Waayee Dr Teedroos Adhaanom maatin maal jedhu?

Madda suuraa, FABRICE COFFRINI
Waa'ee doorsisa ajjeechaa Dr Teedroos Adihaanom "narra gaheera" jedhan yeroo gaafataman "nutti hin himne ture. Akkuma nama kamiyyuu miidiyaa irraa dhageenye. Baay'ee rifanne" jedhan obboleessi isaanii Obbo Kibroom Adihaanom.
Hogganaa Dhaabbata Fayyaa Addunyaa Dr. Teediroos Adhaanoom tibba kana dubbii ijoo miidiyaalee ta'an sababa Koronaavaayirasii wajjiin walqabatee ibsa miidiyaaleef kennan tokkorratti doorsisni ajjechaa irraa gahaa akka ture himaniiru.
Miseensi maatii isaanii odeeffanno kana jalqaba miidiyaarraan dhageenye jedhu.
Magaala Asmaraatti kan dhalatan fi maatii isaanif mucaa jalqabaa kan ta'an Dr Teedroos Adihaanom duuti obboleessa isaaanii taatee gara ogummaa fayyaatti akka seenan isaan taasise ta'uutu himama.
"Quxisuun Dr Teedroos, Yemaane kan jedhamu waggaa afuritti sababa dhibeetin du'e" kan jedhan Obbo Kibroom ciminaan hojjechuun Dr Tewodiroos sadarkaa amma irratti argamaniif icciitii jalqabaa ta'uu himu.
"Waan baay'ee abbaa keenya irraa dhaalle. Abbaan keenya nama cimaa fi dhuga-qabeessa ture" jechiinus himu.
Dr Teedroosis yeroo ijoollummaa isaanii eegalee obbolaawwan isaanii biroof fakkeenya akka turan fi wayita barataa turanillee yeroo gannaa barattoota barsiisun dabarsaa akka turan obboleessi isaanii Obbo Kibroom Adihaanom dubbatu.
Yunivarsiitii Asmaraa irraa erga ebbifamanii booda Ministeera Fayyaa keessatti dhukkuba busaa irratti hojjechuu akka eegalan kan himan obboleessi Dr Teedroos kun "bara 1993/1994 miseensa koree giddugaleessaa ABUT ta'uun filataman. Hogganaa Biiroo Fayyaa Naannoo Tigraay ta'uunis ramadaman" jedhan.
Dr Teedroos bara 2005-2012 ministira fayyaa, bara 2012-2016tti immoo ministira dhimma alaa Itoophiyaa ta'uun erga hojjetanii booda bara 2017 daayrektara olaanaa Dhaabbata Fayyaa Addunyaa ta'uun filataman.
Imala Deeggarsa fi Mormiin Guutame…
Daayrektarri olaanaa Dhaabbata Fayyaa Addunyaa WHO Dr Teedroos Adihaanom bara faranjootaa 2017 aangoo daayrektarummaa dhaabbatichaa erga qabatanii as yeroo garaagaraatti mormii fi deeggarsa keessummeessaa jiru.
Afriikaadhaa daayrektara dhaabbatichaa isaan jalqabaa kan ta'an Dr Teedroos akkuma muudamanin duula dhibee Iboolaa hogganuun koo'oman.
Deeggarsa biyyaalee Afrikaa heddu akka qaban kan himamuf daayrektarichi waggaa lama dura wayita preezidaantii Zimbaabwee duraanii Roobart Mugaabee ambaasaaddara dhaabbatichaa gochuun filatan mormii cimaa keessummeessan.
Sababa mormii kanaanis Dr Teedroos Adihaanom ambaasaadarummaa Roobart Mugaabee haqan.
Waggoota lama booda yeroo ammaa kana immoo duulli Dr Teedroos aangoorraa akka bu'an gaafatu bal'inaan adeemsifamaa jira.
Sababni immoo weerara dhibee Koovid-19 walqabatee Dhaabbatni Fayyaa Addunyaa gahee irraa eeggamu hin bahanne akkasumas gara Chaayinaa goreera kan jedhu dha.
Dr Teedroos wayita Itoophiyaatti aangorra turanitti "dhibee koleeraa dhoksaniiru fi mootummaan isaanii dhiittaa mirga namoomaa raawwataa ture" kan jedhuunis kan isaan qeeqan heddu.
Doorsisa Ajjeechaa…
Ibsa Daayrektarri Olaanaa Dhaabbata Fayyaa Addunyaa Dr Teedroos Adihaanom torbee muraasa dura kennanin doorsifni ajjeechaa irra deddeebin itti dhaadatamuu fi eenuymmaa isaaniitiinis arrabfamuu isaanii himan.
"Waa'ee doorsisa ajjeechaa nutti hin himne ture. Akkuma nama kamiyyuu miidiyaa irraa dhageenye. Baay'ee rifanne" kan jedhan obboleessi isaanii Obbo Kibroom Adihaanom "duulli" yeroo ammaatti Dr Tewodroos Adihaanom irratti deemaa jiru bifa lama akka qabu dubbatu.
"Inni tokko Taayiwaanin kan hogganamu fi inni lammaffaa immoo biyyuma keessatti humnootii finxaaleyyin kan oofamudha" jedhu.
Mormiin biyya keessaa garaagarummaa siyaasaa irraa kan madde ta'uu kan dubbatan Obbo Kibroom "mormiin biyya keessaa namoota Dr Teedroos uummatni Amaaraa miiliyoona lamaan akka xiqqaatu taasiseera" jedhaniin adeemifamaa jiraachuu himu.
"Dr Teedroos Onkololeessa 1998 muudaman. Lakkaawwiin uummataa immoo Caamsaa 1998 adeemsifame. Kanaafuu inni ji'oota jaha keessatti uummatni Amaaraa dhala akka hin godhanne taasiseera jechuun hin danda'amu" jechuunis mormu.
Walitti Dhufeenya Maatii…
"Dhugaa dubbachuuf inni yeroo baay'ee hojii irratti xiyyeeffata. Nama maatiidhaaf yeroo baay'ee kennu miti" kan jedhan Obbo Kibroom erga Dr Teedroos daayrektara WHO ta'anii as yeroo lama wal arguu isaanii dubbatu.
"Yeroo tokko gara biyya biraa yeroo deemu asumaan goree maatii argee deeme. Inni lammataa Gamtaa afriikaan affeeramanii yeroo dhufan ture" jedhan.
Doorsifni ajjeechaa fi haalli Dr Teedroos yeroo ammaa irratti argaman maatii isaanii irratti dhiibaa ulfaataa akka qabu kan himan Obbo Kibroom "aniyyuu hirriiba baay'ee hin qabu" jechuun himan.
Dr Tewodroos qormaata yeroo ammaatti isaan mudate injifannoon akka darbanis amantaa qaban obboleessi isaanii Obbo Kibroom dubbatu.
















