Waraanni Itoophiyaafi Ertiraa Kaaba-Lixa Tigraayiin haleellaa banan - TPLF

Loltoota TPLF

Madda suuraa, Getty Images

Waraanni mootummaa Itoophiyaafi Ertiraa Kaaba-Lixa Tigraayiin haleellaa guddaa Kamisa ganama eegalanii jechuun TPLF himate.

Dubbi-himaan TPLF Getaachew Raddaa odeeffannoo tiwiitara gubbaatti qoodaniin, Kaaba-Lixa Tigraay bakka Adyaaboo jedhamutti humnoonni mootumaa Itoophiyaafi Ertiraa kallattii afuriin ''haleellaa guddaa banan'' jedhan.

Humni diinaa Fiqyaa Geberee hanga Adeemeytii, Selaamoo hanga Sheraroo Goboo Tsin'aat hanga Irdaa Maatiyoosfi Adi Aser hanga Afi Goshu'tti waraanni guddaan jira. Goototni keenya lafa qabatanii ofirraa ittisaa jiru,'' jedhan Obbo Getaachoon.

Haleellaa haaraa gama Kaaba-Lixa Tigraayiin ka'es ta'e hirmaanna waraana Ertiraa irratti mootummaan Itoophiyaa ammatti wanta dubbate hin qabu. Mootummaa Ertiraa irraas himata irratti dhiyaatu ilaalchisee wanti jedhame hin jiru.

Haata'u malee, mootummaan Itoophiyaa ibsa Roobii Hagayya 31 baaseen Addi Bilisa Baasaa Uummata Tigraay (TPLF) kallattii daangaa Sudaanirraan dabalatee kallattii gara garaatiin waraana baballisaa jira jechuun himateera.

Tajaajilli Komunikeeshinii Mootummaa ibsa baase keessatti Humnoonni Tigraay karaa Waag, Walqaayiti fi daangaa Sudaniin (gama naannoo Amaaraatiin) waraana banuu beeksise.

Dhukaasa dhaabuu ji'oota shanii booda torban darbe waraana akka haaratti hammaatee eegale irratti mootummaan federaalaa fi humnootni Tigraay wal himatu.

Dhaabbileen idila addunyaa ammaas waraanni atattamaan dhaabatee mariin naga aakka itti fufu waamicha gochaa jiru.

Ministirri Haajaa Alaa Ameerikaa Antonii Biliinken mootummaafi TPLF atattamaan waraana dhaabanii nageenya waaraa fiduuf tattaaffii isaanii akka dabalan gaafataniiru.

Waraanichi itti fufuun ''lubbuu namaarra balaan inni geessisu nu yaaddessaa jiras'' jedhaniiru.

Raayyaa Ittisa Biyyaa Itoophiyaa

Madda suuraa, EFDRE DEFENCE FORCE

'Deeggartoonni namoomaa miidhamuu hin qaban'

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Waraana akka haaraatti deebi'ee eegaleen walqabatee gargaarsa namoomaa Tigraay qaqqabsiisuuf taasifamaa ture addaan cituu isaa Dhaabbanni Mootummoota Gamtoomanii (UN) beeksise.

Dhaabbatichi gargarsa namoomaa Tigraay keessatti akka malee barbaachisaa jiru geejjiba daandiin qaqqabsiisuun walakkaa torban darbee irraa kaasee addaan cituu ibsuun, hojjetoonni gargaarsaa xiyyaaraan deddeebisuunis dhaabbachuu isaa himee ture.

Hooggantuun dhaabbata gargaarsaa Ameerikaa, USAID, Samantaa Paawor odeeffannoo Roobii tiwiitara gubbaatti maxxansaniin hjjettootni deeggarsa namoomaa sababa waraanaan miidhamaa akka jiran ibsan.

''Naannolee Affaar, Amaaraafi Tigraay keessatti hojjettootni namoomaa dhidhamuu dabalatee hiraarfamaa jiru, boba'aan isaanii hatamaa, konkolataan isaanii jala afudhatamaa jira'' jedhan.

Qaama gocha kana raawwatu Samaantan addatti ifa hin goone.

Sagantaan Nyaataa Addunyaas torbee darbe waraanni deebi'ee yeroo jalqabu boba'aan isaa litirri walakkaa miiliyoonaa ta'u Maqaleetti humnoota TPLF'n samamuu gabaasee ture. Himannicha TPLF kanin ergisen deebifadhe jechuun haaluun ni yaadatama.

USAID qaamoleen waraanatti jiran hunduu gargaarsi namoota miiliyoonotaan deeggarsa eeggatan bira akka gahu hojjettoota namoomaafi tattaaffii isaanii akka kabajan gafateera.

'Humnoonni Ertiraa Tigraay keessa bahuu qabu'

UKtti Ministirri Afrikaa Vikii Foord ''waraanni TPLF fi mootummaa Itoophiyaa gidduutti deebi’ee eegale uummata Itoophiyaaf balaa hamtuu qaba,’’ jedhan.

Aaddee Viikiin ibsa Kamisa baasaniin, lolli deebi’ee jalqabame kun lubbuu namoonni kuma kudhanitti lakkaa’amani du’aaf saaxila jedhan. Lolli kallattiin gaggeeffamus ta’e, rakkooleen namoomaa duraan turan ittuu hammaatee lubbuu namoota galaafachuuf deema jedhan.

Lolli erga eegalamee ji’oota 22 lakkoofsise kun furmaata waraanaa akka hin qabne ifadha jedhan anga'aan kun.

Dhukaasa dhaabuun Bitooteessa 2022 keessa irratti waliigalame ture waldhabbii ture karaa siyaasaa furuuf carraa kan uume fi Itoophiyaan guddina dinagdee itti fufiiinsa qabachutti akka deebitu gargaaree ture.

Waraanni deebi’ee eegalame kun garuu karaa nagaa eegalameerratti dhiibbaa taasisa jedhan.

Viikii Foord dabaluun humnoonni Tigraay naannoo Amaaraatti lola gaggeessuu dhiisanii Tigiraayitti deebi’uu qabu jechuun, humnoonni Ertiraa ammoo Tigiraay keessaa bahuu qabu jechuun waamicha dhiyeessan.

Mootummaan Itoophiyaa tajaajiloota bu'uuraa Tigraay keessa jiran akka deebisee banus waamicha dhiyeessan.