Hawaasni idil-addunyaa mootummaan Itoophiyaa fi TPLF gara mariitti akka deebii'aniif dhiibbaa gochuu danda’uu??

Gaheen hawaasa idil addunyaa nagaa buusuu keessatti

Biyyoota gidduutti yookaan biyya tokko keessatti lolli wayita dhalatu, hawaasa idila-addunyaa jedhamuun kan beekaman biyyooti diinagdeen badhaadhanii fi dhaabbileen garaa garaa lola dhalate dhaabsisuuf gaheesaanii bahu.

Haa tahu malee biyyoonni kun yeroo hunda gama kanaan hin milkaa’an.

Biyyoota kanaan alattis dhaabbileen akka Biyyoota Gamtoomanii - UN fi kaanis, nagaa buusuuf itti gaafatamummaa qabu.

Gamtaan Afrikaa – AU yeroo hundaa’u, galmisaa inni tokko lola ardittii keessatti mudatu Afrikaan hiikuu danda’uu kan jedhu ture.

Haa tahu malee waraana waliinii kaaba Itoophiyaatti erga jalqabamee ganna lama guutuuf deemu dhaabsisuu hin dandeenye.

UN, Ameerikaa fi Awurooppaa dabalatee qaamoleen kaanis, lola kana dhaabsisuuf yaalla jedhanis, callisa ji’ootaan booda waraanni irra deebiyee eegalameera.

Biyyoonni Lixaa fedhiisaanii eegsisuu malee nagaa buusuuf dhimma hinqaban jedhu xiinxaltoonni tokko tokko.

Gama kaaniin ammoo qaamoleen walwaraanaa jiran fedhii qabbana buusuu hin qaban taanaan, gaheen warra jaarsummaa taa’anii daanga’aadha kanneen jedhanis jiru.

Hawaasni idil-addunyaa waraana Kaaba Itoophiyaa irratti ibsa baasuun alatti maal gochuu danda’a, qaamoleen kun gara mariitti akka seenan dhiibbaa gochuu danda’aa?

‘Walabummaa hawaasa idil-addunyaa’

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Mootummaan federaalaa Itoophiyaa ergamaa addaa AU kan tahan Oluseeguun Obaasaanjoo adeemsa marii nagaa akka gaggeessan fedha. TPLF ammoo pireezidantiin Keeniyaa barri aangoo isaanii obba’e Uhuruu Keeniyaataan akka dursan fedha.

Kana gidduutti waraanni akka haaraatti deebi’ee dhalate.

Mootummaan Itoophiyaa TPLF ‘marii waan hin feeneef’ qawwee kaase jedhee himata. TPLF gamasaan mootummaatu lola bane jedhee komata.

Waraanni kun irra deebiin dhalachuu hordofee biyyoonni Lixaa qaamoleen lamaaniinuu qabbaneessaa jechuun waamicha dhiyeessaa jiru.

Ministirri Dhimma Alaa US Antonii Bilinkan, haala fooyya’aa ji’oota shanan turetti akka deebi’an ergaa dabarsan.

Barreessaa olaanaan UN Antooniyoo Gutereez gamasaaniin, lolli deebiyuun isaa akka isaan yaaddesse himan.

Yunivarsiitii Finfinneetti Gargaaraa Piroofeesaraa Qorannoo Nagaa kan tahan Yonaas Adaayyee, hawaasni idil-addunyaa gaaffiin loogii yookaan baabsuu irratti ka’a jedhu.

‘‘Falaasamni nageenyaa inni bu’uuraa yaada gaariidha. Tahus wanta qabatamaa lafarra jirus ilaaluu feesisa,’’ kan jedhan hayyuun kun, hawaasni idiladdunyaa walabummaa isaa eegaa? Hiikaa nageenyaa hubataa? jechuunis gaaffii kaasu.

Yunivarsiitii United States International (USIU)tti Piroofeesara Seenaa fi Walitti Dhufeenya Idiladdunyaa kan tahan Maachaariyaa Muneenee, kanneen araarsan qaamolee lamaan gara mariitti fiduuf amanamummaa kennuu danda’uu? gaaffii jedhu kaasu.

Piroofesarichi: ‘‘Gama Tigraayin waraanichi erga dhaabbatee booda yaaddoon maaltu dhufa jedhu jira. Gama mootummaan ammo TPLF irra deebiin of gurmeessuun isaa yaaddoon uume akka jiru natti mul’ata,’’ jedhu.

Hayyuun lammii Keeniyaa kun akka jedhanitti, yaaddoon naannoo lola kanaan dhufuu malu waan yaaddessaa taheef, mootummaa Keeniyaa dabalatee kaanis waraanichi akka dhaabbatu fedhu.

Gargaaraa Piroofeesaraa Yonaas Adaayyees yaada piroofeesarichaan waliigalu.

‘‘Itoophiyaa keessa nageenyi dhabamuu jechuun, Afrikaa Bahaattis nageenyi dhiba. Keeniyaa fi Sudaaniif akkasumas kaaniif rakkoo fidee dhufa. Kana malees fedhiin Ameerikaafi Awurooppaa naannoo kanatti qabanis ni tuqama.’’

Akka isaan jedhanitti, hawaasni idil-addunyaa hiikaa nagayaa hubateetu moo faayidaa biyyaalessaa isaatiif dursa laateera kan jedhu murteessaadha.

Yonaas Addaayyee lolli kun gama Gamtaa Afrikaan furamuu qaba jedhanii amanu.

''Rakkinichi kan Afrikaa callaa miti. Garuu rakkinicha furuuf dureen biyyootaa Afrikaa fi Afrikaanonni keessa jiraachuu qabu. Kanaaf wanti bu’uuraa haala qabatamaa lafa jirutu murteessa. Waanta qabatamaan ala waa dubbachuun fedhii gara biraa agarsiisuudha.''

Pirofeesar Munenee ammoo qaamni gama lachanuun fudhatama qabu jiraachuu qaba jedhu.

''Namni araarsuuf ergame gama lamaaniinuu fudhatama hinqabu taanaan, qisaasadha. Dhumni waraana kanaa mancaatii tahuusaa namni agarsiisuu danda’u hanga argamutti waraanichi itti fufa,’’ jedhanii yaadu.

''Gamtaan Afrikaas tahe UN wabiin amanamummaa argatan akka eegamutti hin taane. Kun amma argamutti waraanni itti fufa.’’

Dhiibbaa gochuun ni danda’amaa?

Biyyoota aango-qabeessa tahan dabalatee dhaaboti addunyaafi ardiileen dhageettii qaban dhiibbaa gochuu yaalanillee waraanni Kaaba Itoophiyaa marsaa lammeessoo jalqabuurraa hin hafne.

Haa tahu malee biyyooti ollaafi biyyooti addunyaa mootummaan federaalaafi humnoonni mariif akka taa’an dhiibbaa taasisuu danda’u jechuun yaada kennu.

''Iftoominni, wal-amanuufi looguu dhiisuun jiraannaan ni danda’ama. Daa’imman hin ajjeesiinaa, waraanni hunda keenya miidha jedhanii dubbisuu, marii’achiisuufi walitti isaan fiduu ni danda’u,’’ jedhu Dr Yoonaas Addaayee.

Haa tahu malee jedhu Dr Yoonaas, ''jaarsummaaf namni deemu duraan garee tokkoof kan baabse yoo tahe rakkisaa dha,’’ jedhu.

Ameerikaan mootummaan dhukaasa dhaabuu otoo hin labsiin dura karaa garagaraa dhiibbaa gochaa turuu hayyoonni kunneen dubbatu.

Kanaaf fakkeenya kan tahu Ameerikaan waliigaltee daldalaa Itoophiyaan miseensa itti taate AGOA irraa haquusheeti jedhu.

Yeroos mootummaan Itoophiyaa namoonni keessumaa dubartoonni 200,000 ol waraana kana wajjin hidhata hin qabne miidhamu jechuun murtoo sana mormee ture.

Kana malees mootummaan Ameerikaa aangawoota Itoophiyaa, Eritiraafi akkasuma Naannoo Amaaraafi humnoota TPLF miseensa tikaa fi waraanaa tahan irratti dhorkaa viizaa kaa’ee ture.

Ibsi yeroos bahe murtoon kuni loltoonni Ertiraa naannoo Tigraayii akka bahan, dhiyeessi deeggarsa namoomaa akka fooyya’u akkasumas hirmaattonni waraanaa gara mariitti akka dhufan tattaaffiin taasifame ijaa hin milkoofneefi jedha.

Tumsaan piroofeesaraa, Yoonaas ''haala hin baabsineen meeshaa waraanaa dhorkuunis tahe kara garagaraan dhiibbaa tolchuu danda’u,’’ jedhu.

Haa tahu malee, ''dhiibbaa kan gochuu qaban qaama isa qoccollaa taasisu irratti tahuu qaba,’’ amantii jedhu qabu.

Piroofeesar Muneeneen gama isaaniin dhiibbaan taasifamu hangam jabaadha kan jedhu jiraatullee, ''qoqqobbii kaa’uun garuu jijjiirama akka hin fidne kana duras mul’ateera,’’ jedhu.

''Ertiraan qoqqobbiin garagaraa irratti kaa’amus hin jijjiiramne,'' kan jedhan piroofeesarichi,’’rakkoon mootummaa bira jira, mootummaafi uummanni immoo qoqqobbiin qixxee itti hin dhagahamu,’’ jedhu.

Dhimma nagaa kan qoratan Yoonaas ammallee mariin kuni karaa Gamtaa Afrikaa kan hogganamu yoo tahe abdii jira jechuun amanu.

''Nuti yeroo barsiisnu: 'karaan gara nagaa geessu hin jiru, nagaatu ofiisaa karaadha!' jenna.''

Mariisistoonni kana akkaan hubatanii nagaan akka bu’u kan barbaadanidha? Moo faayidaa mataasaanii kabachiisuuf sirni bulchiinsaa akka geeddaramu kan fedhanidha?’’

Hayyuun kuni gama kanaan ejjennoo biyyoota kanneen akka Chaayinaa, Afrikaa Kibbaa, Noorweeyiifi Deenmaarki dinqisiifatu.

Yeroo baayyee, ''hawaasni addunyaa nagaa irraa wal-dhibdee uuma,’’ jechuun kan falaman Yoonaas, ‘’Liibiyaa, Iraan, Iraaq, Afgaanistaan keessatti waggoota 20 booda waan uumame argineerra,’’ tahus qajeelummaan jiraannaan furmaatni hin dhibu jedhu.

''Fakkeenyaaf Gamtaa Afrikaa keessa ‘Paanal oof za Waayis’ waan jedhamu jira. Iddoo dhaa iddootti naanna’un araara buusa. Lolli Buruundii keessa ture akka qabbanaa’uu gumaacheera. Kaanaafi qajeelummaan jiraannaan hawaasni idila addunyaa nagaa buusuu danda’a kanin jedhu.''