Koronaavaayiras: Fageenyi hawaasummaafi ofi-adda baasuun maaliidha?

Madda suuraa, Getty Images
Addunyaa maratti biyyoonni tatamsa'ina koronaavaayirasii to'achuuf jecha tarkaanffiiwwan garaa garaa fudhataa jiru. Isaan keessaayis namoonni walitti dhufeenya hawaasummaa isanii akka eeganiif gaafatamaa jira.
Biyyoota tarkaanfii akkasii fudhataa jiran keessaa tokko UK dha. Motummaan Inglizii tarkaanfiiwwan tatamsa'ina dhukkubichaa ni hi'risuu jechuun labse keessaa, suuqiiwwan wantoota bu'uuraa hin taane gurguran, manneen kitaabaa, bakkeewwan xabaafi bakkeewwan kadhannaa haa cufaman jedheera.
Kana malees, sirni cidhaafi cuphaan kan dhorkaman yoo ta'u sirni awwaalchaa ni hayyamama jedhame.
Namoonni maatii tokko hin taane lamas waliin deemu hindanda'an.
Haata'u malee, namoonni haalli hojiisaanii murteessaa ta'an, ijoollee saanii bakka olmaatti geessuufi mana hojii deemuufi deebii'uun ni hayyamamaafi jedhame.
Fageenyi hawaasummaa maaliif barbaachisaa?
Fageenya hawaasummaa ykn yeroo nagaatti namoota baayyee waliin jireenya hawwasummaa qabaachuu dhaabun amma yeroo saa murteessaa ta'eera. Kunis sababii bakka namoonni walitti baayyataniitti tatamsa'inni dhukkubichaa cimu maluufiidha.
Fakkeenyaaf, osoo namni vaayirasichaan qabame tokko qufa'ee, vaayirasichi waan qilleensa keessa tatamsa'uuf namoota heddu faalu mala.
Kunis karaa afuura baafanuutiin gara qaama keenyaa seenu danda'a, ykn bakka namni vaayirasichaan qabame xuqee yoo tuqtanis akkasuma carraan harka sanaan fula keessa qabachuun dhukkubichaan qabamu keessanii olaanaadha.
Kanaaf, yeroon namoonni namoota biraa waliin dabarsan xiqqaachuun carraa vaayirasichi nama biraarraa itti darbu akka hirratu taasisa.
Biyyoonni gara biraa maal gochaa jiru?
Biyyoonni hedduunis lammiileen isaanii fageenya hawaasummaa isaanii eeggachuuf yaalii tatamsa'ina koronaavaayirasii to'achuuf taasifamu keessatti gahee akka bahaniif hedduu hojjataa jiru.
Fakkeenyaaf:
- Erga Bitooteessa 9 kaasee Xaaliyaaniin gutummaatti karra cufattee jirti.
- Sanbattan darbee kaasee ammoo Xaaliyaaniitti bulchiinsi Loombaardii kan biraa hafee dallaa ofiin alatti sochii qaamaalleen dhorkitee jirti.
- Ispeen keessattis namoonni wallaansaaf, nyaata bitachuufi hojiif yoo ta'e manaa bahuun dhorkamaniiru.
- Bulchiinsiiwwan Ameerikaa hedduunis uggura labsaniiru. Kanaafu lammiileen miliyoona hedduus akka mana taa'an hajajamaniiru.
- Beeligeemiitti ammoo, suuqiiwwan murteessoo hintaane hunda cufeera. Jiraattoonnis yoo xinnaatee hanga Eblaatti manaa akka hinbaanee itti himameera. Walitti dhufenyaa hawaasummaa hundi dhorkameera.
- Faransaayis karra cufannaa cimaa guyyoota 15 keessa jirti. Lammiin alatti argamee waragaa hayyamaa qabaachu qabas jettte jirti. Poolisoonni 100,000 ta'aniif ajaja kana hojiirra olchuuf kan hojjatan yoo ta'u, kan seera kana cabsee addabbii yuuroo 135tu eeggata.
- Jarmaniitti namoota lama caalaa waliin ta'uun dhorkame.
Ofi adda baasuu jechuun maali?
Ofii adda baasuu (Self-isolating) jechuun mana keessa turuufi achi bahuu dhaabuu jechuudha. Kana jechuunis bahanii hojii, nama barnootaa ykn lafa namoonni itti wal gahan dhaqu dhaabuu jechuudha.
Bakka danda'ameettis namni sababii shakkii qabuutiin adda ofi baasee tokkos waa bitachuuf illeen ala bahuun hinbarbaachisu.
Dirqamaan manaa bahuun kan sirra jiraatu yoo ta'e ammoo, namoota biraa akka hinfaallee of eeggannoo taasisu qabaatta.
Eenyutuu ofi adda baasuu qabaataa?
Namoonni kamiyyu kan mallattoon koronaavayirasii irratti argame dafanii ofi adda baasuu qabaatu.
Mallattoon koronaa kan akka qaama gubaa digrii sentigireedii 37.8 olii, qufaa walitti fufaa ykn afura baafachuuf rakkachuudha.
Kanafuu namni mallattoolee kanneen irratti argameefi kan isa waliin mana tokko keessa jiraatan hundi adda ofi baasuun turuun barbaachisaadha.
- Erga nama shakkamee waliin wal quunnamteen booda qofaa kan jirraattu yoo ta'e, guyyoota torbaaf hanga mallattoon eegaluutti manuma keessa turi.
- Yoo ati ykn namni waliin jiraattu mallattoo kanneen agarsiisees, maatii guutuun guyyoota 14's adda baafamuun CODID-19'f qoratamu qabaatu.
- Yeroo sanattis namni tookko kan dhukkubsate ta'e, adda of baasuun guyyaa torbaa guyyasuma eegala.
Namni mallaattoo dhukkubichaa qabuuf kutaa qilleensa gaarii itti argatu fi foddaan isaa saaqamu danda'u turuun miseensa maatii kaan irraa fagaate jiraachu barbaachisa.
Kanaan alattis bilbilawwan yeroo muddamaa motummaa kennuun bilbiluun gorsaafi wallaansa fayyaa gaafachuun barbaachisaa ta'a.
Tibba qofaatti bahamee turamuttis namoota caalaa saaxilamtoota ta'an kan akka dubartii ulfaa, maanguddoota ykn namoota rakkoo fayyaa qaban irraa meetira 2 fagaachuun barbaachisaadha.
Hanga danda'ameettis kutaalee hunda qilleensi keessa akka bahuuf foddaafi karra saaquun ni gargaara.
Harka ofii bishaaniif saamunaan yeroo baayyee dhiqachuun amma waan hunda caalaa gorfamuudha.

- Kallattiin: lakkoofsa namoota koronaavaayirasiin qabamaniifi du'anii
- Waa'ee koronaavaayirasii gaaffilee keessaniif deebii
- Haati warraa MM Kanaadaa koronaavayirasiin qabamte
- Koronaavaayiras dhibee 'addunyaa weerare' jedhamee labsame
- Koronaavaayirasiin hangam yaaddessaadha, akkamiin ofirraa ittisuun danda'ama?
- Mallattoon koronaavaayirasii 'guyyaa shan booda mul'ata'
- Olompikiin Tookiyoo 'waggaa tokko ykn lamaaf achi butamuu mala'












