alaa Ameerikaa irratti yaaddoo guddaa uumuu waan itti fufeef, ''Labsiin hatattamaa biyyaalessaa dhimma Itoophiyaarratti labsame lakkoofsa 14046 akka itti fufee hojiirra oolu murteesseera,'' jedhan pireezidant Baayidan.
Pireezidant Baayidan murtee Fulbaana bara darbee mallatteessan kana akka raawwatuuf itti gaafatamummaa isaa Ministeera Maallaqaa biyyattiif kennaniiru.
Qoqqobbiin kun uummata Itoophiyaa ykn Eertiraa irratti osoo hin taane, namoota dhuunfaa ykn qaamolee hokkora oofaa jiranii fi rakkoo namoomaa hammeessaa jiran irratti kan qiyyaafatedha jedhan pireezidant Baayidan wayita labsii kana mallatteessan.
Ameerikaan uummata Itoophiyaa gargaaruu fi hariiroo seena qabeessa biyyattii waliin qabdu cimsuuf kutannoon qabdu itti fufas jedhan.
Ministirri haajaa alaa US Antonii Bilinken gama isaaniin ''mootummaan Itoophiyaa fi TPLF hatattamaafi haalduree tokko malee waraana dhaabuu mariirratti hundaa'e yoo tolchan US qoqqobbii kaahuuf jettu tursiisuu malti'' jedhanii ture.












