Itoophiyaan 'Kaaba biyyattiitti xiyyaara meeshaa waraanaa baate' rukuttee kuffisuu himte

Madda suuraa, ENA
Mootummaan Itoophiyaa xiyyaara meeshaa waraanaa kaaba Itoophiyaa bakka qaamoleen walwaraanan lamaan jiranitti osoo balali'uu rukutee kuffisuu hime.
Haa ta’u malee, abbaa xiyyaara kanaa maqaan hin dhoofne. Qaami walabaa dhimma kanarratti waan jedhe hin qabu.
Bakka xiyyaarri dhahamee buufame irratti gabaasota wal dhiibanitu dhagahame.
Gorsaan nageenya biyyaalessaa MM Abiy Ahimad Obbo Reduwaan Huseen xiyyaarri kuni kan 'diinota Itoophiyaadha' jechuun Tiwitara gubbaa barreessan.
Obbo Reedwaan xiyyaarri meeshaa fe'ee dhufe Maqaleetti osoo buusaa jiruu rukutamuu barreessan.
Miidiyaan biyyaalessaa Itoophiyaa janaraala waraana Itoophiyaa waabeffate garuu daangaa qilleensaa Sudaanii gara daangaa qilleensaa Itoophiyaa yeroo seenu rukutamuu ibsan.
Dubbii himaan TPLF Getaachew Raddaa ''dubbiin xiyyaara meeshaa waraanaa fe'e rukutanii kuffisuu kijiba'' jechuun twiitara gubbaatti barreessan.
Akka gabaafametti xiyyaara kana kan rukute humna qilleensaa Itoophiyaadha.
Tajaajilli oduu Itoophiyaa Meejar Janaraal Tasfaayee Ayyaaleew waabeffachuun akka gabaasetti xiyyaarichi naannoo Humaraatti Kibxata galgala sa'aa afurtti rukutamee kufe
Dubbiin kuni gama bakkeewwan kibba Tigraayiifi Kaaba Naannoo Amaaraa daangeessanitti lolli haaraa eegaluun isaa erga himamee booda dhagahame.
Barreessa Olaanaan Dhaabbata Biyyoota Gamtoomanii (UN) Antooniwoo Gutareez lolli akka haaraatti eegaluu isaan ‘’guddaa yaadda’uu’’ ibsaniiru.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
''Atattamaan walitti dhukaasuun dhaabachuu qaba'' jechuunis gaafatan. ''Itoophiyaatti waraanni itti fufuu isaatti akkaan naheera, gaddeeras,'' jedhan.
''... waamichi koo inni guddaan mariin nagaa buusuu Mootummaa fi TPLF akka itti fufu, .... deeggarsi namoomaa kanneen isaan barbaachisu bira akka gahuufi tajaajilli uummataa deebi'ee akka eegaluudha'' jedhan.
Roobii barii keessa lola eegaleef mootummaan federaalaafi TPLF wal himataniiru.
Lolli kuni dhukaasa deeggarsa namoomaaf Bitootessa darbe qaamoleen waraana keessa jiran lamaan irra gahan kan cabsedha.
Akkasumas sochii nagaa buusuu eegalametti akka danqaatti ilaalame.
Waliigalteen dhukaasa dhaabuu taasifamee ture deeggarsi nyaataa naannicha seenu dabaleera – garuu gahaa miti.
Tajaajilli Kominikeeshinii Mootummaa Federaalaa ibsa baaseen, har’a barii sa’a 11:00 irratti humnootni TPLF adda waraanaa Bahaan: Bisoobar, Zoobilii fi karaa Tekulash haleellaa bananiiru jedhe.
Himannaan mootummaa kun kan dhagahame, har'a ganama TPLF "humnoonni mootummaa waraanaa bal'aa nurratti eegalan" jechuun erga himatee boodadha.
Humnooni Tigraay walii galtee dhukaasa dhaabuu deeggarsa namoomaa ji'a Bitootessaa keessa labsamee ture cabsuu ibsi mootummaa ni agarsiisa.
Jiraataan Qobboo, bakka lolli eegaleerraa 25km fagaatu BBC’tti akka himetti, dhukaasa jalqabaa Kibxata galgala dhagahe.
‘’Barii sa’aatii 11, gama lamaaniinuu dhukaasi dhagahame. Dhukaasi jabaan yeroo dhukaafamu dhagahaa turre,’’ jedhe.
Waggaa darbe waraanni federaalaa bahuu hordofee addunyaarraa kan cite Tigraayitti, ummanni walakkaa deeggarsa nyaataa barbaada jedheera UN.
Waraana Tigraayitti baatiiwwan 20 ol dura eegaleefi boodarra Amaaraafi Affaaritti ce’een namoonni kumaan lakkaa’aman akka du’an amanama.
Lammiileen miiliyoonaan lakkaa’aman immoo qe'eerraa buqqa’aniiru.












