TPLF waraana dhaabsisuuf Manni Maree UN ‘‘humnaan jidduu’’ akka galu gaafate

Dabratsiyoon Gabramikaa'eel

 Humnootiin Tigraay kan baatiiwwan 22’f mootummaa Fedeeraalaa waliin waraanaarratti argaman, waraana ‘‘deebii’ee narratti banameera’’ jedhe Manni Maree Nageenyaa Mootummoota Gamtoomanii ‘’humaan jidduu galuun akka dhaabuuf gaafate.

Dura taa’aan TPLF Dabratsiyoon Gabramikaa’el pirezidaantii Mana Maree nageenyaa fi Barreessaa Olaanaa Dhaabbata Motummoota Gamtoomaniif xalayaa barreessaniin, humnootiin ittisaa Itoophiyaa fi Ertiraa haala qindaa’eefi haala cimaa ta’een Tigraay irratti haleellaa bananiiru jedhan.

Dabratsiyoon xalayaa isaanii irratti, manni Maree nageenyaa UN humnaan jiduu galuun looltoota Ertiraa Itoophiyaa keessaa yoo hin baafne, walitti bu’insicha yoo hin dhaabsiifne, naannichatti tajaajjilliwwan bu’uuraa, deeggarsii namoomaa hin daangoofne yoo hin eegalchiifne, ‘‘ummanni Tigraay looltoota gara jaboo lamaan kanneeniin ni bada’’ jedhan.

Dura taa’aan TPLF Dabratsiyoon Gabramikaa’eel, UN’f xalayaa yoo barreessan kun kan jalqabaa isaanii miti.

Dura taa’aan kun torbanoota lamaaniin duras looltoonni Ertiraafi Itoophiyaa akka haaraatti waraana eegaluuf dibbee waraanaa reebaa jiru jechuun xalayaa barreessanii ture.

Gareewwan wal waraanan lamaan kunneenis deeggarsa namoomaatiif jecha baatiiwwan shaniif dhukaassa dhaabuun, waraanni gab jedhee ture torbanoota muraasaan dura akka haaraatti deebii’ee eegalunsaa ni yaadatama.

Deebii’ee eegaluu waraanaa kanaatiifi gareewwan lamaanuu walii isaanitti quba qabaa jiru.

Waraanichi jabaatee itti fufuu

Waraanni kun marsaa sadaffaa irra deebin erga eegalee booda naannowwan Lixa, Kibba Lixaa fi Kaaba Tigraayitti gaggeeffamaa jiraachuu ibsame.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Itti gaafatamaan TPLF Dabratsiyoon Gabramikaa’el xalayaa kana kan barreessan yeroo itti Baha Afrikaatti ergamaa addaa US Maayikil Hamar Finfinnee jiranittiidha.

Maayik Hamar Finfinnee erga seenanii Itti aanaa muummee ministeeraa Dammaqaa Makonninii fi Gorsaa biyyaalessaa muummee ministeeraa waliin erga mariyatanii booda ergaa wal fakkaataa Dabratsiyoonif dhaamuu isaanii itti hojjataana dhimma alaa US tokko kaleessa ibsaniiru.

Dabrsatsiyoon xalayaa Dhaabbata Biyyoota Gamtoomaniif barreessaniin mootummaan federalaa kallattii Kibbaan (Qobboo), Kibba Lixaan (Saqotaa) fi adda waraanaa Lixaatin humna waraanaa guddaa bobbaasee waraanni gaggeeffamaa jira jedhan.

“Adeemsi nagaa diigameera” erga jedhaniin booda waraanni amma irra deebin eegale kun waraana kana dura gaggeeffame caalaa uummata Tigraay irratti dhumaatii guddaa fida jechuun ibsan.

Waraanni dhaabatee nageenyi itti fufiinsa qabu akka bu’uuf gareen marii ogeeyyi idil-addunyaa akka hundaa’uf Dabratsiyoon gaafataniiru.

Shakkii bakka bu’oota Gamtaa Afrikaa irraa qaban kana dursa ibsuu yaadachisuun, gareen marii UNdhan hundaa’u nu biratti fudhatama kan argate ta’uu qaba jechuun ibsan.

Adeemsii waliigaltee nageenyaa hordooffiin kan irratti taasifamu, itti gaafatamummaa kan qabu fi kan yeroon itti kenname irra gahamu qabaata jechuunis Dabratsiyoon gaafataniiru.

Waraanni kaabaa itoophiyaa wagga lama guutuuf jiruu, baatiiwwan muraasni erga dhaabbatee tureen booda Hagayya 26, 2022 irra deebiin eegaluunsaa ni yaadatama.

Yaaliin nagaa buusuu qaamoolee adda addaatiin taasifamaa tures bu’aa qabatamaa osoo hin argamsiisiin erga waraanichi deebii’e eegaleen booda, biyyoonniiif dhaabbileen idil-addunyaa, TPLF fi mootummaan akka mariin dhukaasa dhaabuu akka eegalaniif cimsuun gaafataa jiru.