Wixineen seeraa HR 6600 Ameerikaan Itoophiyaa ilaalchisuun qopheesite maali?

Madda suuraa, EPA
Miseensoonni Kongirasii Ameerikaa wixinee seeraa Itoophiyaa fi Eertiraa irratti hojiirra oolfamuufi H.R. 6600 jedhamu beeksiisaniiru.
Wiixineen seeraa miseensa Kongirasii Niiw Jeersii kan ta'an Toom Maaliinowskiin mana maree bakka bu'oota ummata Ameerikaatti beeksiifame kunis hojiirra kan oolfamu yoo ta'e, ''ciqilee Ameerikaa cima Itoophiyaarra bu'u'' ta'a jedhamee tilmaamameera.
Wiixinee seeraa motummoonni Eertiraa fi Itoophiyaa cimsanii morman kunis pireezidanti Baayidaniin kan raggaasiifamu yoo ta'e Ameerikaan dhimmoota nageenyaa, maallaqaa/invastimeentii fi immigireeshinii irratti qoqobbii haaraa keessi.
Qabiyyeen wiixinee seeraa kanaa maali?
Wixinichi mana maree bakka bu'oota Ameerikaatti maqaa 'Seera Itoophiyaa tasgabbeessuu, Nageenyaa fi Dimokiraasii' (Ethiopia Stabilization, Peace, and Democracy Act) jedhuun dhiyaate.
Miseensi kongiransii wixinee seeraa kana mana marichaatti beeksiisanis, seerichi hojiirra oolfamnaan Itoophiyaa keessatti yaaliiwwan tasgabbii, nageenyaa fi ijaarsa dimookiraasii deeggaruuf ni dandeessisa jedhan.
Wixineen seeraa kunis Guraandhala 4, 2022 irratti gara Koree Dhimmoota Alaa, Koree Dhimmoota Seeraa, Tajaajilawwan Faayinaansiifi Tajaajilawwan ittisaatti qajeelfameera.
Dhorkaa viizaa fi qabeenyaa
Wiixineen kunis namoota Itoophiyaa keessatti tasgabbiifi sirna dimookiraasiin akka hin jiraanneef sababa ta'aniiru jedhaman itti gaafatamoo gochuuf pireezidanti Baayidan qoqobbii akka irra kaa'aniif kan gaafatuudha.
Qoqobbiiwwan namoota dhuunfaa irratti xiyyeeffatanis kan dhorkaa viizaa fi qabeenyaa ilaalataniidha. Kana malees:
- Waraanaa Tigraayiin ta'ee walitti bu'iinsawwan biyyattii keessa jiran kan biraa irratti dhukaasa dhaabuun gara mariitti akka hin galamneef kanneen danqaa ta'an ykn kanneen waliigatee irra akka hin gahamneef yaalii taasisan
- Kanneen waraanni Tigraay ykn walitti bu'insawwan biyyattii keessa jiran kan biraa akka babal'atuuf sababii ta'an ykn kanneen walta'an
- Kanneen sarbama mirga namoommaa fi yakka raawwatan, yakka namoomaa irratti raawwatu, yakka duguuggaa sanyii fi badiiwwan kaan kanneen raawwatan
- Kanneen deeggarsi namoomaa akka hin qaqqabneef danqaa ta'an fi kanneen hoojjattoota dhaabbata Biyyoota gamtomanii, Gamtaa Afriikaa fi dhaabbilee namoomaa mit-motummaa irratti haleellaa raawwatan, haleeluuf kanneen karoorfatan, kan hogganan
- Kanneen waraana waliinii Itoophiyaa keessatti hirmaatan ykn kanneen maallaqaan deeggaran akka qabeenyaan isaanii hin sochooneef pireezidaantii Baayidaniin murteessama.
Dhorkaa qabeenyaatiin alattis qaamooleen yakkawwan olitti tarreeffaman raawwataniiru jedhan irratti qoqophaan imalaa akka kaawwamu eegama.
Namoonni dhorkaawwan kaa'aman kanneen darbanis viizaa kanaan dura qabaniin Ameerikaa seenuu hin danda'an. Akkasumas viizaa haaraa iyyachuunis argachu kan hin dandeenyee yoo ta'u, viizaan qaban illeen ni haqama.
Dhorkaa kun namoota jedhaman kanneen irratti hojiirra akka oolu taasisuuf Waajjirri ministeera mootummaa Ameerikaa, miseensoota mana maree nagaa UN, biyyoota miseensoota Nato, Gamtaa Awurooppaa fi Gamtaa Afriikaa akkasumas qaamoolee dhimmisaa ilaallatu waliin waliin akka ta'u wixiineen seeraa kun hi ibsa.

Madda suuraa, congress.gov
Dhorkaa deeggarsa nageenyaafi tasgabbii irra kaa'amu
Wixiineen seeraa kunis guyyaa itti pireezidantii Baayidaniin ragaasiifamee kaasee Ameerikaan deeggarsa nageenyaa fi tasgabbii Itoophiyaafi Eertiraaf taasiftu akka dhaabdu gaafata.
Deeggarsi Ameerikaa kunis deebi'ee kan itti fufuu yoo haal-dureewwan Ameerikaan gaaffate guutamusaanii waajjira dhimma Alaa biyyatiitiin mirkanaa'uun koree kongirasii dhimmasaa ilaallatuuf dhiyeesseen booda.
Haal-dureewwan Ameerikaan keessee keessaa:
- Mootummaan Itoophiyaa wal waraansa keessattis ta'ee waliitti bu'insawwan kaan keessatti oppireeshinii waraanaa gaggeessuu gutummaatti yoo dhaabe
- Mootummaan Itoophiyaa gara marii seera qabeessaafi hunda hammataa kan ta'eetti, gara marii biyyaaleessaa galuuf tarkaanfiiwwan yoo fudhate
- Mootummaan mirgoota namoomaa lammiilee eegsiisuuf yaalii taasisuu fi deeggarsi namoomaa hin danqamnee akka qaqqabuuf heeyyamuun yoo mirkanaa'e, kanneen jedhan keessatti argamu.

Madda suuraa, Pool
Qoqqobbii gama dhaabbilee faayinaansii idil-addunyaatiin kaa'amu
Liqaawwan ykn gaaffiileen yeroo liqaa dheerreeffachu akkasumas deeggarsawwan teekiniikaa mootummaa Itoophiyaa fi Eertiraatiif akka hin heeyyamamnee gochuuf Ameerikaan dhageettii qabduu fi sagaleesheetti faayyadamuu dandeessi jedha wixinichi.
Kana malees Itoophiyaa fi Eertiraatti mirga namoomaa cimsuu fi nageenya fiduuf Ameerikaan deeggartoota ijoo waliin ta'uun imaammata baafti.
Haata'u malee wixineen seeraa kunis deeggarsa faayinaaniisii fi deeggarsa teekiniika dhiyyeessii deeggarsa namoomaa fi weerara ittisuuf taasifaman hin ilaallatu.
Yaaliiwwan itti gaafatamummaa mirkanneessuu
Wixineen seeraa kun sarbamawwan mirga namoomaa fi yakkota wal waraansa Tigraayii fi walitti bu'iinsawwan biraa keessati raawwatamaniiru jedhamaniif kanneen itti gaafatamoodha jedhan adda baasuuf, pireezidaanti Baayidan deeggarsa maallaqaa fi dippilomaasii akka taasisaniif ni gaafata.
Kana malees dhaabbilee amanamumaa qabaniifi sarbama mirga namoomaa waraana waliin walqabatee raawwatamaniiru jedhaman qorataniif mootummaan Ameerikaa odeeffannoo akka qoodu ni dirqiisiisa.
Kaayyoon wiixinee seera kanaa maal?
Miseensi kongransii Niiw Jeersii wixinee seeraa kana dhiyeessan, seerichi hojiirra yoo oolfamee yaaliiwwan Itoophiyaatti tasgabbii fiduuf taasifamu akkasumas deeggarsa namoomaa fi ijaarsa dimookiraasii ni cimsa jedhan.
Kana malees seerichi hojiirra olfamnaan USAID dabalee, dhaabbileen deeggarsa Ameerikaa, dhaabbileen Ameerikaa wal waraansa fi walitti bu'iinsa Itoophiyaatti gaggeeffamu dhaabsiisuuf tarsiimoo ni wixineessu jedha.
Dhaabbilee Ameerikaa kunneenis sarbama mirga namoomaa, haleellaawwan mirgoota namoomaa irratti raawwataman, duguuggaa sanyii, yakkawwan waraanaa fi badiiwwan kaaniif itti gaafatamaan akka jiraatuu taasisu.
Itoophiyaatti sirni dimokiraasii akka dagaaguu, mirgi namoommaa akka eegamuu fi araarri akka bu'uu gochuun kaayyoo mootummaa Ameerikaa kan biraa ta'u wiixineen seeraa kun kaa'eera.
Ameerikaan kanaan duras waraanaa Kaaba Itoophiyaatti gaggeeffameen walqabatee aanga'oota Itoophiyaa fi Eertiraa akkasumas qondaaltoota naannoo Amaaraa fi TPLF kanneen walitti bu'iinsicha keessatti gahee olaanaa bahan jette irratti qoqqobbii viizaa kaa'un ishee ni yaadatama.
Jalqaba bara kanaarratti ammoo pireezidanti Joo Baayidan ajaja pireezidantummaa kan qaamoolee waraanaa keessatti hirmaachuun badiiwwan garaa garaa raawwatan irratti qoqqobbii kaa'uuf dandeessisuu mallatteessanii turan.
Wixiineen seeraa H.R. 6600 amma adeemsarratti argamu kun ammoo fudhatama argachuun hojiiirra kan oolfamu yoo ta'e dameewwan adda addaa irratti dhiibbaa olaanaa akka fiduu danda'u yaadama.














