Mootummaan dhiyeessii qorichaa fi deeggarsa biroof Tigraayitti balaliisa guyyuu hayyamuu hime

Xiyyaara Sagantaa Nyaataa Addunyaa Maqaleetti imale

Madda suuraa, The Ministry of foriegn Affairs of Ethiopia

Mootummaan Federaalaa dhiyeessii qorichaa fi deeggarsa biroo Tigraay keessatti akkaa olitti hanqateera jedhame geejiba konkolaataan furuun waan hin danda'amneef balalii qilleensaa dabalataa hayyamuu beeksise.

Ministeerri Haajaa Alaa ibsa Dilbata baaseen fedhiin qorichaa fi deeggarsa barbaachisuu biroo Tigraay keessatti daran dabaluu ibsuun, Naannoo Affaar keessa qaxxaamuruun geejibni gara Tigraay seenu sababa waraanaan danqameeraa jedhe.

Torbanoota darban dhaabbileen idila addunyaa, ogeeyyiin fayyaa Tigraay keessa jiraniif qaamoleen kaanis Tigraay keessa hanqinni qorichaa guddoo fi deeggarsi nyaataa dhibuun sadarkaa nama yaachisurra gahuu ibsaa turan.

Tigraay keessatti sababa qorichi hin jirreef dhukkubsattoonni qoricha yeroon irra darbe fudhachuuf dirqamaniiru jedheera Koreen Fannoo Diimaa Idil-Addunyaa ibsa torban darbe baasee tureen.

Wanti madaa ittiin dhiqan waan hin jirreef bakka tokko tokkotti hakimoonni madaa dhiquuf ashaboo fayyadamaa jiru, bakka kaanitti ammoo qorichoonni yeroon irra darbe sababa hanqinni jiruuf dhukkubsattootaaf kennamaa jiraachuu hime.

Ogeeyyiin Fayyaa Hospitaala Rifaraalaa Haayidar magaala Maqalee keessatti argamuu keessa hojjetan galteewwan waldhaansa fayyaa akka gilaavii fi faashaan madaa ittiin haxaawanillee dhumee gilaavii miiccaa faashaaf ammoo haadholiifi abbootiirraa gaabiifi naxalaa sassaabaa akka jiran BBC'tti himaniiru.

Dhaabbata Biyyoota Gamtoomaniitti dameen deeggarsa namoomaa atattamaa qindeessu OCHA'n sababa waraanaan qorichaafi deeggarsa barbaachisoo biroo dhiyeessuun waan dadhabameef, dhiyeessiiwwan hir'isuuf, yeroo itti dhiyaatan dheeressuufi adda kutuufis dirqamuu ibseera.

Mootummaan Federaala gama isaan barbaachisummaan qorichaa fi dhiyeessiiwwan deeggarsaa biroo naannicha keessatti guddaa waan ta'eef deeggartoota biroo waliin ta'uu rakkoo mudate furuuf akka hojjechaa jiru ibsa.

Balalii xiyyaaraa guyyuu gara Tigraay

Dhaabbileen gargaarsaa idila addunyaa ulaa geejibni keessa darbutti waraanni adeemaa jiraachuu sababoota hanqina dhiyeessiif dhiyaatan keessaa isa ijoo ta'uu dubbatu.

Mootummaan Federaalaas sababa waraanaa konkolaattotni imaluu hin dandeenye jechuun TPLF komata.

''Qorichiifi dhiyeessiiwwan biroon ji'a darbee eegalee akka dhiyaatu hayyama argate weerara haaraa TPLF eegalerraa kan ka'e Ab'aalaa darbuu hin dandeenye.''

''Fedhaa fi danqaalee jiran ilaalcha keessa galchuun Mootummaan Itoophiyaa dhiyeessii qorichaa, nyaataafi deeggarsa barbaachisoo biroo geejiba lafoon qaqqabsiisuun dadhabameef balalii xiyyaaraa dabalataa mijeessuuf murteesseera.''

Ministeerri Haajaa Alaa, Ministeera Fayyaa fi Komishinii to'annoo Balaa Biyyaalessaa Koree Fannoo Diimaa Idil-Addunyaa fi Dhaabbata Biyyoota Gamtoomanii waliin ta'uun imala xiyyaara fe'isaa guyyaa guyyaan qorichaa fi dhiyeessiiwwan barbaachisoo biroo gochuuf hojjeechaa akka jiru ibsi Waajira Haajaa Alaa kun beeksieera.

Dhimma dhiyeessii deeggarsa namoomaa ilaalchisee twiitara gubbaatti yaada isaanii kan maxxansan dubbii himaan TPLF obbo Geataachew Raddaa konkolaattotni fe'isaa Sagantaa Nyaataa Addunyaa 27 ta'an Samaraa irraa ka'anii gara Tigraayitti imala eegalanis sababa Aba'aalaa waraanni jiruuf deeggarsi akka hin dabarree godhameera yaada jedhu dhagahuu barreessan.

Mootummaa federaalaa irraa hayyamni kennamus mootummaan naannoo Affaartu akka hin dabarre dhorke jedhamuus dubbii kana Masaraan mootummaa quba hin qabu jedhanii akak hin yaadne ibsan.

ALI Muddee 10, 2014 irraa eegalee daangaa naannolee Affaariifi Tigraayitti gama Kiilbatii Rasuu(Zoon Hulet) jedhamuun naannoo Aab'alaa waraanni gaggeefamaa akka jiru qaamoleen waraana kana keessa jiran ibsaniiru.

Mootummaan naannoo Affaar ibsa baaseen Mudde 10 bara 2014 irraa eegalee humnootni TPLF naannoo Ab'aalaatti haleellaa eegaluu fi namootni nagaan miidhamuu komateera.

Mootummaan Federaalas weerarri kun humnoota TPLF irra deebiin eegalame jechuun ibseera.

Obbo Getaachew Raddaa garuu ''halellaan Ab'aalaa humnoota Affaariifi deeggartoota isaanii Eertiraan guyyoota dura eegalee ammas itti fufee jiraa'' jedhan.

''Uummata keenyaaf deeggarsa namoomaa akkaa olitti barbaadaa waan jirruuf gochota bayyee barbaachisoo hin taane akkasiirraa fedha hin qabnuu'' jedhan.