TPLF karaa Walqaayit dabalatee kallattii biroon waraana bane -Mootummaa

Madda suuraa, Getty Images
Addi Bilisa Baasaa Uummata Tigraay (TPLF) kallattii daangaa Sudaanirraan dabalatee kallattii gara garaatiin waraana baballisaa jira jechuun mootummaan himate.
Humnoonni Tigraay karaa Waag, Walqaayiti fi daangaa Sudaniin (gama naannoo Amaaraatiin) waraana banuu isaanii Tajaajilli Komunikeeshinii Mootummaa ibsa Hagayya 31, 2022 baaseen himeera.
TPLF ''garee waraana malee hin jiraannedha'' kan jedhe ibsi kun, “waraana TPLF Qobboofi naannawaasheetti karaa gama Amaaraa bahaatiin bane deebii jabaa gootonni humnoota ittisaa keenyaafi hawaasi naannawaa kennaniin akka gareen kun karoorfatetti hin milkoofneef,” jechuun himeera.
“TPLF tooftaa dulloomaa galaana ummataa kan ittiin lubbuu ijoollee, dargaggootaafi jaarrolee hoolaa haarsaa ittiin taasisu fayyadamuu isaa itti fufeera,” jedha ibsi Tajaajila Komunikeeshinii Mootummaa baase kun.
Himannaa mootummaan dhiyeesse kanaaf gama humnoota Tigraayiin deebiin kenname hin jiru, garuu kanaan dura dubbi-himaan TPLF Getaachoo Raddaa bulchiinsi MM Abiy Ahimad, “loltoota kuma kudhaniin lakkaa’aman biyya ollaa taate Ertiratti erguudhaan walitti bu’insa kana akka daran bifa biyyoolessaa qabaatu fedha” jechuun himatee ture.
BBCn himannaa gama lachuun jiru qama wallaba ta’erraa hin mirkaneeffanne. Haata’u malee, gargaarsa namoomaaf jecha dhukaasni ji’’ota shaniif dhaabbatee ture turban darbe keessa cabuun walitti bu’insa Kaaba Itoophiyaa kun cimaafi baballachaa dhufeera.
Mootummaan ibsa mata-dree ‘Tutuqqaan TPLF harki nagaaf diriire akka dacha’u dirqisiisaa jira’ jedhuun baaseen, “haleella TPLF kallatti gara garaan baneef deebii kennuu cimsee itti fufus, karri filannoon nagaa ammas hin cufamne,” jedheera.
Jiraataan magaalaa Umaraa BBCn dubbise Roobii Hagayya 31 irra kaasee kallattii Sudaan irraan sagaleen dhaga’amaa akka ture himeera.
Naannawaa amma humnoonni Tigraay waraana itti banan jedhame kun bakkeewwan gaaffiin abbummaa irrati ka’an keessaa tokko kan ta’e Walqaayit Xagadeedha.
Bakki kun osoo waraanni Kaabaa kun hin jalqabamiin dura Tigraay Lixaa jedhamee naannoo Tigraay jala kan ture yoo ta’u, erga waraanicha jalqabamee ammo humnoota Amaaraa jala galeera.












