Koronaavaayiras: Afriikaan bakka shaakala talaallii koronaavaayiras hin taatu-Dhaabbata Fayyaa Addunyaa

Madda suuraa, Getty Images
Hogganaan Dhaabbata Fayyaa Addunyaa (WHO) yaada haakimoonni Faransaay yaaliin talaallii COVID-19 taasifamu Afriikaa keessatti jalqaabuu qaba jedhan qeeqan.
“Afriikaa keessatti yaalii talaallii hin taasifamu,” jedhan Daarektarri WHO Dr. Teediroos Adhaanoom.
Haakimoonni lamaan TV irratti yaada kennaniin “dhala namaa akka hantuutaatti” ilaaltan jechuun qeeqamaniiru.
Haakimoota lamaan keessaa inni tokko boodarra dhiifama gaafateera.
Dr Teediroos yeroo ibsa koronaavaayirasirratti kennanitti waa’ee haakimootarratti yaada qaban yeroo gaafatamanitti dallansuusaanii ifatti mul’ata ture. Isaanis “gabrummaa sammuuti” jedhaniiru.
“Jaarraa 21ffaa keessatti saayintistootarraa waan akkanaa dhagahuun gurraafuu hin tolu, baay’ee nama aarsa.
Yaadota akkanaa baay’ee balaaleffanna. Wanti akkanaa deebi’ee akka hin mudanne waadaa isiiniif gala,” jedhan.
Akkuma lakkoofsi namoota vaayirasichaan qabamanii dabalaa deemaa jiruun mootummoonni tatamsa’ina vaayirasichaa daangessuuf tarkaanfiwwaan adda addaa fudhataa jiru.
Pireezidaant Uhuuruu Keeniyaataan imala gara Naayiroobiittiifi Naayiroobiin alatti taasifamu akkasuma magaalota gurguddoo saditti taasifamu hunda dhoorkaniiru.
Haakimoonni maal jedhan?
Yeroo mariisaanii TV Faransaa LCI jedhamu irratti Obbo Camillee Locht yaaliin talaallii Awuroppaa fi Awustiraaliyaa keessatti akka taasifamuuf yaada dhiyeessaa turan.
Dr Jeen-Paawul Miiraan ammoo akkas jedhan: “Yaada kiyya kenna yoo ta’e, qorannoo kana bakka maaskiin, yaalli gahaan hin jirreefi nama baraaruun hin jirre Afriikaa keessatti taasisuu qabna.
“Wantoonni akkanaa gargaarsaan qorannoodhaaf bakka ta’etti taasifamuu qabu. Dubartoota daldala saal-qunnamtiirratti hirmaatan irratti, saaxilamummaansaanii ol aanaadha.
Akkasumas of eeggannoo hin taasisan.”
Obbo Locht yaada kanaan walkii galuun akkas jedhan: “Dhugaa jette. Nuti qorannoo akkanaa Afriikaa keessatti taasisuuf yaada qabna.”
Dr Miiraan qorannoon kun akkuma karoorfametti Awuroppaafi Awustiraaliyaa keessatti taasifamuun kan danda’amu yoo ta’e gaafataniiru. Sababni isaas ogeeyyiin fayyaa yeroo hojii hojjatan of eeggannoodhaan waan ta’eef.

- SALPHAATTI ADDA BAASUUF: Mallattoowwan koronaavaayirasii maal fa'i?
- KORONAAVAAYIRASII: Gaaffilee keessaniif deebii
- MAAL GOCHUUN QABA: Walirraa fagaachuufi adda of baasanii turuu
- WANTOOTA SAGAL: Waa'ee koronaavaayiras nuti hin beekne
- QUBA QABDUU?: Wal-qunnamtii saalaa fi Koronaavaayiras
















