Kornaavaayiras: Ameerikaatti dhibee Covid-19 qeerramsarratti argame

Madda suuraa, Corbis via Getty Images
Qeerramsi umrii gannaa afurii Ameerikaatti koroonaavaayirasiin qabuunsaa qorannoon mirkanaa'e.
Iddoo bineensoonni itti eegaman Biroonz Zuu jedhamu Niiwu Yoorkitti argamu keesatti koronaavaayirasiin namarraa bineensatti darbe.
Qeerramsi dhaltuun maqaa Naadiyaa jedhamuun waamamtu kun bineensa jalqabaa dhibee Covid-19'n namarraa itti darbe ta'uun isaas ibsameera.
Giddugalessii tursiisa bineensotaa Biroonz Zuu jedhamuufi Niiwu Yoorkitti argamu akka ibseetti, firiin qorannoo kun laabiraatoorii Ihowaa jiruun mirkaneeffame.
Qeerramsa kanatti vaayirasiin kun kan darbe nama isaan kunuunsuu eenyumman isaa ammaaf hin baramnerraa ta'uusaatu amanama.
Qeerramsi kun sanyii adurreewwaan gurguddaa 6 wajjiin kan jiraatu yoo ta'u, qufaa gogaa akkuma namaatti qufaasisuu eegalera.
Hooggaanaan dhimma fayyaa bineensotaa wiirtuu tursiisa bineensotaa Niiwu Yoorkitti argamu kanaa Paawol Kaalii, yeroo jalqabaatiif dhala namaarraa dhibichi bineensatti darbee dhukkubsee jedhanii dubbatan.
Itti dabaluudhaniis, beekumsa qorannoo kanaan argamees addunyaaf ifoomsuu itti fufnaa jedhanii dubbatan.
Qeerransi dhaltuun Nadiyaa , obboleetti ishii, akkasumas leenconni Afrikaa 3 mallattoo dhibee kanaa agarsiisaan guutummaattii dhibee kanaarraa ni bayyanatuu jedhameetu abdatama.
Bineensotni kunneen fedhiin soraachuusaanii kan hir'ate ta'us garuu, kaan isaanii namoota isaan kunuunsa wajjiin dammaqinaan walii galuu danda'uu.
Barreeffamni kun qabiyyee [social_media-site]n dhiyaatan qaba. Tarii 'cookies' fi teknolojiiwwan biraa fayyadamuu waan danda'aniif, osoo tokkoonsaa gadi hin buufamiin dura hayyama keessan gaafanna. Osoo hin simatin dura Instagramimaammata cookies fi imaammata mateenyaa dubbisuu barbaadda ta'a. Qabiyyee kana ilaaluuf 'waliigaluun itti fufi' filadhu.
Xumura maxxansa Instagram

Sanyiin Adurreewwan gurguddoo akka Amaaketaa, Chiitaafi kanneen biroo iddoo tursiisa bineensota kana keessaa jiran biroo mallattoo dhukkubbii hin agarsiifne jedhameera.
Qeerransonni mallattoolee dhibichaa agarsiisan gara tulluu Qeerransaa jedhamee beekamuttii geeffamuudhaan, giddugaleessi tursiisa bineensota magaalicha keessatti argaman biroos amma Ebla 16 , bara 2020 tti cufamaniiru.
Vaayirasiin haaraan kun namarraarraa gara bineensotaatti darbuun kan hin baratamne ta'us, kanaan duras Hoong Koongitti saree qabuun mirkana'eera. Bineensootarraa gara namaattii darbuun isaa ammaaf hin baramne.
Weerarrii dhibichaa namarraa gara namoota birootti darbuusaatu amma yoonatti beekama ture.

- SALPHAATTI ADDA BAASUUF: Mallattoowwan koronaavaayirasii maal fa'i?
- KORONAAVAAYIRASII: Gaaffilee keessaniif deebii
- MAAL GOCHUUN QABA: Walirraa fagaachuufi adda of baasanii turuu
- WANTOOTA SAGAL: Waa'ee koronaavaayiras nuti hin beekne
- QUBA QABDUU?: Wal-qunnamtii saalaa fi Koronaavaayiras














