Finfinneetti hojjattuun manaa daa’ima obboolaa lama haala sukkanneessaan ajjeefte poolisiitti harka kennatte

Madda suuraa, Social media
Magaalaa Finfinneetti hojjattuun manaa daa’imma obboolaa lama haala sukkanneessaa ta’een erga ajjeeffteen booda to’annoo jala oolchuu poolisiin beeksiise.
Finfinneetti kutaa magaalaa Lammii Kurraa, Kondominiyeemii Arraabsaa jedhamee beekamu keessatti ta’uu poolisiin BBCtti himeera.
Ajjeechaan jiraattoonni naannichaa sukkaneessaadha jedhaniin kun kan raawwatame, daa’imman lamaan umuriinsaanii kan wagga lamaafi sadii ta’an irratti.
Daareektara Sabaa Hiimaa Poolisii Uummata Magaalaa Finfinnee Ittaanaan Komaandar Maarqoos Taadasaa BBCtti akka himaniitti, hojjattuun manaa yakka baayyee ‘‘gadisiisaafi sukkaneessaadha,’’ jedhame kanaan shakkamte shamarree wagga 19 ta’uu ibsan.
Ajjeechaan erga daa’imman lamaan irratti raawwatameen booda, shakkamtuun to’annoo jala oolfamte yakkicha raawwachuu amanuu Ittaanaan Komaandar Maarqoos BBCtti himan.
Yakki ajjeechaa daa’iman kanneenis Kamisa Fulbaana 1, 2022 naannoo sa’aatii 3:30- 4 ta’uu ibsuun, shakkamtuun daa’imman hudhuufi meeshaa qara qabuun waraanuun haala sukkaneessaa ta’en ajjeessuu wantonni ibsan jiraachuu himan.
Shakkamtuun tunis maaltu yakka kana akka raawwattuuf ishee akka kakkaaseefi rakkoo sammuu akka qabdu baruuf qorannoon gaggeeffamaa jiras jedhan.
Itti dabalunis, ragaan poolisiin walitti qabe akka mul’isuutti shakkamtuun maatii ishee mindeessan waliin wal dhabdee waan turteef yakkicha raawwachuuf sababii ta’uu akka hin oollee kaasaniiru.
Shakamtuun tun yeroo maatiin mana hin jirreetti eeggattee ajjeechaa kana raawwachuu qondaalli poolisii kun himaniiru.
‘‘Yakki sukkanneessaan daa’imman omaa hin beekne irratti raawwatame kunis kan hundaa baayyyee gaddisiisedha’’ kan jedhan Komaandar Maarqoos, maatiin eenyummaa hojjattuuwwan manaa mindeessan sirriin beekuu qabu jechuun gorsaniiru.
“Hojjattuuwwan manaa akkuma maatiitti jiraatan jiraachuu kaasuun, kanneen haala akka ammaa kanatti yakka sukkaneessaa raawwatanis waan jiraniif hawaasni of eeggannoo taasisuu qaba,’’ jechuun ergaa dabarsaniiru.
Maatiin guyyaa tokkotti daa’imman dhalattuu lama dhaban gadda guddaa keessatti kan argaman yoo ta’u, jiraattoonni naannoo yakkichi itti raawwatameetti argamanis baayyee jeeqamuu BBC’tti himaniiru.












