Lola Tigraay: Namootni 6000 ol lola Tigraay baqachuun Sudaan galan

Humna addaa Naannoo Amaaraa magaalaa Daanshaa

Lammileen Itoophiyaa kuma jahaa ol ta'an waraana mootummaa federaalaa fi mootummaa naannoo Tigraay gidduutti adeemaa jiru dheessuun daangaa ce'uun Sudaanitti baqachuu aanga'ootni biyyattii himan.

Tajaajilli Oduu Sudaan (SUNA) namootni waraana kana baqatan naannoo biyyattii Al-Qadaariif jedhamutti baqachaa akka jiran jiraattotaa fi aanga'oota naannichaa waabeffachuun gabaaseera.

Lakkoofsi namoota baqachaa jiranii dabalaa waan jiruuf aanga'ootni naannichaa komishinii baqattootaa Sudaan waliin ta'uun bakka qubannaa fi deeggarsa barbaachisu qopheessa akka jiraniis SUNAn gabaaseera.

Aanga'ootni Sudaan guyyoota dhufan keessatti lakkoofsi namoota daangaa ce'uun gara Sudaanitti baqatanii hanga namoota 200,000 gahuu akka malu tilmaamuun qophii gochaa jiru.

Waa'ee namoota lola kanaan qe'eerraa buqqa'anii ilaalchisee mootummaan federaalaas ta'e mootummaan naannoo Tigraay amma dura waan jedhan hin qabani.

Dhaabbanni biyyoota gamtoomanii namoonni hanga miliyoona 9 balaa qe'eerraa buqqa'uuf saaxilamuu malu jedheera.

Hoggantoonni fi dhaabbileen addunyaa gara garaa qaamoleen lamaan lola dhaabanii gara mariitti deebi'uun rakkoo uumame karaa nagaa akka furan dhiibbaa gochaa jiru.

Mootummaan federaalaa mariif qophii akka hin taane himaa turullee ammatti haal-dureewwan mariif barbaachisu jedhe kaa'eera.

Koree labsii yeroo muddamaa mootummana federalaa Tigraayitti labsameef dubbii himaa kan ta'an Obbo Reedwaan Huseen mootummaa federaalaa fi aanga'oota naannoo Tigraay gidduutti marii gaggeessuuf haal-dureewwan kaahaniiru.

''Meeshaaleen waraanaa loltootni TPLF saaman yoo mancaafaman, namootni harka loltoota TPLF jiran yoo gadhiifamanii fi kanneen raayyaa ittisa biyyaa haleeluu keessatti qoda qaban seeratti yoo dhiyaatan'' mariif carraan jiraachuu akka danda'u ibsan.

Miidhaan lubbuu namaarra gahe hangam?

Waraanni humnooti mootummaa feederalaa fi kan naannoo Amaaraa waliin ta'uun humna addaa fi milishaa naannoo Tigraay waliin itti jiran erga eegalee torbeen tokko darbee jira.

Hanga ammaatti lola kanaan lubbuu namaa darbes ta'e miidhaa dhaqqabe qulqulleesanii beekuun rakkisaadha.

Haata'u malee gara lamaaniinuu namootni dhibbootaan lakkaawaman du'uun dhagaahamaa jira.

Raayyaan Ittisaa Itoophiyaa amma yoonatti hidhattoota Tigraay 550 ajjese jedheera.

Mootummaan naannoo Tigraay lakkoofsa namoota ajjeefaman jedhamee irratti yaada hin kennine.

Gama humnoota mootummaa federaalaanis loltootni hedduun ajjeefamuu hoogganoonni raayyaa ittisa biyyaa himaa jiru.

MIseensota milishaa naannoo Amaaraa lola humna addaa Tigraayiif wayita deeman, naannoo Amaaraa bakka Saanjaa jedhamutti Sadaasa 09, 2020 kaafame.

Madda suuraa, Reuters

Ibsa waa'ee suuraa, MIseensota milishaa naannoo Amaaraa lola humna addaa Tigraayiif wayita deeman, naannoo Amaaraa bakka Saanjaa jedhamutti Sadaasa 09, 2020 kaafame

Guyyoota jalqabaa humnoonni naannoo Tigraay halellaa Izii Kaabaarratti bananiin loltootni osoo hin qophaayiin haleellaan irra gahe haala sukkaneessaan ajjeefamuu himu hogganoonni kunneen.

Poolisiin federaalaa namootni waraanaa 17 kan hooggantoota olaanoo of keessaa qabuu fi Iziin Kaabaa akka haleelamu shiraa turan to'annoo jala oolaniiru jedheera. 

Qaamoleen kun sirna kominikeeshinii danquun walaasofni ajajoota fi waraanaa biyyattii gidduu akka hin jiraanne godhaniiru jedha ibsichi.

Pireezidantiin naannoo Tigraay Dabratsiyoon Gabramik'aeel(PhD) ibsa Kibxata kennaniin mootummaan federaalaa baadiyyaattis magaalattis haleellaa xiyyaara waraanaan naannicha keessatti raawwatamaa akka jiru ibsaniiru.

Haleellaa kanaan mootummaan addatti bakka kuusaa meeshaa waraanaa fi boba'aa rukuchaa akka jiru ibsa.

Ibsa mootummaa federalaa irraas ta'e hooggantootni naannoo Tigraay kennaa jiran irraa garuu hanga ammaatti miidhaan haleellaa qilleensaan lubbuu namaarra qaqqabe jiraachuun hin ibsamne.

Raayyaan Ittisa biyya naannolee haaraa to'ate

Ajajaan Kutaa waraana Kaaaba meejar jeneraal Balaay Siyyum Kibxata kaleessaa miidiyaalee biyya keessaatti akka dubbatanitti Raayyaan ittisaa Itoophiyaa iddoo magaalaa Daanshaatti dabalataan iddoo Tirkaan jedhamuu fi buufata xiyyaaraa Humaraa to’ateera.

Waraanni isaanii miseensota humna addaa naannoo Tigraay 29 fi miseensota milishaa biroos to’achuu ibsa kaleessaa Raayyaan Ittisa Biyyaa keennen himeera.

Gabaasichi akka eerutti, dirree lolarratti hidhattoota kanarraa meeshaaleen waraanaa hedduun fuudhamuun kaan ammoo barbadeessuu himan.

Mootummaan naannoo Tigraay dhimma kanarrattis waan jedhe hin qabu.

Mootummaan federaalaa tarkaanfii waraanaa fudhachaa jiru yeroo gabaabaa keessatti xumuree naannicha keessatti nagaa buusuuf hojjetaan jira jedha.

Haa ta'u malee UN dabalatee dhaabbileen deeggarsa namoomaa fi xiinxaltoonni garuu rakkinichi kan yeroo gabaabaa keessatti xumura godhatu miti jechuun gaaga'amni lammilee nagaarra gahuu hammaachuu akka danda'u akeeku.

Sadaasa 03 haleellaa mootummaan raayyaa ittisa biyyaa izii Kaabaa irratti raawwatame jedheen duuba lolli kallattii qaamolee lamaan jidduutti dhalate.