Hojjetoonni Yunivarsiitii Tigraay miindaa malee wagga tokkoo oliif jiraatan 'abdii kutannaa keessa jiru'

Hospitaala guddicha Maqalee Ayidar

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Kanneen haleellaa kanaan miidhaman Hospitaala guddicha Maqalee Ayidaritti wal'aanamaa jiru

Erga waraanni Kaaba Itoophiyaatti banamee kaasee, hojjetoonni Yunivarsiitii Maqalee kuma torbaa ol ta’an miindaa argatanii waan hin beekneef amma jireenya baayyee rakkisaa keessa akka jiran hojjetaan Mana Barumsaa Fayyaa Yunivarsiitichaa BBCtti himeera.

Mana Barumsaa Fayyaa Yunivarsiitichaa, Ayder Hospitaal, hojjetoota 3,000 ol kan qabu yoo ta’u garaa qullaa waan hojjetaniif, akkasumas boba’aan waan hin jirreef miilaan hanga hospitaalaatti waan deddeebiyaniif yeroo ammaa kana gariin isaanii osoo hojiirra jiraniifaa gaggabaa jiru jedha hojjetaan kun.

“Nuti dhaabbata federaalaa taanullee, mootummaan federaalaa baajeta nuuf erguu dide,” jechuun BBCf ibse maddi kun.

Dhimma kana ilaalchisuun kan gaafataman deetaan Ministeera Barnootaa, fandii ilaalchisee wanti gochuu danda’an akka hin jirre dubbatan.

“Hojjetoonni yunivarsiitii warri naannicha keessaa baqatan miindaa isaanii fudhachaa jiru. Akkuma barattootaaf goone, amma yunivarsiitiiwwan birootti ramadamaniiru. Warra amma naannicha keessa jiraaniif garuu, wanti goonu hin jiru,” jechuun BBCti himan Dr. Saamu’eel Kifilee

Yunivarsiitiiwwan kunneen baajata isaanii Ministeera Maallaqaa irraa argataa turan kan jedhan deetaan ministiraa kun, hojjetoonni kunneen yeroo mootummaan federaalaa dhaabbileen federaalaa naannoo Tigraay keessa jiraniif gadhiisutti miindaa isaanii argatu jechuun dubbatan.

Hojjetoonni Yunivarsiitii kunneen akka jedhanitti, daa’imman isaanii hanqina nyaataan miidhamaa waan jiraniif abdii kuatachaa jiru.

“Haala kana daa’imman keenyaaf ibsuun rakkisaadha. Kun yoom akka dhaabbatu hin beeknu, yoom akka miindaa keenya argannus hin beeknu, ykn karri nutti cufame kunis yoom akka dhumati hin beeknu. Bakka itti baqannullee hin qabnu,” jedha hakiimni kun.

Rakkoo kana dandamachuudhaaf hojjetoonni tokko tokko daa’imman isaanii gara baadiyyaa Tigraay akka geessan dubbata. Namoonni kaan ammoo dhaabbileen miti-mootummaa (NGO)tti kan makaman yoo ta’u, kanneen kaan ammoo humnoota Tigraay hidhatanitti makamaniiru jedha.

Bara kana jalqaba ji’a Amajjii keessa, hojjetoonni Ayider Yuniversiitii Hospitaal ergaa dheeraa tajaajilli fayyaa naannoo Tigraay sababii hanqina dhiyeessii barbaachisoo ta’an irraa kan ka’een miihaamaa akka jiru baasanii turan.

Wal waraansi Kaaba Itoophiyaatti ji’oota 15f ture jiruu namoota nagaa miliyoonaan lakka’amu miidheera.