UN buufataalee baqattootaa Sudaanitti nama loltummaaf filachuun akka ture quba qaba jedhe

Nagaa eegsistoota UN

Madda suuraa, Getty Images

Buufataalee baqattootaa Sudaan lammiileeen Itoophiyaa keessa turanitti namootni loltummaaf filatamaa akka turan quba qabaachaa akka ture Dhaabbata Biyyoota Gamtoomaniitti Komishiniin dhimma baqattootaa hime.

Dhaabbatichi ji'oota jalqabaa bara 2022 irratti kaampiiwwan baqattootaa Baha Sudaan turan keessatti dirqamaan loltummaaf filachuu dabalatee namoota loltuu akka ta'aniif filachuun adeemaa akka ture ragaaleen qabatamaan akka isa gahaa turan dhaabbatichi BBC'tti himeera.

Ragaa akkuma argateen mootummaa gidduugaleessaa Sudaniifi aanga'oota naannichaaf yaaddoo qabaachuu ibsuufi kana hordofees haalli wayyaa'aa akka ture karaa iimeeli yaada BBC'f ergeen beeksiseera.

Komishinichi ''filannoo loltootaa gaggeessuuf Itoophiyaarraa namootni dhufaa akka turan baqattootarraa hubadheera'' jedhe.

Ta'ullee qaama hidhataa kamtu filannoo loltootaa raawwachaa akka jiru ''mirkaneeffachuu hin dandeenye'' jedhe.

Dhaabbatichi kana haa jedhu malee mootummaan Itoophiyaa amma dura ibsa baasee tureen baqattootni Sudaan jiran hidhatanii loltoota TPLF waliin ta'uun waraana keessatti hirmaachaa akka jiran komachaa ture.

Waggaa lama guutuuf kan jiru waraanni waliinii Kaaba Itoophiyaa erga eegalee dhalattootni Tigraay keessuumaa gara Lixa Tigraay jiraatan kumoota kurnaan kan lakkaawwaman gara Sudaanitti baqatanii akka turan gabaasaa turre.

Sochiin waraanaa kamuu kaampii baqattootni jiran keessatti gaggeeffamu hojjettoota gargaarsaa fi baqattoota balaarra waan buusuuf, akkasumas seera waraanaa fi baqattootaa idila addunyaas waan cabsuuf atattamaan haa dhaabatu jedheera.

Itti dabaluunis qaamoleen baqattoota loltummaaf filachaa jiran gocha isaaniirraa akka of qusataniifi seera namoomaa akka kabajan gaafateera.

Loltootni nagaa buusuuf Sudaan turan waraana keessatti hirmaachuu

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Guyyoota muraasa dura miidiyaan Biluumbeerg dhalattootni Tigraay dhaabbata Biyyoota Gamtoomanii jalatti loltoota nagaa buusan ta'uun tajaajilaa turan loltoota Tigraay waliin ta'uun waraana keessatti hirmaachaa jiraachuu gabaasee ture.

Lafa Sudaaniifi Sudaan Kibbaa naaf mala jedhanii irratti waldhaban bulchiinsa Abiyeetti loltoota Itoophiyaa nagaa eegsisuuf ergama UN jalatti boba'anii turan Itoophiyaatti hin deebinu jedhan loltootni dhalattoota Tigraay ta'an 500 gahuu loltoota kana keessaa tokko ji'oota dura BBC'tti dubbatee ture.

Biluumberg gabaasa isaa keessatti loltootni UN duraanii kan dhibbaan lakkaa'aman dhalattoota Tigraay biroo waliin ta'uun karaa Humeraa garaa daangaa Itoophiyaa dhiyaachuu maddeen isaarraa hubachuu eere.

Gabaasa Biluumberg kana hordofees Dhaabbatni Biyyoota Gamtoomanii naga eegsistoota duraaniif beekamtii baqattummaa kennee isaanis gara loltummaatti galan jechuun himatni dhagaahamaa jira.

Beekamtii baqattummaa kan kennu mootummaa Sudaanii jechuun Komishiniin Baqattootaa komii irratti dhiyaatu kana fudhatama dhabsiisa. Gaheen isaas gorsa teeknikaa fi gorsa kennuu qofa akka ta'e ibsa.

Loltootni nagaa eegsisaa turan 650 Sudaanitti gaaffii kooluugaltummaa dhiyeessanii 247 beekamtii baqattummaa argachuu komishinichi beeksiseera. Kanneen beekamtii argatan kun adeemsa kana osoo hin xumuriin bakka jiraatan gadhiisuufi dhiisuu isaaniirratti quba akka hin qabnes ibse.

Loltuun tokko kooluugaltummaa gaafachuu yoo fedhe loltummaa isaa dhiisuu akka qabu seerri ni ajaajaa jedha komishinichi.

Baqattoota Itoophiyaa Kaampii Sudaan

Madda suuraa, Getty Images

'Namoota nagaa hedduu dararamanitti, dararaa dabaluudha'

Dhaabbata Biyyoota Gamtoomaniitti Komishiniin Baqattootaa waraanni akka haaratti eegaluun namoota nagaa hedduu dararamanitti, dararaa kan dabaluudha'' jedha.

Komishinichi waraana haaraa kanaan lakkoofsi namoota yaaddoo nageenyaa keessa galanii ni dabala, kan deeggarsa baraabduus akkasuma dabalaa jechuun tilmaam isaa kaaha. Namootni dabalataan akka buqqa'an sababa ta'as jedhe.

Sudaaniifi guutuu addunyaatti namoota deeggarsa namoomaa barbaadaniif gargaarsa dhiyeessuurratti hanqinni maallaqaa isa mudate yaaddessaa ta'uus hima.

Waraana akka haaraatti eegaleen walqabatee baqattootni haaraan daangaa Sudaan ce'anii gara kaammpiiwwan lama baqattotni Itoophiyaa keessa qubatanis ta'e Hamdeyaat gahan irratti gabaasa akka hin qabnes Komishinichi ibseera.