Waraanni kaaba Itoophiyaa callisa ji'ootaan booda maaliif eegale?

Madda suuraa, Getty Images
Itoophiyaatti waraanni mootummaa Federaalaa fi TPLF gidduutti akka haaraatti eegaleera. Mariin nagaas waan gufate fakkaata jechuun Alex de Waal odeessa kana barreesse.
Qaamni lachanuu rasaasni isheen duraa gama kibba Tigraayin, dhiyeenya magaalaa Qobbootti kan dhagahamte ganama barii Hagayya 24 ta'uurratti waliigalu. Haatahu malee lammanuu waraanicha jalqabsiisuun walhimatu.
Ragaan dippilomaatota biyyoota Lixaarraa argame waan himu - Raayyaan Ittisa Biyyaa Itoophiyaafi milishoonni Amaaraa isatti hidhata qaban Faannoon, torbanootaan dura humna guddaa gara kanaatti gurmeessaa turan.
TPLF gamasaan humnaan waraanatti namoota makuun humnasaa kan cimsate ennaa tahu, leecalloo qabu gara caalu leenjii fi meeshaa waraanaa guuttachuun fixe.
Waraana bara dabreen waraana mootummaarraa meeshaa waraanaa hedduu kan guurrate oggaa tahu, biyya alaatiis meeshaa galfateera oduun jedhus ni dhagahama.
Muddamni guddachaa dhufuun mul'achaa ture. Tahus garuu dhiyeenyuma kana mariin nagaa taasifama jedhamee abdatamaa ture.
MM Abiy Ahimad ittaanaa isaanii Dammaqaa Makonnin, koree nageenyaa akka dura bu'an itti gaafatamummaa itti kennan - koreen kunis Adoolessa keessa hojii eegalee ture.
Isa kana durallee MM Abiy qondaalota olaanoo tahan TPLF wajjiin dhoksaan akka walargan erganii turan.
Marii Seychelles fi Jabuutiitti taa'ameen, humnoonni Itoophiyaa uggura Tigraayirra kaa'an kaasuuf waliigaluun isaanii himame.
Kana malees humnoonni Ertiraa biyyattii keessaa akka bahaniifi qaamoleen lamaan Naayiroobii, Keeniyaatti marii Pireezidant Uhuruu Keeniyaataa qopheessan irratti akka hirmaatan waliigalan. Silaa ajandaan marichaa inni jalqabaa waraana dhaabuu waarawaa taha ture.
Dugda duubaan US mariiwwan kana haalaan deeggaruun, Keeniyaa wajjinis dhiyeenyaan hojjetaa turte.

Madda suuraa, Getty Images
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Ergamaan Addaa US Maayik Hamar, ergamtoonni Gamtaa Awurooppaafi Biyyoota Gamtoomanii Hagayya 2 Maqalee daawwachuun, tajaajiloonni bu'uuraa saffisaan akka deebiyaniifi ulaan qarqaarsa namoomaa danqaa malee akka banamu gaafatan.
MM Abiy kanneen gochuuf waliigaluu isaanis waan akeeku dubbatan.
Haatahu malee ergamaan addaa Gamtaa Afrikaa-AU Oluseegun Obaasaanjoo dhimma ugguraa kanarratti callisa filatan.
Marii ergamtoota kana wajjiin taasisan irrattis, namni jaarsummaa kana hoogganu isaa qofa akka tahan cimsanii himan. Kana malees marii kanarratti michuun Itoophiyaa Ertiraas marii kanatti haa dabalamtu jechuunis waan hin eegamne dubbatan.
TPLF mootummaan Itoophiyaa waadaa gale cabse jechuun himata.
Mootummaan Itoophiyaa gamasaan mariin kamuu TPLF wajjiin gaggeeffamuu hin amanne. Qondaalonni hawaasa idiladdunyaas dhimma kanarratti waa jechurraa of qusataniiru.
Ji'oota Adoolessaa fi Hagayya keessa mootummaan Itoophiyaa uggura tajaajiloota bu'uuraarra kaa'e akkuma turetti itti fufuun, qarqaarsi nyaataa, qorichaafi xaa'oo muraasni akka galu heeyyame.
TPLF hawaasni idiladdunyaa ''dhukaasa dhaabuu namoomaa'' ji'oota shaniif ture leellisuu isaaniin hin gammanne. Ugguri mootummaan kaa'ame beela akka meeshaa waraanaatti fayyadamuutiin qixxaata jedha.
Sagantaan Nyaataa Addunyaa-WFP namoota kuma dhibbaan lakka'amaniif qarqaarsa dhaqqabsiisaan jira jedha. Garuu uummata miilliyoona 4.8 tahutu nyaanni isaan barbaachisa - akkaan xiqqaadha.
Waraanni kun irra deebiin jalqabuun dura hoogganaan TPLF Dabratsiyoon GabraMikaa'el xalayaa dureewwan biyyootaaf barreessaniin: ''Bakkuma deemnu hundatti du'a arguufi dhagahuuf saffisaan dhiyaachaa jirra. Filannoon keenya yookaa beelofnee dhumna, yookaan ammoo mirgaafi kabaja keenyaaf falmachaa duuna kan jedhu callaadha,'' jedhan.
Tigraayitti beelli akkaan hammaateera. Beelaan namni meeqa du'eera kan jedhu qaamni mirkanaan dubbatu jiraachuu baatuus, qorannoon gareen Yunivarsiitii Beeljiyem gaggeesse, erga waraanni Sadaasa 2020 eegale dhalattoonni Tigraay 500,000 tahan beelaafi rakkoolee walqabataniin lubbuu dhabaniiru jedha.
Miidiyaa biyya Firaans ARTE jedhamuun alatti, erga Waxabajjii 2021 TPLF naannicha gara caalu to'ateen booda gaazexeessaan biyya alaa Tigraay seene hin jiru.
Hojjettoonni namoomaa muraasni akka galan heeyyamameefis du'a daa'imman irratti ragaa walitti qabuu hin dandeenye. Dubbi-himtuun WFP, haalicha beela jedhanii labsuufi dhiisuuf ''wanti beeknu hin jiru'' jedhan.
Torban dabre Humni Qilleensaa Itoophiyaa Maqaleetti haleellaa qilleensarraa raawwachuun, oolmaa daa'immanii rukutee daa'imman sadii dabalatee namoota torba ajjeesuun himame.
Mootummaan Itoophiyaa garuu kana haaluun, iddoowwan waraanaa qofa irratti qiyyaafachuu hime. Haleellaan qilleensarraa marroon biroo Kibxata galgala Maqaleetti raawwachuun gabaafameera.

Madda suuraa, Tigrai TV/Reuters
TPLF boba'aa taankara 12 man-kuusaa UN keessaa humnaan fudhachuu hordofee, balaaleeffataman. Isaan garuu boba'aa ji'ootaan dura liqeessine deebisnee fudhanne malee hin saamne jechuun dubbatan.
Gama kaaniin Humni Qilleensaa Itoophiyaa karaa daangaa qilleensaa Sudaaniin xiyyaara meeshaa waraanaa fe'ee gara Tigraay galaa ture rukutuu hime. TPLF kana waakkateera.
Waraanni Itoophiyaa fi Ertiraa lachanuu Ertiraa keessatti lakkoofsa guddaa walitti qabamuun, gara daangaa Tigraayitti siqaa jiru jedhu gabaasaaleen. Akkuma yeroo kaanii mootummaan Ertiraa callisa filateera.
Guyyaa Roobii ammoo lixa Tigraayitti lolli akka ture gabaafameera.
Lolli guyyootaaf Qobboo qabachuuf taasifame akkaan cimaa tahuutu himama. Maddeen Tigraay mo'achuu himan, TPLF humnoota federaalaa fi milishaa 100,000 tahan barbadeessan jechuun, meeshaalee waraanaa hedduus booji'uu himu. Taatee kana qaamni walabaa mirkaneesse hinjiru.
Dhimma kanarratti mootummaan Itoophiyaa wanti jedhe jiraachuu baatus, miidiyaaleen dhimma kanarratti gabaasa wayita hojjetan ofeeggannoo cimaa akka taasisan akeekkachiiseera.
Kana malees magaalaa Qobboo gadhiisee bahuu kan hime ennaa tahu, gabaasaaleen magaalaa Woldiyaa irraa dhufan akka agarsiisanitti, waraanni mootummaa dhiyeenya magaalattii akka hinjirredha.
TPLF humnoota isaa gara kibbaatti akka hin bobbaasne himuun, bara dabre keessa magaalaa guddoo biyyattiitti isa dhiyaate sana irra deebiyuu akka hin barbaanne beeksiseera.
Inumaawuu dubbi-himaan TPLF isa gabaasaaleen Woldiyaa qabataniiru jedhu waakkateera.

TPLF marii nageenyaa atattamaa akka fedhu dubbata. Garee mootummaa wajjiin kibbaafi lixa Oromiyaatti walwaraanaa jiru Waraana Bilisummaa Oromoo wajjiin michummaa qabaatus, biyyattii bulchuuf garuu qindoomina paartilee ofbiraa hinqabu.
Dhalattoonni Tigraay hedduunis yaada naannoo keenyaaf qofa falmachuu qabna jedhu qabu.
Haga ammaatti adeemsi marii qabbana buusuu lafa qabate hinjiru. Obaasaanjoon erga muudamanii waggaan tokko darbus, hagas mara tarkaanfii mul'atu hin dhufne.
Dippilomaatonni Afrikaafi biyyoota Lixaa muraasni, haalli Obaasaanjoon irra jiran deeggarsa hin qabu jedhanis, isaan garuu deeggarsa mootummaa Itoophiyaa qabu.
Gama kaaniin mariin US-Keeniyaa eegalamee ture, biyyattiin filmaata gaggeessitee Wiiliyaam Ruutoo mo'achuun isaanii erga ifa taasifamee danqameera. Ruutoon kaadhimamaa pireezidantiin biyyattii deeggaran Raayilaa Odiingaa irra aanuun bulchaa jedhaman.
Mariin nageenyaa yaadame Aabba Keeniyaataan dhuunfaan akka gaggeessan kan karoorfame turus, Aabba Ruutoon pireezidaantiin bara aangoo isaanii obbaasan kun, maricha akka hoogganan muuduu malu.
Haatahu malee filannoon biyyattii ammallee xumura hin arganne - dhimmichi mana murtii jira.
Erga kun raawwatee booda, Ameerikaanonni filannoo biraa waan kaa'anii turan hin fakkaatu.
Ministeerri Dhimma Alaa biyyattii Antonii Bilinkan, qaamoleen lamaanuu haalduree tokko malee mariitti akka deebi'an dhaamsa dabarsan. Haatahu malee qaamoleen walwaraanan kunniin waan jechasaanii kana dhagahan hin fakkaatan.
MM Abiy dirree lolaarratti wayita mo'amaa jiran kanatti mariitti debi'uun, dadhabaa jedhamuu hin fedhan. Mootummaan Finfinnee jiru garee TPLF ''shororkeessaa'' jechuun waamutti deebiyeera.
TPLF gamasaan mariin kamuu raawwachuu dura uggurri kaa'ame akka kahu fedha - TPLF uggura kanaan yakka waraanaati jedhee ibsa.
Mootummaan federaalaa akka fedheetti waadaa amma dura seenee ture keessaa akka bahu mirgi kennamuufii hinqabu jedha.
Dararaafi dhiigni lola'uun torban dabre keessatti raawwate qofti lammiilee Itoophiyaafi hawaasa idil-addunyaaf waan amma dura beekuu qaban mirkaneesseeraaf - lola Tigraay keessaaf qawween furmaata hin tahu.
_____________________________
Alex de Waal daarektara olaanaa Faawundeeshinii Nagaa Addunyaa, kan Yunivarsiitii Tufts Ameerikaa keessatti argamuuti.












