Kaaba Itoophiyaatti beelli hamaan mudachuu akka malu WFP akeekkachiise

Madda suuraa, AFP
Dhaabbata Biyyoota Gamtoomanii jalatti Sagantaan Nyaataa Addunyaa (WFP) Kaaba Itoophiyaatti beelli hamaan mudachuu akka malu akeekkachiise.
Naannichi gama nyaataan haala keessa jirurratti qorannoo adeemsiseen naannolee tokko tokkotti daa'imman ganna shanii gadii keessaa dhibbeentaan 25 ol hanqina nyaata gahaa keessa jiru. Kun ammoo kan UN ni ta'a jedhee ture dhibbeentaa 15 oli.
Gabaasa Sagantaa Nyaataa Addunyaa kanaan cinaatti Hoogganaan Biiroo Fayyaa naannoo Tigraay Dr Hagos Gudifaay bu'aa qorannoo isaaniin beelaafi hanqina waldhaansaan ji'oota afur darban namoonni kuma shanii ol du'uu hubachuu isaanii Asoosheetid Pirees gabaaseera.
Bu'aa qorannoo Independent Ethiopia Insight jedhamurratti maxxanfameen Adoolessaa hanga Onkololessaa gidduu namoonni kuma shanii ol sababa hanqina nyaataan du'uu ibsuun, isaan keessa daa'imman 350 akka argamanis gabaafameera.
Haata'u malee, BBCn baayina lakkoofsa namoota du'an jedhame kan ilaalchiisuun madda walabaa irraa hin mirkaneeffanne.
Beelaan dabalataan hanqinni waldhaansa fayyaa fi qorichaas sababoota biroo ta'uun ibsameera.
WFP gabaasa isaa keessatti beelli hammaataan mudachuu akka malu akeekkachiise male namoota beelaan du'an ilaalchisee wanni jedhe hin jiru.
Dhaabbileen gargaarsaa sababa waraana humnoota mootummaa federaalaafi hidhattoota TPLF gidduutti adeemaa jiruuf deeggarsa dhiyeessuuf rakkatanii akka jiranis gabaasaa jiru.
Hanqina nyaataa hammaataa naannoo Tigraayitti mudate furuuf guyyaa guyyaan konkolaattotni deeggarsa fe'an 100 Tigraay gahuun akka irra jiraatu UN gabaasaa turus, torban lamaa oliif konkolaataan deeggarsa fe'ee Tigraay gale tokko akka hin jirre ibseera.
WFP qorannoo isaa haaraan maatiin dhibbeentaan 80 nyaata gahaa hin qabu. Naannoo Affaar keessattis daa'imman umrii shanii gadii dhibbeentaa 28 ta'an hanqina nyaata gahaa miidhamaniiru.
Sagantaan Nyaataa Addunyaa Kaabni Itoophiyaa bara kana guutuu isaa deeggarsa nyaataa barbaadaa jedhee, qaamolee waraanatti jiraniif dhiyeessii deeggarsaaf hayyama akka kennan iyyateera.
UN hojii dhiyeessii deeggarsa nyaataa ji'oota jahan dhufan Kaaba Itoophiyaatti taasisuuf deeggarsa maallaqaa doolaara miiliyoona 337 akka barbaadu beeksiseera.
Bu'aan qorannoo kanaa odeeffannoo ji'a Sadaasaa darbe odeeffannoo sassaabamerraa ta'uu himuun deeggarsi ergasiis naannicha seene akkaan xiqqaa waan ta'eef rakkoon jiru kan amma gabaasamu caalattuu hammaataa ta'uu mala jedheera.
Mootummaan Itoophiyaa ulaan takkittiin deeggarsi gara naannoo Tigraayitti galu sababa weerara haaraa TPLF naannoo Affaar keessatti eegaleen danqame yoo jedhu, aanga'oonni TPLF ammoo Naannoo Affaartu deeggarsa dabarsuu didee humnoota Eertiraa waliin ta'uun haleellaa eegalee jechuun komata.
Ulaan gargaarsaa takkittiin kun cufamuu isaarraa kan ka'e dhaabbaileen gargaarsaa meeshaalee akkaan barbaachisoo akka qorichaafi kaan balalii qilleensaa guyyaa guyyaan gara Tigraay akka imalan mootummaan hayyama kenneera.
Kanaanis guyyoota darban Waldaan Fannoo Diimaa Idila addunyaa hanqina qorichaa hammaataa jiru fufruuf qorichaafi meeshaalee barbaachisoo dhiyeessaa jira.
Beela sababa waraanaan Kaaba Itoophiyaatti hammachuuf yaaddoo uume kanaan cinaatti, Naannolee Oromiyaa fi Somaalii akkasuma Uummattoota Kibbaa keessatti ammoo hungee hamaan mudate uummata miiliyoonan lakkaawwam rakkoofi deeggarsa atattamaaf saaxileera.















