Dhaabbanni Fayyaa Addunyaa meeshaalee wal'aansa fayyaa Tigraayiin ga'uuf iyyama dhabe jedhe

Doktar Teedroos Adhaanoom

Madda suuraa, FABRICE COFFRINI

Adoolessa darberraa kaasee meeshaalee wal'aansa fayyaa naannoo Tigraay akkaan waraanaan miidhame biraan ga'uuf hayyama akka dhowwatame Dhaabbanni Fayyaa Addunyaa ibse.

Dhaabbatichi meeshaalee wal'aansa fayyaa naannochaan ga'uuf irra deddeebiin gaafatus, garuu akka didame hoogganaan dhaabbatichaa Doktar Teedroos Adhaanoom karaa tiwiitarii isaanii ibsaniiru.

Haata'u malee, naannolee Affaar fi Amaaraatti bakkeewwan waraanaan miidhamaniif meeshaalee fayyaa qaqqabsiisaa jiraachuu dhaabbatichi ibseera.

Naannoo Amaaraaf meeshaalee fayyaa meetirik toonii 70, naannoo Affaariif meetirik toonii 14 gargaarsa gochuu kan himan Dr Teedroos, karaan ittiin lubbuu lammiilee baraaran inni ijoon deeggarsa namoomaa hatattamaan qaqqabsiisuudha jedhan.

Gargaarsi fayyaa dhaabbatichi naannoo Tigraayiif taasisuuf ture goolama gama fayyaan naannocha keessatti uumamee jiru qolachuuf kan gargaaru ture jedhan.

Biyyoota waraana waliiniitti jiran akkasumas kanneen walitti bu'iinsa hamaatti jiran kanneen akka Siiriyaa Sudaan Kibbaa fi Yaman keessattillee dhaabbati fayyaa addunaa fi waahillan isaa gargaarsa fayyaa gochuuf iyyama dhabee hin beeku kan jedhan Dr Teedroos, ''garuu uggurri gargaarsa namoomaa Tigraay irra kaa'ame lubbuu lammiilee gaaga'aa jira,'' jechuun haala kanatti aka gaddan ibsan.

Dr Teedroos hooggantoota hundaa fi namoota adda durummaan waraana keessatti hirmaataniif wayita dhaamsa dabarsan: ,''kanneen nageenya buusuuf ifaajan, kanneen kutannoon nageenyaaf hojjetan-isaan yoomuu seenaan ni yaadata,'' jedhan.

"Fayyummaan nageenyaaf, nageenyummaan fayyaaf'' akkaan barbaachisa jechuun kan dubbatan Dr Teedroos, iddoo walitti bu'iinsi jiru kamittuu gargaarsa namoomaa fi fayyaa qaqqabsiisuun lubbuu lammiilee baraaruun dirqama jedhan.

Kanaafuu dhaabbileen gargaarsaa fi siivilii idl-addunyaa hojii lubbuu baraaruuf kutannoon hojjechuu qabu jechuun dhaaman.

Ogeeyyiin fayyaa naannoo Tigraay hanqina qorichaan daa'imman dabalatee namoonni hedduun dhumaa jiraachuu ibsa baasaniin akkasumas BBCtti himuun haalli jiru yaaddaessaa ta'uu ibsaniiru.

Kanaafis sababiin uggura gargaarsa meeshaalee wal'aansa fayyaan walqabatee qorichi fi meeshaaleen kaan hospitaala keessaa waan dhumaniif ta'uu himan.

Dubbi himaan mootummaan Itoophiyaa Laggasee Tulluu gamasaan mootummaan uggura kamuu hin keenyee fi yeroo ammaa rakkoo uumamaa jiruuf itti gaafatamni kan TPLF ta'uu ibsan.

Dhimma meeshaalee wal'aansa fayyaa fi gargaarsa namoomaa naannoo Tigraayiin ga'uu ilaalchisee mootummaan federaalaa fi TPLF irra deddeebiin quba walitti qabu.

Dhaabbata Biyyoota Gamtoomaniitti Biiroon Dhimma Gargaarsa namoomaa qindeessu ALI Muddee 21, 2014 gabaasa baaseen konkolaattonni gargaarsa namoomaa fe'an Walakkaa ji'a Muddeerraa kaasanii gara Tigraay seenanii hin beekan.