Koronaavaayiras: Chaayinaan osoo sababa COVID19 namni jalaa hin du'iin ooltee bulte

Guyyaa darbe sababa koronaavaayirasiin namni tokkollee osoo hin du'iin ooluu Chaayinaan gabaafte, kun erga weerarri vaayirasichaa mudate as yeroo jalqabaafi.
Guyyoota muraasa darban namoota muraasas ta'u namootni dhibee COVID19'n du'aa turan.
Biyyattiin yeroo duraaf osoo namni na jalaa hin du'iin oole haa jettu malee ragaa Chaayinaan dhimma koronaavaayirasii irratti addunyaaf kennitu irratti gaaffii hedduutu ka'a.
Oduun dansaa kun wayita magaalaan weerarri vaayirasicha keessatti eegale Wuhaan uggura sochii laafisuuf qophaa'aa jirtutti dhagaa'ame.
Amajjii 23 booda yeroo jalqabaaf namoonni magaalattii keessaa akka bahan hayyamamaaf jechuudha.
Wayita Ameerikaan lakkoofsa namoota du'anii 10,000 olii waliin vaayirasichaan wal'aansoo hamaa keessa jirtutti Chaayinaan vaayirasicha injifachuun aanga'oota biyyattiif oduu aagaati.
Torbanoota darban Chaayinaan biyyoota Afrikaafi Awurooppaa vaayirasichaan lolaa jiraniif deeggarsa gochaa turte
Chaayinaa keessatti lakkoofsi namoota haaraa vaayirasichaan qabamaa jiraniis daran xiqqaachaa jira.
Wiixata kaleessaa namoota 32 qofatu vaayirasichaan qabame, hundi isaaniituu warraa biyya biraa irraa garas dhaqanidha jetti Chaayinaan.
'...ifa abdii guddaadha'
Gabaasaan BBC Beejing jiru Isteefan Makdonel waan jedhe: "Ragaa biyyattii irratti gaaffiin ka'ullee yeroo duraaf du'a malee ooluun biyyattii lammilee Chaayinaafis ta'e guutuu addunyaaf ifa abdii guddaadha."
Ragaan biyyattiin lakkoofsa namoota vaayirasichaan qabamaniifi du'anii addunyaaf himaa turteefi jirtu dhugaa ta'uu baatullee, dhugaan lafarra jiru biyyattiin vaayirasichaa to'achaa jiraachuu ishee mul'isa jedha.
Oduun biyyattiin osoo namni jalaa hin du'iin ooluu kun garuu haala nama ajaa'ibuun Chaayinaa keessatti ijoo dubbii ta'ee dubbatamaa hin jiru jedha Isteefan.
Miidiyaaleen paartii biyyattii bulchu 'Paartii Komuniistii Chaayinaa' jalatti bulanis ta'e, miidiyaaleen hawaasaa odu kana akka waan guddaatti haasawaa hin jirani jedhe.
Kuni tarii sababa shakkii ragaa mootummaan biyyattii dhiyeessuurraa qabaniin ta'uu mala.
Sanas ta'e kana dhugaan lafarra jiru waan abdii namatti horudha jedhe.

- SALPHAATTI ADDA BAASUUF: Mallattoowwan koronaavaayirasii maal fa'i?
- KORONAAVAAYIRASII: Gaaffilee keessaniif deebii
- MAAL GOCHUUN QABA: Walirraa fagaachuufi adda of baasanii turuu
- WANTOOTA SAGAL: Waa'ee koronaavaayiras nuti hin beekne
- QUBA QABDUU?: Wal-qunnamtii saalaa fi Koronaavaayiras













