Waa'ee marii mootummaa Itoophiyaa fi TPLF jidduu amma dura maal beekna?

MM Abiy Ahimad fi Dabratsiyoon Gabramikaa'el

Waraanni Kaabaa Itoophiyaa kan baatiiwwan kudha jahaaf adeemaa jiru miidhaa qabeenyaa fi namoomaa olaanaa qaqqabsiisee dhaabsiisuuf qaamooleen garaagaraa yaalii wayita taasisan dhagahamu.

Gamtaan Afriikaa, Ameerikaa fi Keeniyaan wal-dhabdeen mootummaa Itoophiyaa fi TPLF jidduu jiruu dhaabbachuun deeggarsi namoomaas kanneen rakkoo irra jiran akka qaqqabuu gochuuf yaalii taasisaa turan illeen bu'aa hanga eegamu hin argamne.

Yeroo waraanni cimee itti fufee tureettis hoggantoonni garee lamaanu wal injifachuudhaaf malee waliin taa'anii mari'achuuf fedhii akka hin qabne ibsaa turan.

Waggaa darbee waraanni eegalamee yeroo gabaabaa keessatti loltoonni mootummaa naannoo Tigraay erga to'ataniin booda biyyoonni lixaa mariin akka taasifamuuf yaada dhiyeessan illeen motummaan garee shororkeessaadha jedheen waliin mari'achuuf fedhii akka hin qabne ibsuun ni yaadatama.

Ji'oota saddeettiin booda garuu mootummaan dhukaasa dhaabuu gam-tokkee labsuun waraana isaa Tigraay keessaa yoo baasu, TPLF ammoo deebii'ee humnasaa cimfachuun gara naannoolee ollaa Affaarii fi Amaaraatti to'annoosaa babal'ifatee ture.

Imalli TPLF kunis cimuun gara Kaaba Shawaa qaqqabee kan ture yoo ta'u, finciltoonnis kaayyoon isaanii Finfinnee to'achuu ta'u ibsuun, aanga'oonni TPLF waraanni gara dhumaatti adeemaa waan jiruuf barbaachisummaan marii akka dhumate yoo ibsan dhagahameera.

Kun hundi wayita ta'utti garuu ergamaa addaa mootummaa Ameerikaa kan turan Jeefirii Feeltimaan akkasumas bakka bu'aan Gamtaa Afriikaa Oluseeguun Obaasaanjoo Finfinnee, Maqalee fi Naayiroobiitti deeddebi'uun yaalii nagaa busuu taasisaa turan.

Baatii Sadaasaa keessa humnootiin mootummaa MM Itoophiyaa Abiy Ahimadiin hogganaman erga humnootii TPLF irratti tarkaanfii fudhachuun imala gara Finfinneetti taasisaa turan dhaabsiisaniin booda karaan nagaa deebi'ee kan saaqamee fakkaate.

Yeroo sanattis mootummaan iddoowwan Affaarii fi Amaaraa keessatti humnootii TPLFn qabamanii turan mo'achuun deebiisee to'achuu yoo ifa taasisuu, hoggantoonni TPLF garuu nagaadhaaf carraa kennuuf jecha loltoota isaanii gara Tigraayiitti akka deebi'an taasisuu ibsan.

Kana hordofees Feeltimaaniif kan isaan bakka bu'an Deeviid Saatarifildi akkasumas Obaasaanjoon yaaliisaanii itti fufuun gama mootummaa fi TPLF mariin eegalamu danda'a jedhamulleen, hanga ammaatti garuu mariin ifatti mul'atuu fi bu'aan argamsiisee hin jiru.

Haata'u malee gama lamaaniinu marii taasisuu fi waraana dhaabuuf abdiin akka jiruu Obaasaanjoon barreessaa olaanaa Dhaabbata Biyyoota Gamtoomaniitiif gabaasa dhiyeessun isaanii ni yaadatama.

Ususawwan marii

Gama TPLFn waraanni mariin akka dhaabbatuuf qophaa'inni jiraachuu yeroo garaagaraatti kan ibsame yoo ta'u, gama qondaaltoota mootummaa Itoophiyaatiin garuu fedhiin marii qabatamaan osoo hin mul'atiin tureera.

Walakkeessa Amajjii keessa garuu oduun mootummaan Itoophiyaa finciltoota TPLF waliin mari'achuuf fedhii qabaachuu mul'se tokkoo APn gabaafame ture.

MM Abiy mootummaan isaanii TPLF waliin mari'achuuf qophaa'aa ta'u dubbachusaanii miseensi garee diyaasporaa Itoophiyaa MM waliin marii taasise jedhamee eeruun ture APn kan gabaase.

Dura ta'aan Koree Dhimmoota Hawaasa Ameerikaan-Itoophiyaan, Masifiin Taganu marii MM Abiy waliin taasisaniin, ''waraanaa dhaabuuf fedhii cimaatu jira...dhugaatti kun akka ta'uuf ammoo qaamni biraas fedhii qabaachu qaba,'' jedhan.

Maricharrattis MM Abiy, ''Mariin ni jiraata. Marii sababa qabeessa, dantaa biyyaa dursu ni jiraata,'' jechusaanii APn dura taa'aa kana waabeefachuun gabaaseera.

Erga oduun kun dhagahameen booda garuu odeeffannoo yaada kana cimsuus ta'e kan mormu osoo gama motummaa Itoophiyaa irraa hin dhagahamiinturulleen, yaaliin taasifamaa jiraachu ilaalchisees odeeffannoo qabatamaan hin taanee bahaa turan.

Marii al-kallattii

Mariin mootummaa Itoophiyaa fi TPLF jidduutti taasifamaa jiraachuu ilaalchisee imalawwan fi abdiiwwan Obaasaanjoo fi Saatarfiildiin taasifamaniin alatti ibsi mirkanneessuu ykn mormu qaamoolee lamaaniin ifatti kenname hin turre.

Adeemsa kana ilaalchisuun gama TPLF irraa ifatti kan dhagahame hogganaan TPLF Dr Dabrastiyoon Gabramikaa'eel wayita Amajjii keessa BBC New Hour waliin gaaffiifi deebii taasisaniitti ture.

Kanaanis TPLF mootummaa Itoophiyaa waliin marii al-kallattii taasisaa jiraachuu fi adeemsichaanis bu'aawwan abdii kennan muraasni mul'ataa jiraachu ibsanii turan.

Mariin al-kallattii kun Gamtaa Afriikaa, UN fi Keeniyaa hirmaachisuun kan gaggeeffamu ta'un himamus, gama mootummaa Itoophiyaatiin garuu kana ilaalchisuun ifatti wanti jedhame hin turre.

Kun kanaan osoo jiru jalqaba baatii Guraandhalaa naannolee waraana Kaaba Itoophiyaan miidhaman - naannoo Amaaraa, Affaarii fi Tigraay daawwachaa kan turan barreessitu itti aantuun Dhaabbata Biyyoota Gamtoomanii Amiinaa Mohaammad, mootummaa Itoophiyaa fi hoogganoota TPLF gidduu ''mariin itti fufee jira'' jechuun dubbatan.

Haata'u malee mootummaan Itoophiyaa hanga yeroo dhiyootti mariin eegalame jiraachuu waakkataa ture.

Dubbi himaan Ministeera Haajaa Alaa Itoophiyaa ambaasaaddar Diinaa Muuftii ibsa torbee darbe miidiyaaleef kennaniin mootummaan dhaabbilee shororkeessitoota jedhaman waliin hin mari'atu jechuun himanii turan.

'Haal-dureewwan TPF'

Haala dhimma marii kanarratti odeeffannoo ifa ta'e argachuun rakkiisaa ta'e keessatti, TPLF guyyaa hundeeffama isaa sababeeffachuun dura taa'aan dhaabbatichaa Dabratsiyoon ibsa torban darbe keessa kennaniin qabxilee halduree fakkaatan muraasa kaasaniiru.

Waraanichi karaa nagaatiin furmaata akka argatuuf qaamooleen garaagaraa yaalii taasisaa jiraachuu ibsuun, Obaasaanjoon Gamtaa Afrikaa bakka bu'uun, pirezidaantiin Keeniyaa, gareen Gamtaa Awurooppaa fi Ameerikaas gamsaanitiin yaalii taasisaa jiraachu dubbatan.

Haata'u malee yaalii nagaa taasifamaa jiruu keessatti ulaagaalee mariidhaaf hin dhiyaanne jechuun:

  • Waraana Tigraay bittimsuu
  • Daangaa naannoo Tigraay kan waraanaan dura ture
  • Loltootni Eeritaa Tigraay keessaa baasuu
  • Hiree ofii ofiin murteeffachu Uummata Tigraay fi
  • Qaamoolee ummata Tigraay irratti badiinsa qaqabsiisan gaafatamoo gochuu - dhimmootni kunneen mariif kan dhiyaatan miti jechuun dubbatan.

Dhiimoota qabxiilee kanneen ala ta'an irratti mari'achuun akka danda'amu dura taa'aan TPLF kan ibsan yoo ta'u, marichi dhuguma kan gaggeeffamu yoo ta'e haal-dureen qaama biraatiin taa'an haalicha walxaxaa fi kan yeroo fudhatu taasisuu akka danda'u tilamaama.

'Mariin hin eegalamne'

Yaaliiwwan qaamoolee adda addaatiin taasifaman hordoofe odeessaaleen dhagahamanii fi mariin eegalamuu ilaalchisee kan hogganaan TPLF dubbatan irratti mootummaa Itoophiyaa irraa ifatti kan dhagahame Guraandhala 22, 2022 haasaa MM Abiy paarlaamaarratti taasisaniin ture.

MM Abiy tibba gaaffiilee miseensoota paarlaamaatiin dhiyaateefiif deebii kennanitti, hanga ammaatti mariin TPLF waliin eegalamee kamuu akka hin jirre ifatti dubbatan.

Gama mootummaatiin mariin TPLF waliin taasifamee akka hin jirree, garuu ammoo mariin hin taasifmane jechuun mariin hin barbaachisu ykn hin taasifamu jechuu akka hin taane ibsuun carraan marii jiraachu kaasan.

Kana malees waraanaas ta'e mariin gaggeeffamu kaayyoonsaa Itoophiyaa cimsuuf akka ta'e kaasuun, ''haala biyya diiguu kamiinu mariin hin gaggeeffamu'' jechuun, ''haala birmadummaa fi jiraachu biyyattii hin sarbineen mariin jiraachu akka danda'u'' eeranii ture.

Marii gaggeessuuf fedhii qabaachuun isaa kan hin baramne mootummaan Itoophiyaa amma haala dantaa biyyaa eegsisuun waliin dubbachuuf fedhii qabaachusaa dubbiin MM kunis kan mul'ise fakkaata.

Ta'ulleen adeemsa marichaa keessatti fedhiiwwan qaamoolee lamaan wal simsiisuun nagaa buusuun yaalii hedduu fi yeroo dheeraa kan gaafatu ta'unsaa waan hin oolledha.