Biyyoonni 5 dursanii COVID19 irraa dandamachuu malan kami?

Teessuma lafaa

Weerara koronaavaayirasii to'achuuf biyyootni addunyaa baasii gurguddaa baasaa jiraachuutti dabalataan lammileen isaanii akka manaa hin baane, sochiin daldalaa akka dhaabbatuufi tarkaanfiiwwan biroo fudhataa jiran gamanumaan diinagdee isaanii daran miidhaa jira.

Weerarri vaayirasii kanaa erga to'atamee boodallee biyyoonni miidhaa diinagdee isaanirra gaherraa dafanii bayyanachuun itti ulfaatuu mala.

Wayita addunyaan vaayirasii kanaan wal'aansoo qabaa jirtutti, biyyoonni dursanii dandamachuu danda'an eenyu fa'i kan jedhu ogeeyyiin xiinxaluu eegalanii jiru.

Kana sirnaan hubachuuf galmee dandamannaa biyyootaa '2019 Global Resilience Index' ilaaluun barbaachisaadha.

Galmeen dandamannaa kun biyyoota addunyaa 130 ulaagaalee akka tasgabbii siyaasaa, bulchiinsa madaalawaa, iftoominaa fi adeemsa omishaa fi haalaa dhiyeessii meeshaalee ykn loojistiiksiifi kanneen biroon hagam miidhaarraa dandamachuu akka danda'an madaalee tartiibesse.

Sadarkaa biyyootni galmee kanarratti qabaniifi tarkaanfii jalaqabaa isaan vaayirasii kana to'achuuf fudhatan wal bira qabuun biyyoonni shan dafanii miidhaa COVID19 irraa dandamachuu danda'an adda bahaniiru.

Denmaark

Madda suuraa, Getty Images

Deenmaark

Galmee dandamannaa irratti sadarkaa lammataarra kan jirtu Deenmaark, sirna omishaafi raabsaa meeshaalee jabaa qabaachuun akkasumas malaammaltummaa daran gadi aanaa qabaachuun jajamti.

Wayita weerarri koronaavaayirasii mudatus daftee tarkaanfii ittisaatti seente.

Bitootessa 11 manneen barnootaa cuftee, Bitootessa 14 ammoo lammileen alaa gara biyyattii akka hin seenne uggurte.

Mootummaan biyyattii lammilee sababa weerara kanaan hojii isaanii dhabaniifis kaffaltii raawwachuu eegaluun isaa hedduu jajameera.

Tarkaanfiin mootummaan fudhate kun bu'aa gaariis argamsiisee jira.

Aadaan yeroo rakkoo waliin dhaabbachuufi aanga'oota amanuu lammilee biyyattii bu'aan gaariin akka argamu gumaacheera.

Humni dandamachuu biyyattii kan guutuu addunyaarratti hundaa'us garuu biyya sadarkaa duraatti daftee dandamachuu dandeessu jedhamtee jirti.

Singaapoor

Singaapoor galmee dandamannaa biyyoota addunyaa irratti diinagdee jabaa, balaa siyaasaa xiqqaa, misoomawwan bu'uuraa jajjaboo fi malaammaltummaa xiqqaa qabaachuun sadarkaa 21ffaarra jirti.

Biyyattiin weerara koronaavaayirasii ittisuuf tarkaanfii fudhachuu kan eegalte ariitiidhani.

Singaapoor

Madda suuraa, Getty Images

Lammileen biyyattii qajeelfamoota mootummaan baase jala bu'anii hojiirra oolchu.

Biyyattin humna teeknoolojiitti dhimma bahuu jabaa qabaachuun isheen miidhaan guddaan akka irra hin geenye ittiseera.

Mootummaan namoota nama vaayirasichaan qabame waliin tuttuqaa qaban adda baasuuf teeknoolojii mobaayiliitti gargaarame.

Dhaabbileen hedduunis teeknoolojiitti dhimma bahuun manaa hojjechuu itti fufuunid biyyattii ni gargaara.

Haa ta'u malee biyyi xiqqoon kun hagam dandamatti kan jedhu kan guutuu addunyaarratti kan hundaa'e ta'a.

Ameerikaa

Ameerikaa

Madda suuraa, Getty Images

Ameerikaan biyya guddoo uummata hedduufi lafa bal'aa qabdu waan taateef galmeen dandamannaa biyyoota addunyaa biyyattii bakka sadiitti qoodee ilaale. Lixa, Jiddugaleessa fi Baha.

Akkaataa kanaan naannoleen Lixaa sadarkaa 9ffaa, naannoleen jiddugaleessa 11ffaa, Naannoleen Bahaa ammoo 22ffaa kaa'amaniiru.

Kunis balaa xiqqaa hojii daldalaa keessatti nama mudatu, sirna omishaa fi dhiyeessii jabaa qabaachuuni.

Magaalotni gurguddoo biyyattii akka Niwu Yoorki weerara vaayirasichaan daran miidhamuufi tarkaanfii sochii ugguruu mootummaan fudhateen namoonni hedduun hojii dhabanii jiru.

Haa ta'u malee tarkaanfii mootummaan barfatees ta'u fudhate lammiileen biyyatti guutummaatti hojiitti hiikuun miidhaa gahu xiqqeessuun biyyatin daftee akka bayyanattu gargaara.

Ameerikaan biyya guddoo diinagdee jabaa qabdu, (GDP addunyaa keessaa nuusa) waan taateef kunis dandamannaa biyyattiif gumaacha murteessaa qaba.

Mootummaan biyyattii naannolee vaayirasichaan akka malee hin miidhamnetti sochiin daldalaa fi oomishaa akka jiraatu godhuuf deema kunis sirnaan hojiirra oollaan biyyattii ni gargaara.

Ruwaandaa

Fooyya'iinsa gama sirna bulchiinsa dhaabbileetiin galmeessifteen Ruwaandaan sadarkaa 35 fooyyessuun galmee dandamannaa biyyoota addunyaa irratti sadarkaa 77ffaarra jirti. Afrikaa irraa sadarkaa afrafaffaadha.

Biyyattiin weerara dhukkuba Iboolaa biyya ollaa DRC irraa gara ishee akka hin seenne ofirraa ittisuu danda'uun ishee weerarri koronaavaayirasii miidhaa guddaa akka hin dhaqqabsiifne gochuu akka dandeessu agarsiiftuudha.

Ruwaandaa

Madda suuraa, Getty Images

Biyyattiin diroonii fayyadamun meeshaalee fayyaa dhiyeessaa jiraachuufi daangaa ishee hunda irratti sakatta'iinsa ho'a qaamaa gochaa jiraachuun ishee gargaara.

Lammileen biyyoota Afrikaa biroo Kigaalii jiran gara biyya isaaniitti deebi'uurra achuma turuu filataniiru.

Kunis Ruwaandaan biyya isaanii caalaa weerara kana to'achuu akka dandeessu waan amananiifi. Yaaddoon isaanii tokkichi waa'ee maatii isaanii qofa.

Niwu Ziilaand

Niwu Ziiland

Madda suuraa, Getty Images

Niwu Ziiland sirna bulchiinsa dhaabbilee madaalawaa fi sirna omishaa fi dhiyeessii jabaa qabaachuun galmee dandamannaa biyyoota addunyaarratti sadarkaa 12ffaarra jirti.

Weerara koronaavaayirasii ittisuufis daftee tarkaanfii fudhatte. Bitootessa 19 lammilee biyyoota alaatti karra cufatte, Bitootessa 25 ammoo guutummatti sochii uggurte.

Biyya odolaa waan taateef gama daangaa to'achuun rakkoon ishii hin mudanne.

Diinagdeen ishee hedduun turiizimii fi al-ergii irratti kan hundaa'e ta'uun biyyattiirratti dhiibbaa qabaatullee, liqaan mootummaa biyyattiira jiru xiqqaa ta'uufi namni dhala gadi aanaan liqaa argachuu danda'uun biyyattiin akka dandamattu ni gargaara.

Odeessi kun yaada ogeeyyii fi lammilee biyyoota kanneen keessa jiraatan irraa walitti qabameen qophaa'e.

Koroonaavaayiras
Sarara diimaa