Waarana Kaaba Itoophiyaa: Waggaa oliif 'uggura' jala kan jirtu Maqaleetti jjireenyi maal fakkaata?

Harmee tokko

Madda suuraa, Getty Images

Jireenya isaa Sudaan magaalaa Kaartum kan taasiseefi maqaa naaf dhoksaa jedhe tokko dhihoo maatii isaa Maqalee jiraniif maallaqa ittiin jiraatan erguufi dubbata.

Magaalaa Maqalee tajaajilli baankii erga adda citee baatiiwwan muraasa darbeetti birrii 40,000 erguuf yaaduu isaa kan beekaniifi namoonni Naannoo Tigraayin ala jiran qarshicha maatii isaa biraan gahuuf birrii kuma 20 fi 800 akka isa gaafatan hime.

Yeroo ammaa naannicha keessa dhaabbati faayinaansii seeraan dalagu jiraachuu baatus namoota maatii isaa Maqalee jiraniif birrii siif geessina warra jedhaniif maallaqa gaafatan herreega baankii isaanitti galchuu dubbata.

Dabaluunis, namoonni kaanis maallaqa erguu yaadan keessaa walakkaa namoota maallaqa dabarsanii kennan kanaaf kanfalaa akka jiran ibse.

Baatii Waxabajjii waggaa darbe finciltoonni Tigraay Magaalaa Maqalee to'atanii bakkeewwan naannoo Tigraay hedduu ''bilisa baasneerra'' erga jedhanii booda tajaajiloonni bu'uuraa adda citaniiru.

Tajaajilonni baankii, telekominikeeshinii, geejjiba xiyyaaraafi kaan waraanni federaalaa Naannoo Tigraay erga gadhiisee bahee booda adda cite.

Dhaabbanni Biyyoota Gamtoomanii (UN) kuni 'uggura' mootummaan kaa'edha jechuun himata. Mootummaan Itoophiyaa immoo kana hin fudhatu.

'Magaalaa beelofte'

Jiraataa magaalaa Maqalee kan ta'an Obbo Gabraay Gazzaahany baatii Fulbaanaa eegalee pirojektii 'Baa'ilinnaa Nibaa'ilinnaa' jedhamuun guyyuu ganama keessa daabboofi shaayeen dhihaataaf.

Maanguddoon soorata isaanii guyyaa dhaabbata gargaarsaarraa argatan kuni yeroo BBC'n gaaffii dhiheesseef rakkoo keessa jiran sirbaan ture kan ibsani.

Dur Kiroos Alamaayyoon [weellisaa] '''maatiin ijoolleerraa adda bahe, beela hammaateen cilee fakkaate, afaan qawween nagaa dhabe,' jedhee ture har'a irra deebi'e,''' jechuun dubbatan.

''Waan nyaatamu dhabnee sagaleen ijoollee keenyaa nurraa fagaatee jiraataa jirra,'' jechun jireenyi magaalaa Maqalee hammaataa deemuu dubbatu.

Hojii Maqaleetti namoota rakkatan sooruu

Madda suuraa, KERADION

Ibsa waa'ee suuraa, Hojii Maqaleetti namoota rakkatan sooruu

Magaalli Naannoo Tigraay waraana dura namoonni walakkaa miiliyoona ta'an keessa jiraatan amma baqattoota magaalotaafi gandoota garagaraarraa dhufanin guutamteetti.

Buqqaatonni kumaan lakkaa'aman kunneen manneen barnootaa, galma walgahii, bataskaanota keessatti dahatanii rakkoorra jiraachuu himu.

Obbo Gabraay ''beelli hunda bira gaheera. Xiqqaa guddaan waan uffatu dhabee rakkatee bitaa itti galee jira. Birriin, geejjibni hin jiru. Guyyaatti takka nyaannee 'ni darba' jechaa oolla,'' jechuun himan.

Dhaabbata Nagaa Addunyaa keessa qorataa kan ta'an Dr Mulugeetaa Gabrahiywat, qorannoo kutaa sadii maxxansaniin ''dhiibbaa jiru dabartanii yeroo Maqalee geessan wanti agartan magaalaa beeloftedha,'' jechuun ibsaniiru.

Waggoota shan dura maanguddoota gargaarsa hin qabne gargaaruuf kan hundaa'e dhaabbanni gargaarsaa maanguddootaa Karaadiyoon yeroo ammaa Maqalee keessa haadholiifi daa'imman baqatanii dhufaniif deeggarsa nyaataa ni dhiheessa.

Akka hojii gaggeessaa dhaabbatichaa Amaanu'el G/Tsaadiqaanitti guyyuu lakkoofsi namoota gargaarsa fedhanii dabalaa jira.

Sababa waraanichaan daa'imman bakkeewwan garagaraatii buqqa'anii deeggarsa hin qabne daandii gubbaa jiru jechuun ibsan.

''Hunduu cufamee nyaanniifi qorichi haala hin jirre keessa jirra. Baadiyyaa dhiisaatii Maqaleen rakkoo hamaa keessa jirti. Duuressa kan jettu hiyyeessa ta'eera. Hiyyeessimmoo rakkoo jabaa keessa jira,'' jedhan.

Fulbaana 7, 2014 eegalee ciree namootaaf kan hiru dhaabbanni kuni yeroo ammaa namoonni miidhamanii lakkoofsi isaanii 300 ol ta'e akka qabu ibsa.

Jalqaba ummati waltumsaa turuus amma garuu hunduu waanuma qabu fixaa waan jiruuf wal tumsuun xiqqaataa dhufeera jedheera.

''Magaalaa keessa bo'uf kan isa kajeelchisu, kan qophaa dubbataa deemu, harka bal'isee kan kadhatu arguun baramaa dhufeera,'' jedhu haala Magaalaa Maqalee yoo ibsan.

Kanneen inni gargaaraa jiru keessaa haadholii ulfa ta'an, daa'imman akkasumas maanguddootni torbaatama ta'an jiru jedhan.

Namootni biroo dubbisne keessumaa bakkeewwan waraanni jabaa adeemsifameefi waraanni Ertiraa ture jechuunis Qollaa Tanbeen Ambaasaanaytii, Maayi Qinaxaal fi idaagaa Arbii jedhaman ''beela hamaatu jira'' jechuun dubbatan.

Sababa kanaan namoonni meeshaa mana keessaa, faaya, akkasumas mana isaanii dabalatee kan gurguran jiru jechuun ibsu.

Daalataan, barsiisonni akkasumas haakimonni miindaa hin fudhanne akka hin jirreefi hojjettoonni mootummaa kadhachuu eegalan akka jiran himu.

Gabaasonni UN kaaba lixa, bahaa, akkasumas godinoota giddugala Tigraayitti hanqinni soorataa akka jiru mul'isu.

Hojjettoota mootummaa miindaa hin qabne

Biiroon Qonnaa fi Misoomaa Baadiyyaa Tigraay naanicha keessa baatilee sagalii oliif mindaan kan hin kafalamiiniif "hojjettoonni mootummaa kuma 220 ol rakkoo keessa jiru" jechuun ibsee ture.

Baatilee muraasa dura BBCn kan dubbise barsiisaan yuunivarsiitii Maqalee muummee fayyaa tokko hojjettoonni Yuunivarsiitichaa 7000 ta'an wagga tokkoof mindaa waan hin arganneef haala rakkisaa keessa akka jiran himee ture.

Mootummaan federaalaa barsiisota yunivarsiitichaa yunivarsiitiwwan kaanitti ramaduufi warra Maqaleetti hafan garuu karaatti gargaaruu danda'u akka hin jirre ibse.

Hospitaala Ayidar inni keessa hojjetu keessa ammoo hojjettoonni 3000 ta'an ofii beela'aa dhukkubsataa gargaaruuf gara hospitaalaa dhufu jedhe.

Geejjibni waan hin jirreefi hedduun waan miilaan deemaniif gariin karaatti akka kufan dubbata namni kun.

Namoota rakkataniif sochii soorata dhiheessuu

Madda suuraa, keradion

"Nuti dhaabbata mootummaa federaalaa jalatti bullu taanullee, mootummaan federaalaa bajata nuuf erguu hin dandeenye," jechuun komata.

TVn Tigraay hogganaa biiroo hawaasummaa naannichaa Obbo Mulugeetaa Dabaalqawu waabeffachuun akka gabaasetti, "yeroo dhiyootti gargaarsi yoo hin dhaqqabne uummatni Tigraay walakkaan dhumuu mala" jechuun akeekkachiise.

"Uggurri jabaataa waan deemeef, baduuf fiixeerra jirra. Uggurri kun A.L.I hanga Eebla dhuftuu yoo itti fufe, uummatni Tigraay walakkaan ni dhuma. Ammayyuu namoonni hedduun hanqina qorichaan du'aa jiru.

''Maatii isaaniif wantoota bu'uuraa dhiyeessuu waan hin dandeenyeef hedduun ammoo of ajjeesaa akka jiran gabaasaaleen nu gahaa jiru," jedhan Obbo Mulugeetaan.

Duungoo tokko birrii 30n

Wayita mootummaan federaalaa baatilee jahaaf Tigraay qabatee turetti magaalota gurguddoo naannichaa keessatti tajaajiloonni akka baankii, bilbilaa fi intarneetii hojii eegalanii kan turan yoo ta'u, fnciltoonni Maqalee deebisanii qabachuu booda deebi'ee bade.

Ergasii tajaajilli faayinaansiis waan adda citeef jecha hanqinni maallaqaa guddaan mudatee jira. Gatiin meeshaalee bu'uuraa dachaa oliin akka dabale jiraattonni BBCn dubbise ni himu.

Naannichi toora dhiyeessii elektiriikii Itoophiyaa irraa waan adda citee jiruuf, tajaajila elektiriikii idilee fi adda hin citne argachaa hin jiru.

Namoonni hedduun sababa kanaan duungoo fayyadamaa kan jiran yoo ta'u, duungoon tokkittiin duraan birrii sadiin bitan amma birrii 30 akka ta'e jiraattonni ni himu.

Naannicha keessatti maallaqni hedduun abbootii qabeenyaa dhuunfaa fi daldaltoota muraasa harka akka jiruu fi karaa seeraan alaa meeshaaleen daldalaa gara naannichaa seenuu fi daddabarsi maallaqaa dabaleera jedha Amaanu'eel.

Torban darbe miidiyaa naannichaa ibsa kan kennan Dura Taa'aan TPLF Dabratsiyoon Gabramikaa'el (PhD) daldaltoota meeshaalee bu'uuraa irratti gatii akka malee dabalan komatan.

"Haala rakkisaa kana keessatti nan sooroma jedhanii yaaduun yakkadha," jedhan.

Jiraattota gara naannolee ollaa baqachaa jiran

"Uggurri nurra jiru ulfaataadha. Rakkoo keessa jirra. Rakkoo hawaasummaa guddaatu jira," jechuun Dr Dabratsiyoon kan dubbatan.

Itti dabaluunis yeroo yeroon lakkoofsi namoota naannolee Amaaraa, Affaar fi Lixa Tigraay irraa garas baqatanii dabalaa akka jiru dubbatan.

Jiraataan Tigraay sababa hojiitiin gara naannolee kaanii socho'uuf carraa argate tokko akka jedhutti ammoo namoonni hedduun gara naannolee ollaa baqataa jiru.

"...keessaahuu Kibba Tigraay, Raayyaa Qobboo fi karaa Affaar gara jiddugaleessa Itoophiyaan kan godaanan danuudha. Karaa Raayyaa Allaamaaxaa namoonni hedduun Tigraay keessaa bahaa jiru. Faddaaltotaaf maallaqa kafalanii bahu," jechuun himan.

Dhaabbileen idil-addunyaa maal jedhu?

Hammi gargaarsa gara naannoo Tigraay seenu xiqqaa ta'uufi sunuu waraana adeemaa jiruun waan gufatuuf gaaga'amni hamaan akka uumamee jiru dhaabbileen gargaarsaa idil-addunyaa ni himu.

Sagantaan Nyaataa Addunyaa (WFP) akka jedhutti Tigraay keessa qofa namoonni miliyoona 4.6 jechuunis namoota 5 keessaa afur gargaarsa midhaan nyaataa eeggatu.

Haadholiin ulfaa fi hoosisan hedduun haala rakkisaa keessa akka jiranis dhaabbatichi dabalee hima.

Mootummaan federaalaa akkasumas finciltoonni Tigraay akkaataa gargaarsi namoomaa gahaan ittiin dhaqqabu haala akka mijeessan irra deddeebiin gaafataa ture WFPn.

Mootummaan federaalaafi finciltoonni Tigraay gargaarsi namoomaa akka hin dhaqqabne dhorkuu ilaalchisee quba walitti qabu.

Dhaabbanni Biyyoota Gamtoomanii (UN) gabaasa baaseen daa'imman kuma 454 hanqina nyaataan miidhamuu, isaan keessaa daa'imman kuma 115 hanqina nyaataa hamaan akka miidhaman ibseera.

Itti dabaluunis haadholiin ulfaa kuma 120 ta'an akkasumas ijoolleen umuriin isaanii ganna shanii gadi ta'e kuma 25 ta'an hanqina nyaataan miidhamaniiru jedhe.

WFPn akka jedhutti uummata Tigraay keessaa dhibbeentaa 83 nyaata fixatee kadhaaf kan saaxilame yoo ta'u, guyyaatti al tokko qofa nyaata argachaa jira.

Dhaabbileen gargaarsa namoomaa rakkoon biraa gargaarsa danqaa akka jiru himatan hanqina boba'aati.

Waraanni Kaaba Itoophiyaa kun ariitiin dhaabbatee gargaarsi namoomaa barbaadamu danqaa malee akka dhaqqabu hawaasni idil-addunyaa yaamicha gochaa turullee, bu'aan qabatamaatti mul'ate hin jiru.

Mariin yeroo gara garaatti qaamolee lamaan jidduutti akka eegalame gabaafamee tures bu'aa waan buuse hin fakkaatu.

Torbee yaa'ii waliigalaa jalqabaa kan godhate paartiin Badhaadhinaa rakkoo naannoo Tigraay keessa jiru furuuf karaa nagaa jiru mara akka fayyadamuu ibseera.

Tarkaanfiin qabatamaatti fudhatamuuf jiru maal akka ta'e garuu wanti ifatti himame hin jiru.