Koronaavaayirasii: Taayiwaan yaada Dr Teedroos Adihaanoom balaaleeffatte

Madda suuraa, Reuters

Madda suuraa, Reuters
Daarektarri Olaanaa Dhaabbata Fayyaa Addunyaa Dr Teedroos Adihaanom erga hoggantoonni Taayiwaan haleellaa sanyummaa narratti raawwatani jedhan booda waldibdeen dhalate.
Dr Teedroos ji'oota muraasaaf haleellaan sanyummaafi doorsisini ajjeechaa akka irra gahaa ture kaleessa ibsaniiru.
Dhimma kana irratti yaada kan kennan Pirezidantiin Taayiwaan Tisaai Ing - wen yaada Dr Teedroos balaaleeffataniiru.
Inumaa odola Taayiwaan akka daawwatan affeeran.
Taayiwaan akka jettutti yeroo koronaavaayirasiin tatamsa'e odeeffannoo ijoo waa'ee vaayirasichaa Dhaabbata Fayyaa Addunyaa irraa argachuu hin dandeenye. Dhaabbatichi garuu kana hin fudhatu.
Biyyi Taayiwaan sababa Chaayinaan miseensa Dhaabbata Biyyoota Gamtoomanii dhimma fayyaa hojjetu, Dhaabbata Fayyaa Addunyaa (WHO) ta'u hin dandeenye.
Paartiin Chaayinaa bulchu, Paartiin Koministii, Taayiwaaniin bulchiinsa Chaayinaa jala akka taateetti ilaala.
Dhaabbanni Fayyaa Addunyaa pirezidantii Ameerikaa Donaald Tiraampiinillee tibbana qeeqameera.
Maaltu jedhame?
Dr Teedroos ji'oota lamaafi sadiif arrabsoo sanyummaa hoggantoota Taayiwaan irraa akka dhagahaa turan himan
''Maqaa naaf baasanii, gurraacha ykn negroo naan jedhani,'' jedhan. ''Ani gurrachas negroo ta'u koottis gammachuun qaba'' jechuun himan.
Achiis doorsisni ajjeechaa akka irra gahe himan. Garuu, ''gurra itti hin kennu''jedhan.
Dr Teedroos akka jedhanitti arrabsoofi doorsisni kuni Taayiwaanirraa dhagahame. Ministiri Dhimma Alaa biyyattii osoo arguu callise waan jedhullee akeekan.
Pirezidantiin biyyattii Tisaayi garuu wanta kana ni mormu.
''Waggota dheeraaf dhaabbilee idil - addunyaarraarraa qollifamneerra. Qollifamuun maal akka ta'e eenyu caalaa ni hubanna,'' jechuu isaanii Rooyitars gabaaseera.
Yoo dhiibbaa Chaayinaa hanqisanii biyya isaanii daawwatan umanni biyyatti akkamiin akka miidhame ofumaa hubachuu danda'u jechuun dubbataniiru.
Dubbii Himtuun Ministira Dhimma Alaa Taayiwaan Jowaane Ou yaada Dr Teedroos balaaleeffataniiru.
Gaazexeessitoonni akka jedhanitti Taayiwaan koronaavaayirasii to'achuu isheetiin ni boonti. Hanga yoonaa biyyattiitti namoonni 380 qofaa kan qabaman yoo ta'u 5 du'aniiru.
Ji'a darbe, Dhaabbanni Fayyaa Addunyaa haala vaayirasichi Taayiwaan keessa to'atame akka qoratuufi akka irraa baratu ibsee ture.

- SALPHAATTI ADDA BAASUUF: Mallattoowwan koronaavaayirasii maal fa'i?
- KORONAAVAAYIRASII: Gaaffilee keessaniif deebii
- MAAL GOCHUUN QABA: Walirraa fagaachuufi adda of baasanii turuu
- WANTOOTA SAGAL: Waa'ee koronaavaayiras nuti hin beekne
- QUBA QABDUU?: Wal-qunnamtii saalaa fi Koronaavaayiras
















