Xiyyaara daangaa Itoophiyaa osoo seentuu rukutamte jedhamerratti Sudaan Ambasaaddara Itoophiyaa haasofsiifte

Madda suuraa, @YIBELTALAEMEROA
Xiyyaara waraanaa daangaa qilleensa Itoophiyaa seenee ture rukutee kuffisuu humni waraana Itoophiyaa erga himee torbee tokko booda Sudaan ambasaaddara Itoophiyaa Kaartum jiru waamtee haasofsiifte.
Humna waraanaa Itoophiyaatti angawaa waraanaa olaanaa kan ta’an Meejar Jeneraal Tasfaayee Ayyaalew fi Ajaja Humna Qilleensa Itoophiyaa kan ta’an Leetinant Jeneraal Yilmaa Mardaasaa torbee darbe xayyaarri waraanaa Antoonov 26 jedhamu karaa Sudaan daangaa Itoophiyaa cabsee seenuu himanii turan.
Xiyyaarri waraanaa Sudaan irraa ka’ee daangaa qilleensa Itoophiyaa seene rukutamee kufuu Sudaanitti ambasaaddarri Itoophiyaa ibsuu isaanii maddi oduu Sudaan Sunnaa jedhamu ministeera dhimma alaa biyyattii waabeffachuun gabaasera.
Maddi oduu Sunnaa akka jedhutti Sudaan ibsa ambasaaddara Itoophiyaatti waan hin gammanneef Ministeerri Dhimma Alaa Sudaan Ambasaaddar Yibalxaal A’imiroo waamun yaada kennan akka jijjiiran gaafateera.
Ambasaaddarri Itoophiyaa ibsi isaan miidiyaalef kennan Sudaan akka hin gammachiisne Dhimmoota Afrikaa irratti Daayireektara Jeneraala Sudaan kan ta’an Fadilaa Abdullahi Fadilaa ibsuu isaanii Sunnaan gabaasera.
Xiyyaarri waraanaa Antonov 26 jedhamu gaafa Hagayya 23 halkan keessaa sa’aatii 4:00 irratti karaa Sudaan daangaa qilleensa Itoophiyaa seenuuf osoo jedhuu rukutamee kufuu ibsee ture.
Xiyyaarri rukatamee kufe jedhame kun humnoota Tigiraayiif meeshaa waraanaa geessuuf osoo jedhuu akka rukutame Mejer Jeneraal Tasfaayee Ayaalew ibsanii turan.
Mootummaan Itoophiyaa xiyyaarichi rukutame kan eenyuu akka ta’e ifatti waan jedhe hin qabu, garuu “xayyaarichi humnoota TPLF deeggaraa kan jiran kan diinota keenyaa ta’uu hin oolu” jedhee ture.
Waa’ee xiyyaaricha rukutamee kufe jedhamee ilaalchisee humnoonni Tigraay soba jedhan.
Ambasaaddar Fadilaa Abdullaahii Fadilaa yaanni Ambasaaddarri Itoophiyaa kennan “himannaa bu’uura hin qabnee” fi walitti dhufeenya dippilomaasii biyyoota lamaanii irratti dhiibbaa kan fiduudha jedhan.
Xiyyaarri waraanaa eeyyama osoo hin argatin daangaa qilleensa Itoophiyaa seenee rukutame erga jedhameen booda balaliin wal fakkaatan gara Naannoo Tigiraayitti godhamaa akka turan maddeen garaa garaa ni himu.
Taateen xiyyaara rukutame jedhamee osoo hin dhagahamin torbee tokko dura MM Abiy Ahmad walgahii dargaggoota wajjin magaala Finfinneetti taasisan irratti haasaa taasisaniin balaliiwwan dhoksaa gara naannoo Tigiraay seenaa akka ture mootummaan akka beeku dubbatanii turan.












