TPLF fi mootummaa Itoophiyaa gidduu mariin al-kallattii adeemaa jiraachuu Dabratsiyoon dubbatan

Dabratsiyon Gabramikaa'eel(PhD)

Madda suuraa, YASUYOSHI CHIBA

Hogganaan Adda Bilisa Baasaa Tigraay (TPLF) Dabratsiyoon Gabramikaa'eel (Dr) gareesaaniifi mootummaa Itoophiyaa jidduutti haasaan al-kallattii taasifamaa jiraachuu BBCtti himan.

Itti dabaluunis yaaliin dippilomaasii al- kallattii kunis bu'aa murtaa'e mul'isaa jiraachu dabaluun himan Dr Dabratsiyoon.

Dabratsiyoon gaaffiifi deebii BBCNewhour waliin taasisaniin akka jedhaniitti, mariin dippilomaasii kallattiin alaa karaa Gamtaa Afriikaa, UN fi Keeniyaatiin mootummaa waliin mariin gaggeeffamaa jiraachu dubbatan.

Waa'ee marii kallattii hintaane gaggeeffamaa jira jedhamu kanaa ilaalchise gama mootummaa Itoophiyaarra hanga ammaatti kan jedhame hin jiru.

Waraanni Tigraayiitti Sadaasa 2020 eegalamuun namoota miiliyoonotaan lakkaa'aman bakka jireenyaa isaanii irra akka buqqa'aniif kan dirqisiise yoo ta'u, kumaatamni lubbusaanii itti dhabaniiru.

Dhaabbanni Motummoota Gamtoomanii (UN) gabaasa torban darbe keessa baaseen, Tigraay keessatti ummanni %40 ta'u hir'ina nyaataa cimaadhaan rakkataa jiraachuu himeera.

Hogganaan TPLF kun akka jedhaniitti, waraanicha dhaabuuf yaaliin dippilomaasii al-kallattii motummaa Itoophiyaa waliin taasifamaa jiru bu'aa agarsiisaa jiraachuufi mallattoowwan fooyya'insaa akka jiran kaasan.

Dabratsiyoon (Dr), waraanni gaggeeffamaa jiru furmaata nagaa akka argatuuf akka barbaadaniifi garuu ammoo mirga uummata Tigraay eegsiisuuf barbaachisaa ta'e yoo argame akka lolan ibsaniiru.

Guyyootaan duras APn MM Abiy Ahimad waliin turtii taasisuu isaanii kan himan, dura taa'aa koree Dhimmoota Ummata Itoophiyaanot Ameerikaa kan ta'an Obbo Masfiin Taganuu eeruun, MM humnootii TPLF waliin mari'achuuf qophii ta'u gabaasuun ni yaadatama.

Maricharratti MM Abiy ''mariin ni jiraata. Mariin bu'aa biyyaatiif dursa keennu sababa qabeessaan ni ta'a'' jechuu APn dura ta'icha waabeffachuun gabaasee ture.

Gabaas MM Abiy dubbataniiru jedhu kana hordofuunis, dubbi himaan Ministeera Dhimma Alaa, TPLF dhaaba shororkeessummaan farrajame ta'u kaasuun mariin akka hin jiraane dubbate ture.

Jijjiramoonni mul'ataa jiraachu

Dabratsiyoon (Dr) turtii BBC waliin taasisaniin, gaaffii waraana baatiiwwan 15 fudhateen bu'aa maal buuftan? jechuun gaafatamaniif, ''Hunda caalaa duula 'duguggaa sanyii' mootummaa federaalaa, Ertiraafi humnootii Amaaraatiin nurratti labsame irra hafneerra,'' jedhan.

Itti dabalunis ''Waraana Baatiiwwan 15n darbaniif haala hamtuu dubbachuun hin danda'amnee keessa turre,'' jedhan.

Akkasumas badiinsiifi barbadiinsi olaanaan qaqqabuu kaasuun, ''wanti guddaan ajjeechaa raawwataa ture hunda jalaa lubbuun hafu keenya jedhan. Gara dhumaatti imaluuf qophiidha,'' jedhaniiru.

Waraanni wayita eegalamu kaayyoo siyaasaa akka qabaachaa turan yaadachiisuun, lubbuun hafuun qofti gahaadhaa? jedhamuun kan gaafataman Dabratsiyoon, ''Waanti guddaan akka uummataafi akka mootummaatti hafnee itti fufuu keenya'' jedhan.

''Mirgoota bu'uraa keenya kabachiifachu, badiinsaafi barbadiinsa qaqqabeef ittigaafatamtoonni akka jiraatan taasisuufi gaaffiileen siyaasaas deebii akka argatan taasisuudha. Gara sarara dhumaa sanatti imalaa jirra,'' jedhan.

Badiinsaafi sarbamoota mirga namoomaa qaqqabeef itti gaafatamtoonni jiraachu qaba kan jedhan Dr Dabratsiyoon, ''sarbama mirga namoomaa jaarraa kana keessa hin raawwatamne nurratti raawwatan. Waan isaan ittiin nu himataniif ammoo nuti qophaa'oodha hunduu akka qoratame adda bahuuf. Wanti isaan nurraan gahan gonkumaa kan ittiin nu himataniin kan madaalchifamu miti,'' jedhan.

Itti dabaluunis tarii miidhaan sarbamaa humnootii isaanitiin Amaaraafi Affaar keessatti qaqqabe yoo jiraate naamusa dhunfaatiin ta'u malee kan jedhan Dr Dabratsiyoon, ''kan Tigraayitti raawwatame garuu badii itti yaadamedha,'' jedhan.

Ammaan tanas humnootii TPLF Affaar keessatti namoota nagaafi ollaa irratti haleellaa gaggeessaa jiraachu dhagahaa jira. Kaayyoon ammaa Affaar keessa seentaniif maali? jedhamuun gaaffii BBCn dhiyaateef, ''Kaayyoon keenya achii baayyee murtaa'aadha. Gama Affaariin humnootii Affaar fi Ertiraa akkasumas milishoota Affaariin torbanoota hedduuf irra deddeebiin haleellaan nurratti raawwatamaa ture.

Daangaa Tigraay keessa seenuun haleellaa nurratti raawwatan. Deeggarsi namoomaa akka gara Tigraay hin seenneef danqan. Tigroota dhibbaatama ajjeesuun kumaatama hidhanii qabeenyaasaanii saamaniiru. Kanaaf deebii kennudha kaayyoon keenyas,'' jedhuun deebiisan Dr Dabratsiyoon.

Kana malees ammatti namoonni sababii beelaatiin du'aa jiraachu kan himan Dabratsiyoon, geejjibni lafoofi qilleensaa akkasumas maallaqni ykn malli komunikeshinii akka hin jirre kaasan.

Dabalataanis, Gamtaan Afriikaa, Keeniyaafi Motummooti Gamtoomanii waraanicha dhaabuun furmaanni nagaa akka argamu gochuuf hojjataa jiraachu himan.

Kanaan walqabatees, motummaa federaalaa waliin haasaafi marii eegaluu kan himan Dr Dabratsiyoon, jijjiramooti muraasnis mul'aa jiraachuu kaasan.

Mariin taasifamaa jiruuf waraanni akka dhaabbatu, deeggarsiifi tajaajiloonni bu'uuraa akka dhiyaatan, dhukaasa dhaabuun mariirratti hundaa'e akka jiraatu, humnootiin Ertiraafi Amaaraa Tigraay keessaa akka bahaniifi mariin biyyaaleessaa akka gaggeeffamu akka barbaadan Dabratsiyoon (Dr) dubbataniiru.

Yaalii nagaa buusuu

Ameerikaafi Gamtaan Afriikaa humnootiin waraanaa jiran garaagarummaasaanii karaa mariitiin akka furuun, kanneen waraanaan miidhamaniif deeggarsi namoomaa akka qaqqabuuf yaalii taasisaa turaniiru.

Ergamaan Addaa Ameerikaa kan Ganfaa Afriikaa Ambaasaadar Jeefirii Feeltmaan irra deddebiin gara Finfinneetti imaluun MM Abiy waliin wal argaa turan. Humnootii TPLFs biyya ollaa Keeniyaatti arguun dubbisuu himaniiru.

Akkasumas ergamaan addaa Gamtaa Afriikaafi pirezidaantiin duraanii Naayijeeriyaa Oliseeguun Obaasaanjoo MM Abiy Finfinneetti, dureewwan TPLF waliin Maqaleetti irra deddebiin mariyataniiru.

Torban darbe ammoo ergamaan addaa Ameerikaa kan Gaanfa Afriikaa haaraan ambaasaaddar Deeviid Saatirifiildi Itoophiyaatti dowwannaa taasisaniin qondaaltoota mootummaa waliin mari'achuun gabaafameera.

Yaaliiwwan kanneen hunda booda egaan yaaliin dippilomaasii taasifamaa jiru bu'aa muraasa argamsiisuun Dabratsiyooniin (Dr) kan himame.