Lola Tigraay Itoophiyaa keessaa: Qondaalli olaanaa WHO Dr Teedros himannaa irratti dhiyaate haalan

Madda suuraa, AFP
Hoogganaa olaanaan Dhaabbata Fayyaa Addunyaa (WHO) Dr. Tedros Adihaanom, himata gaggeessaan waraanaa Itoophiyaa irratti dhiyeessan haalan.
Raayyaan Ittisaa hogganaan Dhaabbata Fayyaa Addunyaa Dr Teedroos Adhaanom, TPLF'f meeshaa waraanaa bituun deeggaru jechuun himate.
Himannaa gama mootummaan irratti dhiyaateef deebii kan kennan Dr Teedroos, garee tokko qabatee deggera jechuun komiin narratti dhiyaate soba jedhan.
Lolli Naannoo Tigraayitti erga jalqabee namootni dhibbaan lakkaa’aman lubbuu dhabaniiru.
Dr Teedroos Adhaanom Gabirayasuus dhalataa Tigraay yoo tahan, bulchiinsa Itoophiyaa dabre keessatti ministira fayyaa tahuun tajaajilaniiru.
Dr Teedroos maal jedhan?
Erga oduun kun dhagahamee garuu Dr Teedroos wanti kun akka isaan hin ilaallanne tiwiitari isaaniirratti barreessaniiru.
Mootummaa federaalaa fi humnoota TPLF'f amanamoo ta'an gidduutti lolli erga eegalee bubbulus qondaalli Dhaabbata Fayyaa Addnuyaa Dr Teedroos Adhaanom turanii boodarra yaada kennaniiru.
Qaamoleen hunduu nagaa buusuu akka qabanii fi deggersa namoomaaf haala mijeessuu akka qaban waamicha dhiyeessaniiru.
Tibba weerarri koronaavaayirasii addunyaa harkaa qabutti, rakkoon waraanaa mudachuun fayyaa hawaasaaf na yaaddessa kan jedhan Dr Teedroos lubbuu ba'aa jiruu fi lammiilee baqaaf saaxilaman wayitan dhagahu baayyeen gadda jedhan.
Daa'ima ta'anii waraana haalaa fi amala walfakkaataa qabu argaa akka turan kan ibsan Dr Teedroos dargaggeessaa ta'ee ammoo miidhaa dhala namaarra sababa waraanaa ga'e, kanan ijaan argerraa ka'uun nageenyi akkaan akka barbaachisu haga humna kootii hojjetaan ture jedhan.
Qaamoleen lameenuu waraana qabbaneessuun nageenya buusuu qabu jechuun yaada Dhaabbati Biyyoota Gamtoomanii dhiyeesse akka deggeranis ibsaniiru.
Garee tokko qabatee deggera jechuun komiin narratti dhiyaate soba jedhan Dr Teedroos.
Gartuun kiyya yoo jiraate daandii nageenyaati, addunyaan martuu fayyaadhaaf nageenya akkasumas ammoo nageenyaaf fayyaa barbaada jedhan.
Waraanni Itoophiyaa maal jedhee komate?
Itaamaajoor shuumiin walii galaa Raayyaa Ittisa Biyyaa Jeneraal Birhaanuu Juulaa ibsa kennaniin Dr Teedroos ‘’TPLF deeggaruuf dhakaan hin garagalchine hin jiru,meeshaa waraanaa akka argatanillee isaan gargaareera,’’ jedhaniiru.
‘’Gama uummata Itoophiyaan goree namoota kunneen akka balaalefatan hin eegnu. Isaaniin gargaaruuf waan hunda gochaa turan. Biyyooti ollaa waraanicha akka balaaleffatan duula gaggeessaa turan,’’ jedhan.
‘’Akka isaan meeshaa waraanaa argatan hojjechaa turan.’’
Bara 2017tti hogganaa Dhaabbata Fayyaa Addunyaa tahuun erga filatamaniin booda Dr Tedroos, yeroo weerarri koronaavaayirasii jalqabe baayyee beekaman.
Dhalataa Tigraay akka addunyaatti maqaa guddaa qabanis tahuu malu.
Kun hunduu otoo adeemuu, Mootummoota Gamtoomaniitti dhaabbanni baqattootaa, namoonni 30,000 tahan daangaa qaxxaamuruun Sudaan galaa akka jiran ibseera.
Ammallee baqattoonni kumaatamaan lakkaa’aman biyya ollaa akka galaa jiran Mootummoota Gamtoomaniitti bakka bu’aan Ejansii Baqattootaa Sudaan Akseel Biishoop BBCtti himan.
Namoonni baayyeen haalli hammaataa waan taheef miilla qullaa baqachaa jiru jedhe.
Maali irratti wal lolu?
TPLF MM Abiy gara aangoottii otoo hin dhufiin dura, waggoota 27f waraanaafi siyaasa biyyattii to’achaa ture.
Haaromsi Abiy yeroo aangootti dhufe geggeesse TPLF moggaatti baase kan jedhan jiru.
Yeroo Naannoon Tigraay filannoo akka biyyaatti sababii koroonaavaayirasiin dhorkame didee, filannoo geggeesse dubbiin jalqabe.
Mootummaan federaalaa filannicha seeraan ala jechuun beekamtii dhorke.
Lolli kun gaafa Sadaasa 4, 2020 jalqabe. Mootummaan federaalaa, TPLF buufata Raayyaa Ittisa Biyyaa naannicha jiru haleeluun meeshaa waraanaa saamuu barbaade jechuun himata.
TPLF immoo himannaa kana ni waakkata.













