Ministeerri Ittisaa sochii waraanaa isaa ilaalchisee fayyadamtoota miidiyaa hawaasaa akeekkachiise

Madda suuraa, FDRE Defence Force
Haala yeroo Raayyaa Ittisaa Itoophiyaa ilaalchisee, ''odeeffannoo hin mirkanoofne miidiyaalee hawaasaarratti kanneen raabsan'' gocha isaaniirraa akka of qusatan Ministeerri Raayyaa Ittisaa Itoophiyaa akeekkachiise.
Ministeerichi ibsa baaseen dhiyeenya kana gama Baha biyyattiin ''yaalii lootee galtootni al-Shabaab haleellaa raawwachuuf godhaniin barbadeeffamaniiru,'' jechuun tokkummaafi cimina humna ittisaa irra jiru ibseera.
Kaaba Itoophiyaatti waraana humnoota Tigraay waliin ji'oota hedduuf gaggeefameen walqabatee ammoo ''gareen shororkeessaan TPLF dibbee waraanaa reebuutti jira'' jechuun himateera.
Torban darbee kaasee ji'ootaaf dubbii ijoo kan ture dhimmi marii araaraa TPLF fi Mootummaa Federaalaa danqamaa akka jiruufi waraanni akka haaraatti eegaluufi dubbiin jedhu dhagaahamaa ture.
Ministeerri Raayyaa Ittisaa Itoophiyaa ibsa isaa kanaan, ''deeggartootni TPLF maqa-balleessii Raayyaa Ittisaa Itoophiyaatti jiruu,'' jedheera.
''Dhimmi teeknikaa marii diigameera... raayyaan ittisaa humna isaa siqsaa jira... raayyaan ittisaa meeshaa gurguddaan nu haleelaa jira...caasaa isaa eegee ajaja kennameen haleellaan raawwatamaa jira'' yaadni jedhu miidiyaalee hawaasaarra naanneffamaa jira jedheera ibsi ministeerichaa.
Miidiyaaleen biyya alaas akkasitti gabaasaa jiruu jedhee, miidiyaaleen biyya keessaa gariiniifi fayyadamtootni miidiyaalee hawaasaa ''himannaa diigaa ta'e kana wal-harkaa fuudhanii hafarsaa akka jiran hubanneerra,'' jedhe.
''Diinni asiin bahe asiin gale, humni firaa asiin bahe aasiin gale odeeffannoon jedhu gonkumaa oduu fi qabiyyee oduu ta'uu hin danda'u,'' jechuun odeeffannoon akkasii jireenya guyyuu lammiilee jeeqaa jedheera.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Haala qabatamaa waraanni biyyattii irra jiru akkuma amma duraa barbaachisaa yeroo ta'etti ni ibsanaa jechuunis, namootni odeeffannoo hin mirkanoofne waa'ee Raayyaa Ittisa Biyyaa Itoophiyaa qoodan gocha isaaniirra akka of qusatan akeekkachiiseera.
''Beekaniis ta'e osoo hin beekiin gabaasa burjaajessaa, barbaachisaa hin taaneefi kan isaan hin ilaallanne qaamoleen miidiyaa hawaasaa raabsaa jiran gocha isaaniirraa akka of qusatnan cimsinee akeekkachiifna,'' jedha ibcichi.
Waraana Waliinii Itoophiyaa erga eegalee ji'ootni 20 ol lakkaawwan kana xumuruuf tattaaffii godhamuuf mootummaan Itoophiyaa garee marii irratti hirmaatu ijaaree qajeelfama marii araaraa kana ilaallatus qopheessuu ibseera.
Akkuma mootummaa Itoophiyaa mariif qophiidha kan jedhu TPLF gama isaan, marichi jaarsummaa Gamtaa Afrikaan gaggefamuun isaa akka isa hin gammachiifne ibsa.
Mariin ni gaggeeffama jedhamus eessattiifi yoom akka eegalamu adda hin baane.
Torban darbee kaasee ammoo yaaddoon waraanichi deebi'ee eegaluu mala jedhu ui sochiiwwan sana akeekan mul'achaa jiru.
Humnoonni Tigraay adda waraanaa gara garaatiin Raayyaan Ittisaa Itoophiyaa ''haleellaan nurratti bane'' jedhanii yeroo himatan, mootummaan Itoophiyaa gama isaan himannichi marii nagaa irratti hirmaachuu jalaa "miliquuf" himannaa sobaa dhiyaate jechuun fudhatama dhabsiiseera.












