Dr Teedroos Adhaanoom: Haalli Tigraay keessaa 'sukkaneessaadha' jedhan

Dr. Teediroos Adihaanoom

Madda suuraa, Dhaabbata Fayyaa Addunyaa

Daareektarri Olaanaan Dhaabbata Fayyaa Addunyaa (WHO) Dr Teediroos Adhaanoom lolli naannoo Tigiraayittii gaggeeffame haala sukkanneessaa ta'een naannicha rukuteera jechuun haala amma naannichi keessa jiru ibsan.

Dr Teediroo Adhaanoom kan dhalootaan naannoo Tigraay irraa ta'n, naannichatti namoonni beela haalaan babalataa jiruun du'aa jiru jedhan.

Akkasumas naannichatti tajaajilliiwwan fayyaa barbadaa'u kaasuun, miidhaan dirqiidhaan gudeeduus garmalee baayyee ta'uu himan.

Itti dabaluunis Dr Teediroos, ''haalli amma naannoo Tigraay keessa jiru jecha tokkoon yoon ibsu ''sukkaneessaa, baayyee sukkaneessaadha'' jedhan.

Akka Daareektara Olaanaa kanaatti naannichatti namoonni gara miliyoona shan ta'an deeggarsa namoomaa barbaadu.

''Kanneen parsantaa 91 ta'an deeggarsa nyaataa fi baayyeen isaanii ammoo sababii beelaatiin du'aa kan jiru. Kana malees ammoo hanqiinni nyaataa cimaa kan mudate hedduudha'' jedhan Dr Teediroos wayita Jeenevaatti gaazexesitootaatti dubbataniitti.

Yaada Daareektara Olaanaan WHO Dr Teediroos Adhaanoom kennan kanas dureewwan fi eejjansiiwwan idil-addunyaa hedduun wal harkaa fudhuun deeggarsi namoomaa gutummaan ummata akka qaqabuufi gargaarsa danquun akka dhaabbatuuf waamicha taasisaniiru.

Dr Teediroos Itoophiyaattii kana dura Ministera Fayyaa fi Ministera Dhimma Alaa tahuun hojjetaa kan turan yoo tahu, amma Afrikaa irraa nama jalqabaa tahuun Daariktera Dhaabbata Fayyaa Adunyaa tahuun tajaajilaa jiru. Dr

Yaadni Daareektarri Olaanaan WHO fi waamichi dhaabbilee gargaarsaa kunis kan dhufe wayita motummaan Itoophiyaa duula dhiibbaatu nurratti gaggeeffamaa jira jechuun ibsa baaseettidha.

Motummaan Itoophiyaa dhaabbileen deeggarsa namoomaa dhiyeessan hojiisaanii bilisaan hojjachuu akka danda'an himuun, waamicha TPLF kan ittiin wal lolaa jiru waliin mari'adhaa jedhu kamiyyuu akka hin fudhanee ibsa karaa Ministeera Haajaa Alaatiin baaseen beeksiiseera.

Lolli mootummaa federaalaa fi humnoota TPLF gidduutti naannoo Tigiraayitti erga jalqabee amma ji'ootni torba darbaniiru.

Jiraattotni naannichaa kuma 60 ol tahan qe'ee isaanii irraa baqachuun biyya ollaa jirtu Sudaan kan galan yoo tahu biyyuma keessatti kanneen qe'ee irraa sababa lola kanaan buqqa'anis hedduu akka tahan dhaabbilee deeggarsa namoomaa kennan gabaasaa turan.