Itoophiyaan 'loogiifi doorsisa' Tiraamp dura akkamiin dhaabbachuu qabdi?

Pirezidantiin Ameerikaa Donaald Tiraamp irra deddeebiin dhimma hidha Abbayyaafi Itoophiyaa dubbachaa jiru.
Dubbiin isaanii kuni erga Itoophiyaafi Masrii nan araarsa jedhanii xalayaa Masriitti ergan booda itti fufeera.
Tiraamp wantoota bara bulchiinsa isaanii waggaa jalqabaatti dalage jedhan keessaas, Fooramii Dinagdee Addunyaa cinatti pirezidantii Masrii waliin yeroo mari'anis dhimma kana dubbatan.
Masriifi Sudaan waamicha marii Tiraamp akka fudhatan ibsaniiru. Itoophiyaan dubbii Tiraamp irratti ifatti wanti dubbatte hin jiru.
Maaliif callifte? Itoophiyaan maal gochuu qabdi? Waamicha Tiraamp dhaquu qabdii? Tiraamp jaarsa araaraa ta'uu danda'uu?
Kanaafi dhimmoota kaan irratti ekispartii Ioophiyaa dhimmoota laggeen daangaa ce'anirratti muuxannoo qaban dubbisneerra.
Obbo Faqq [Faqqaa] Ahimad Nagaash marii Hidha Abbayyaafi laga Abbayyaa keessatti Itoophiyaa bakka bu'uun hirmaataa turan.
Yeroo ammaa misooma bishaanii, bishaan daangaa ce'aniifi dippilomasii hayidiroorratti dhuunfaan gorsa kennu.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Turtiin keenya akka gaaffiifi deebiitti dhihaata. Dhihaadhaa!
BBC: Jalqabumaa xalayaan Tiraamp maal akeeka?
Obbo Faqq: Qabiyyee xalayicharraa hubachuun akka danda'amu mootummaan Ameerikaa sadarkaa olaanaan Masriif akka oogu [caalsifatu] agarsiiseera.
Itoophiyaan anniisaa oomishuu malee bishaan fayyadamuuf mirga akka qabdu waan ibse hin qabu.
BBC: Itoophiyaan maal gochuu qabdi?
Obbo Faqq: Wanti Itoophiyaan gochuu qabdu dhimmicha sirriitti hubachuun barbaachisa. Qabiyyee xalayichaafi fedhii Masriifi Sudaan walbira qabnee yeroo ilaallu, kana dura bara 2019 Pirezidant Tiraampiin wixineen waliigaltee qophaa'e jira.
Waliigaltee sana Itoophiyaan dhiiftee baateetti. Sababni isaas fuula duratti mirga bishaanicha fayyadamuushee waan dhorkuufi. Masriifi Sudaan waliigalteen suni dirqamaan akka mallattaa'uu ammallee irra deddeebiin gaafataa jiru.
Kanaaf marii kanaan wanti Ameerikaan barbaaddu waliigalteen yeroos qixaa'e akka mallattaa'udha. Waligalteen kuni bara 2019 eegalee hanga 2020 kan itti fufeefi jalqaba Ameerikaafi Baankiin Addunyaa akka taajjabduuttti irratti hirmaatanidha. Boodarra jaarsummaan hirmaatan.
Kunis akkaataa hidhicha bishaan guutamuufi waggaattii hamma bishaanii gadhiifamuu qabu kan ilaallatu ta'us keessatti dhoksaan qooda bishaanii isaaniif Itoophiyaan harka wayyaa jalaan beekamtii akka kennitu waliigaltee godhu waan ta'ef Itoophiyaan hin fudhu jettee dhiifteetti.
Eegasii Gamtaa Afrikaa akkasumas UAE'dhaan mariin taasifamuus waliigalteerra hin gahamne. Amma wanti suni akka mallattaa'u barbaadu.
Kanaaf gama Itoophiyaan wantoota lamaan sirriitti ilaaluun ni barbaachisa. Waliigalticha mallatteesuun fedhii biyyaalessaa ni miidha. Hin mari'adhu jechuunis immoo yeroo ammaa adeemsi Pirezidant Tiraamp ni beekama.
Haal dureedha kan isaan kaa'an. Haal duree kana yoo hin fudhanne qoqqobbii nan kaa'a yookiin haleellaa humnaan fudha ejjennoo jedhu tarkaanfachiisaa jiru waan ta'ef, adeemsa akkanaa yoo hordofu ta'e rakkoo of danda'e uumuu waan danda'uuf bilchinaafi gamnummaan ilaalamee deebii kan barbaadu natti fakkaata.
Sababa kanaaf dhimmoota lama yaaddoo guddaa ta'u danda'an gidduudha Itoophiyaan deemuu kan qabdu.
BBC: Kanaaf Itoophiyaan danqaa keessa jirti jechaa jirtuu?
Obbo Faqq: Akkasuma ta'a. Sababni isaas waliigaltee fudhachuunis, marii gubbaa hin hirmaadhu jechuunis rakkoo ofii qaba. Ameerikaan biyya michuudha , biyya jabduudhas. Pirezidantichi immoo yeroo ammaa kallattiin siyaasaa addunyaarratti gaggeessaa jiran ifa ta'a waan jiruuf.
BBC: Itoophiyaa jaarsummaa Ameerikaa yookiin Tiraampiin hirmaattee fedhiishee milkeessuu dandeessii?
Obbo Faqq: Kan Isaanii [Tiraamp] ifa jira. Kana fudhaa kanaan achi tarkaanfii akkanaan fudha jechuutti ce'u. Hanga danda'ame isaan osoo hin mufachiisin kallattii marii kanaa jijjiiruun osoo danda'ame filatamaa ta'a.
Tiraamp xalayaa keessa dhimma qoodinsa bishaaniis kaasaniiru. Qoodinsi bishaanii biyyoota 11 gidduutti akka ta'u dhiibbaa gochuun ni danda'ama.

Madda suuraa, Getty Images
Kan biraa xalayaa isaanii keessatti dhimma daldala humna elektirikaa eeraniiru. Isarrattis dubbachuun ni danda'ama. Bara 2015 dureewwan biyyoota sadii wanti mallatteessan jira.
Isarratti keewwatni torba Masriifi Sudaan humna elektirikii Hidha Haaromsaa irraa maddu bituuf dursi akka kennamuuf waan waiigalameef isaratti mari'achuun rakkoo hin ta'u.
Kanaaf kallattin marii kanaa kanneenitti akka xiyyeeffatu akka dalagamu gochuun waan fooyyee qabu natti fakkaata.
BBC: Tiraamp dhimma Hidha Abbayyaarratti maaliif ija buufatan? Akka ogeessa tokkotti akkamiin hubattu?
Obbo Faqq: Pirezidantichi[Tiraamp] Abdul Fattaah al Siisii waliin hariiroo jabaa qabu. Yeroo Tiraamp [pirezidantii ta'uuf] dorgoman Masriin deggarsa kennaa turte. Isaaniis irra deddeebiin hiriyyaa dhihoo, obboleessako abbaa irree jechaa jajaa turan.
Bara 2019 gaaffii isaaniini Ameerikaafi Baankiin Addunyaa jaarsummaan akka seenan kan taasifame. Mariin [ammaas] gaaffii Masriin dhufe.
Kan biraa pirezidantichi [Tiraamp] Badhaasa Nobeelii Nagaa barbaadu. Badhaasa kana argachuuf walitti bu'iinsa furan akka galmaa'uf barbaadu. Kana dura biyyoota lamaan gidduu waraanni jiraachuudhaas baatu Itoophiyaafi Masrii gidduu waraana dhaabeera jedhanii turan.
Inni sadaffaa waliigaltee kana dura bara 2020 eegalanii adda citeerratti komii qabu turan. Komii qofa osoo hin taane Masriin hidhicha haleelti jedhanis tura, Itoophiyaarrattis qoqqobbii ka'aniiru. Komii isaanii sirreessuuf dhimma kanatti waan seenan natti fakkaata.
BBC: Xalayaan kallattiin Itoophiyaaf hin barroofne. Garagalchaani Itoophiyaaf akka dhaqqabu kan taasifame. Kuni ergaa qaba jettanii yaadduu?
Obbo Faqq: Eeyyee sirriitti ergaa qaba. Sababnisaa akka adeemsa dippilomasii sirriitti xalayaan kuni biyyoota sadaniif barraa'uu qaba. Yoo barbaachisaa ta'e biyyoota lamaan eeramaniif [Sa'udi fi UAE] garagalcha gochuu danda'u.
Marii kanarratti biyyoota hirmaachuu qaban kan filachuufi waliigaluu qaban biyyoota sadan malee Ameerikaa miti. Erga garagalchaan Itoophiyaaf barraa'e Itoophiyaan akka beektu godhame malee Itoophiyaa hin gaafanne jechuun danda'ama. Yoo kallattiin hin gaafamnemmoo Itoophiyaa deebii kennuuf dirqama hin qabdu.
BBC: Mootummaan kan callise kanaaf ta'uu danda'aa?
Obbo Faqq: Mootummaan Itoophiyaa callisuun isaa kanaaf ta'uu danda'a yookaan immoo irratti mari'ataa jiras ta'uu danda'a. Dhimmi kuni xiinxala jabaa barbaada. Xinxala yaaddoo dabalate jechuudha.
Dhimmichi Hidha Abbayyaa qofa osoo hin taane nageenya naannichaa, dinagdee, siyaasaafi kaan waliin ilaalamee kan murtaa'udha. Kanaaf inni ilaalamaa jira ta'uu danda'a.
BBC: Xalayaa kanarratti garagalchi kan barraa'e Gamtaa Afrikaaf miti. Dhimmicha kana dura hordofaa kan ture Gamtaa Afrikaadha. Amma UAE fi Sa'udiitu barraa'e. Sababni maal ta'uu danda'a?
Obbo Faqq: Gaaffii kana mirkanaan kan kaase Masriidha. Gamtaan Afrikaa dhimma kana keessa akka seenu Masriin hin barbaaddu.
Sababni isaa Masriin Gamtaa Afrikaa bakka bu'aa ummata gurraacha ta'eerratti amantaa hin qaban. Gamtaan Afrikaa Itoophiyaaf looga jedhaniis amanu. Kana duras marii Gamtaa Afrikaa keessaa dhiisanii bahaniiru.
UAE duraan marii keessa turte. Kanaaf deebisanii eeran. Kana dura marii keessa qoodi Sa'udi xiqqaa ture. Amma Sa'udiin akka seentu taasifameera. Sa'udiin yeroo ammaa Masriifi Sudaaniifis biyya hariiroo baay'ee qabdudha. Ameerkaa waliinis walitti dhihaatu.
Sa'udiin Itoophiyaa irrattis dhiibbaa uumuu dandeessi. Sababni isaa siyaasa, hawaasummaafi dinagdeen hariiroon Itoophiyaafi Sa'udi cimaadha.
Itoophiyaan yaada kaasan yoo hin fudhu jette Itoophiyaa Sa'udi waliin walitti buusuuf waan yaadan natti fakkaata.
Tarii Emireet hamma tokko ejjennoo Itoophiyaa ni deeggaru amantaa jedhu nan qaba. Kanaan ala Masriinis, Ameerikaanis, Sudaaniis, Sa'udiinis ejjennoo wal fakkaataa kan qaban natti fakkaata.

Madda suuraa, Getty Images
BBC: Sababa kanaaf Itoophiyaan marii tole jettee yoo seente qormaanni qunnamuu danda'aa?
Obbo Faqq: Yoo seentee dhiibbaa olaanaa ni qaba. Yoo seenna ta'ee qophiin olaanaa ta'e, filmaata ogummaan dabaalaman akkasumas sarara diimaa tolfataniii adeemuun ni danda'ama.
Wanti fedhii biyyaalessaa xuqu gaafa ka'e marii dhiisanii bahuun mirgadha.
BBC: Tiraamp xalayaarratti fedhii Masrii yookiin al-Siisiitiin waan barbaaddan isiniifan milkeessa jedhaniiru. Osoo kuni beekamu hirmaachuun mataan isaa Itoophiyaaf rakkoo hin qabuu?
Obbo Faqq: Wanti bara 2019 ta'e kanadha. Yeroos Ameerikaan isinan araarsa yero jettu gama keenyaan shakkii guddaatu ture. Haala Ameerkaa waliin yeroo ilaalamu diduunis ni rakkisa.
Erga seenne booda wanti agarre mootummaan Ameerikaas, Baankiin Addunyaas Masrii bira dhaabatanii falmaa turan. Itoophiyaarratti dhiibaa uumaa, doorsisaas turan. Wanti adda ta'e amma dhufa jennee hin yaadnu.
Ameerikaa walaba taatee jaarsummaan furti jedhanii tilmaamuun baay'ee ni rakkisa. Ameerikaafi Masriin hariiroo jabaa qabu.
Ammammoo Tiraamp Israa'el tiksuuf, akkasumas wanta Gaazaa keessa dalaguuf yaadan milkeessuuf deegarsa Masrii fedhu.
Kanaaf dhimma Abbayyaa Masriif furuu barbaadu. Kanaaf dhiibbaa cimsanii, Masrii deeggaranii, tarii Itoophiyaa harka micciiranii waliigaltee mallatteessisuuf waan sosso'an natti fakkaata.
BBC: Yaada keessanirraa akka hubannettti Ameerikaanis ta'e Tiraamp jaarsa ta'u hin danda'anidha?
Obbo Faqq: Eeyyee, walaba ta'uuu hin danda'an. Ameerikaafi Tiraamp walaba ta'u ykn jaarsa ta'u hin danda'an. Kana duras yaalamee hin taane.
Siyaasa amma addunyaarratti adeemaa jiruun immoo lakkisaa hin dandeessan jechuunis nama dhiba. Addunyaa kallattii hin eegamnerra deemaa jirti.
Sababa Giriinlaandiin biyyoota Awurooppaa doorsisaa jiru Tiraamp. Qoqqobbii nan kaa'a jedhaniiru. Keenyammoo waan itti salphatu natti fakkaata.
BBC: Itoophiyaan hirmaachuu dhabuun rakkoo qaba garuu seentee ajandaa jijjirsiisuu yaaluu qabdi jettaniittu. Kuni hangam salphaadha?
Obbo Faqq: Salphaa miti, wanti hunduu salphaa miti. Ani akka ogeessa tokkottiin dubbadha, gama teknikaaniin ilaala. Garuu, mootummaan dhimma kana gama kallattii garagaraan ilaala.












