Haala uummanni Tigraay keessa jiru ija hojjetaa tola ooltummaa Barakatiin

Madda suuraa, BEREKET KEZAHTA
Maqaan isaa Barakat Mokonniin jedhama. Sagantaa televijinii ‘’Qazaahitaa’’ jedhamu qopheessa.
Namoota tola ooltummaan rakkoo namoomaa Tigraay keessa jiru furuuf gargaarsa qaamolee garagaraarraa dhihaatu ummata biraan gahuuf kanneen dalagan keessaati.
Naannoo Tigraay waraanaan hubamtetti gaafa tokko mana yaalaa dhaqee namoota miidhaman erga argee booda miirri isaa hubamuu hima.
Rakkoo kanaaf fala barbaachuf A.L.I Guraandhala bara 2013 eegalee viidiyoo waraabee gadhiisuu eegale.
Viidiyoowwan kunneenis dhalattoota Tigraay ala jiraataniifi kaan kan gargaarsa kennuu fedhan waliin isa barsiise.
Kanneen gargaarsa taasisan keessaa 95% dhalattoota Tigraay ta’uu hima. Gargaarsi galam ergame bira gahuu isaa deebisee viidiyoo waraaba.
Akka inni jedhutti kanneen isaan gargaarsa dhiheessaniif keessaa hojjettoonni mootummaa, qaama miidhamtoonni, barsiisonni, akkasumas gaazexeessitoonnis jiru.
Gargaarsi isaanii baay’inaan sooratadha. Garuu, namoota muraasaaf gargaarsa qarshiillee ni kennu.
‘’Kana dura Ruuzii, makaronii, paastaa, daakuu qamadii, fi qamadii binnee dhiheessina turre. Amma garuu gatiin isaanii waan dabaleef nyaata qaama ijaaru irratti xiyyeeffanne,’’ jedha.
Uffata qorraa, meeshaa nyaata itti bilcheessan, kophee akkasumas kaanis ni dhiheessu.
Ummati Tigraay ‘’haala baay’ee hamaa’’ keessa jira jechuun ibsa. Waraana Kaaba Itoophiyaatti dhalateen lammiileen miiliyoonaan lakkaa’aman qe’eerraa buqqa’aniiru.
Ummata Tigraay keessaa walakkaan deeggarsi nyaataa akka isa barbaachisu dhihoo Sagantaan Nyaataa Addunyaa (WFP) ibseera.
Dhihoo BBC’n jiraattotarraa akka odeeffatetti xaafiin kuntaala tokko hanga birrii 17,000 gurgurama.
Akka Barakat jedhutti, zayitiin litirii shan dur birrii 400’n bitaa turan amma birria 2500 galeera jedha.
Haalli Tigraay keessa jiru kan miidiyaaleen gabaasanirra ‘hamaa’ ta’uu isaa ibsa.
Eega gargaarsa namoomaaf jecha waliigalteen dhukaasa dhaabuu mallattaa’e as deeggarsi nyaataa konkolaataafi xiyyaaraan gara Tigraay seenaa jira.
Bakkeewwan Tigraay garagaraa adeemuun gargaasa dhiheessaa jiraniis hanqinni boba’aa akka isaan rakkise dubbata.
‘’Takka takka deeggarsa isinii fidna jennee beellama qabsiisnee hanqina boba’aan hanga hafuu geenya. Kuni qalbii nama cabsa,’’ jechuun hima.
Rakkoo boba’aa furuufis dhaabbati gargaarsaa Ameerikaa [USAID] boba’aa alaa akka galchu mootummaa waliin waliigaleera.
'Mudannoo addaa'

Madda suuraa, BEREKET KEZAHTA
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Barakat deeggarsa namoomaa jiraattotaaf yeroo kennuu socho’anitti waan hedduu taajjabuu hima.
Yeroo tokko gargaara gessuuf bakka Hagara Salaam jedhamu deemanii sagalee dubartii alaa ililchitu dhagahu.
Kanneen ala bahan dubartin kuni mucaa dugdatti baatteen ala mucaa biraa harkatti baatti. Haati mucaa harkatti qabatte haleellaa meeshaa waraanaa jabaan kan ajjeefamtedha.
Dubartiin boodarra gargaarsa namootaan karaarra kadhattee buluu ishee baran sababa gammachuu ishee gaafatuu hima.
Isheen warra gargaarsi akka kennamuf tarree maqaa eerame keessa maqaan ishee hin jiru.
‘’Hawaasi naannichaa gargaarsa argachuu isaatiin gammachuu ibsite. Jiraattonni waan nyaatan yoo dhaban isheeniis waan nyaattu hin argattu,’’ jechuun ibsa.
Yeroo kaan immoo Aanaa Cilaa Abargallee bakka Simrat jedhamutti waan argedha.
Aangawoota bakkichaaf ‘’namoota 440 ta’aniif gargaarsa kennuuf waan ta’ef haadholii daa’imman umriin isaanii ganna lamaa gadi ta’an qaban adda baasaa nu eegaa,’’ jechuun dursanii dhaamuu dubbata.
Yeroo achi gahan garuu namootni kumaa ol ta’an walitti qabamanii argu.
‘’Nuyi namoota baay’ee gargaaruuf humna hin qabnu maaliif namoota baay’ee walitti qabdan?’’ jechuun aangawoota bakkichaa gaafatan.
Deebiin isaaniis ‘’waanuma jettan walitti qabne. Ummatni hafe gargaarsa fiddaniif isin galateeffachuuf walitti qabame,’’ jechuun himuu isaanii ammallee yaadata.
Kanneen deeggarsi barbaachisuuf hedduu ta’anis, ‘’muraasni gaafa deeggarsa argatan kanneen galateeffatan baay’ee baay’eedha,’’ jechuun ibsa.
Waraanni Kaaba Itophiyaa baatiiwwan 20 dura eegale ammallee waliigaltee nagaan xumura hin arganne.
Mootummaan federaalaa Itoophiyaafi TPLF araara tolchuuf sochii eegalanis tibbana himannaan bitaa mirga dhagahamu kanneen waraanaan miidhaman yaaddesseera.
Qaamoleen waraana keessa jiran abbaa jaarsummaa taa’uu qabuufi haaldureewwan irratti waliigaltee hin qaban.
Waraana humnoota TPLF fi mootummaa waliin gaggeeffame kanaan kumaatamni akka ajjeefaman amanama.
Miiliyoonaan kan lakkaa’aman ammoo qe’eerraa buqqa’aniiru.












