Lola Tigraay: Lolli erga eegalee torbee guute jiraattota Maqalee akkamiin miidhe?

Lolli humnooti mootummaa federaalaa kan naannoo Amaaraa waliin ta'uun humnoota Tigraay waliin taasisan erga eegalee torban guuteera.
Lixa Tigraay iddoo lolli jabaan adeemsifamaa turetti loltoonni hedduun ajjeefamuu akka hin oolle gabaasaaleen jiru.
Gama daangaa naannoo Afaar, Raayyaa akkasumas gama Eertiraan sochiin waraanaa akka jirullee aanga'oonni naannoo Tigraay himaa turan.
Kanatti dabalataan haleellaa qilleensaan kuusaawwan meeshaa waraanaa fi boba'aa adda addaa barbadeessuu isaa mootummaan federaalaa himeera.
Amma dura sochii waraanaa homaa arguudhaa baattus magaalaan guddoo naannichaa Maqaleen labooba abidda lola adeemaa jiruun gubachuu hin baraaramne.

Maqaleen magaalaa guddoo naannoo Tigraay yoo taatu Finfinnee irraa km780 fagaattee argamti. Mootii Yohaannis 4ffaatu jaarraa 19ffaa keessa hundeesse jedhama.
Sadaasa 03 bara 2020 MM Abiy raayyaan ittisaa Tigraay irratti tarkaanfii akka fudhatu ajajan.
Kana kan jedhaniif humni addaa naannoo Tigraay kaampii raayyaa ittisaa achi jiru haleelee miidhaas waan qaqqabsiiseefi jedhan.
Guyyaa itti aanutti magaalaa Maqalee keessaa tajaajilli ibsaa addaan cite. Tajaajilli intarneetii fi bilbilaas walumatti aansee dhaabbate.
Bariitu baankonni mootummaa fi dhuunfaa cufaman. Sababii baankoti kun cufamaniif qabatamaan waanti beekamu hin turre.
Mootummaan naannichaa tajaajila geejjibaa magaalota naannichaa wal qunnamsiisu uggure.
Guyyaa sadaffaa, gaafa Sadaasa 5 guutummaan guutuutti tahuu baatus tajaajilli ibsaa deebi’e.
Tajaajilli geejjibaas Jimaata gaafa Sadaasa 6, deebi’e eegale. Namoonni lolli kun otoo hin jalqabiin manaa bahan eeyyama poolisii Tigraayiin gara naannoo isaaniitti deebi’uu jalqaban.
Akka rippoortarri BBC Maqalee jiru hubatetti yeroo ammaatti rakkoo guddaa kan tahe tajaajilli geejjiba qilleensaas tahe lafoo naannichaa fi kutaalee biyyattii kaan wal qunnamsiisu ugguramuu isaati.
Daangaa fi daandiin waraanaan waan eegamaa jiruuf gara Finfinnee deemuu fi achiis deebi’uun dhorkamee jira.
Kanaaf namoonni maatii isaaniirraa adda bahanii Tigraayiin ala jiran deebi’uuf rakkachaa jiru.
Warreen Tigraay keessatti danqamanii jiranis intarneetiinis tahe bilbilaan maatii isaanii bakka biraa jiran argachuu akka hin dandeenye BBCtti himaniru.
Sodaa haleellaa qilleensarraa
Gaafa Kamisaa Sadaasa 05 xiyyaarri waraanaa qilleensa Maqaleerra hurrisaa turte jiraattota magaalattii naasisteetti.
Xiyyaarri kun naannawaa Maqaleetti haleellaa raawwattus miidhaan namaa fi qabeenyarra gahe hin jiru jedhe mootummaan naannichaa.

Guyyuma sana MM Abiy meeshaalee waraanaa gurguddaa humni mootummaa naannoo Tigraay hidhatee jiru haleellaa qilleensaan barbadeessuu TV'tti bahanii dubbatan.
Haleellaan dabalataa raawwatamuu waan maluuf uummatni Tigraay gareedhaan akka hin sochoone, iddoowwan namni walitti qabamurraa akka of qusatan gorsan.
Kun jiraattota magaalattiitti yaaddoo guddaa uumee ture.
Dilbataa Sadaasa 08 galgala Maqaleerraa fageenya km28 irratti haleellaa misaa’eliin xiyyaara waraanaa rukutee kuffisuu mootummaan naannichaa hime.
Mootummaan federaalaa garuu kuni soba jechuun haaleera.
Dhiibbaa baankiin cufamuun fide
Rakkoo baankiin cufamuu waliin dhufe keessaa tokko hojjettoonni mootummaa mindaa fudhachuu dadhabuu isaaniiti.
Aadde Nigistii Mallas mindaashee fudhachuu waan hin dandeenyeef rakkoo keessa jiraachuu himti.
Otoo baankiin hin cufamiin durayyuu gabaa Maqalee keessa hanqinni maallaqaa akka jiru himu jiraattonni.

Rakkoon kun gaafa dhalatummoo qarshii dhabuun namoonni cirumasaa waa bitachuuf akka rakkatan isaan gochaa jira.
Qullubbii fi timaatimii gurguruun kan jiraattu Aadde Alemmaash Gabirasillaasee, "namoonni waa bitachuu ijaa hin dhufneef, galii jireenya koof tahu argachaa hin jiru,’’ jetti.
Hanqinni birrii gabaa keessa jiraatus gatiin meeshaalee garuu amma dura akka hin daballe himu jiraattonni.
Haala bishaan dhugaatii
Rakkoon bishaan dhugaatii durumaa magaalaattii keessa jira.
Bishaan botteewwan ykn dhaabbilee daldalaa mana manatti bishaan dhiyeessaniin ture jiraattonni magaalattii hedduun kan fayyadaman.
Namoonni bishaan dhugaatii bitanii fayyadaman amma bilbilli waan hin jirreef warra bishaan raabsu qunnamuu hin dandeenye.
Bishaan bombaa duraan torbeetti al tokko raabsamu amma waan dhaabbateef rakkoo jiru hammeesseera.
Kanaaf ammoo sababni elektirikiin baduu ta'uu himu. Kuufamni bishaanii gahaan jiraatullee paampiin bishaan karaa ujummoo raabsu humna ibsaa malee waan hin hojjenneef rakkachuu hojjettoonni bishaanii ni himu.
'Lolatu nurratti baname'
Mootumman federaalaa TPLFn akka lolaa jiru himus jiraattonni magaalattii baay'een uummata Tigraay irratti lolatu baname jedhanii amanu.
Haa ta'u malee hammeenya waraana waan beekaniif nagaan akka bu'u fedhii qabu jedha rippoortarri BBC magaalattii keessa socho'ee namoota dubbise.
Dilbata darbe namooti baayy'een bataskaanatti argamanii turan, haa ta'u malee akkuma sagaleen xiyyaara waraanaa dhagahameen namuu gara mana isaatti baqatee bittinnaa’e.
Haati ijoollee afurii Tigist Abarraa ijoolleenshee Finfinnee jiraatu, isheen Maqalee jirra.
‘’Ijoollee koof baay'ee yaadda’era, nyaachuu fi rafuullee hin dandeenye. Ergan itti haasa’ee guyyaa sadii taheera,’’ jetti.
Hanqina boba’aa
Walitti bu'iinsawwan gara garaa waggootan lamaan darban keessatti uumameen, dhalattoonni naannoo Tigraay naannoo isaaniin ala jiraatan mijuun itti hin dhagahmu.
Baayyeen isaanii gara naannoo isaaniitti deebi’aanii jiraachuu eegalanii turan.
Sababa kanaanis sochii geejjibaa fi daldalaa magaalaa Maqalee kan duraanii caalaa dabalee ture, konkolaattonni heddummatanii turan.
Erga lolli kun dhalatee garuu magaala keessa sochiin geejjibaa hir’ataa dhufeera. Kanaaf sababni tokko hanqina boba'aati.
Haalfoom Taklaay hanqinni boba’aa waan jiruuf konkolaataa fayyadamuu guutummaatti dhaabeera jechuun BBC'tti hime.
Mootummaan maal jedha?
Lolli naannichatti dhalate gama diinagdee fi hawaasummaan uummata hiraarsaa jiraatus mootummaan federaalaas tahe kan naannoo dhimma kanarratti homaa hin jenne.
Yaaddoo uummataaf mootummoonni lameenuu deebii gahaa fi kana booda maaltu akka tahu waan dubbatan hin qaban.
Mootummaan federaalaa tarkaanfii waraanaa fudhachaa jiru yeroo gabaabaa keessatti xumuree naannicha keessatti nagaa buusuuf hojjetaan jira jedha.
UN dabalatee dhaabbileen deeggarsa namoomaa fi xiinxaltoonni garuu rakkinichi kan yeroo gabaabaa keessatti xumura godhatu miti jechuun gaaga'amni lammilee nagaarra gahuu hammaachuu akka danda'u akeeku.
Lolli kun ammallee itti fufee jira, garam deemaa akka jiruu fi yoom dhaabbata kan jedhu namni beeku hin jiru.
Kuni hundi akkamiin jalqabe?
Qaamoti lamaan mootummaan naannoo Tigraay fi federaalaa sababii garaagarummaa ilaalcha siyaasaan walitti bu’uun duruma jira ture.
Wayita Paartiin Badhaadhinaa uumamu TPLF itti makamuu diduun hariiroo qaamota lamaanii hammeessuu eegale.
Kana booda weerarri Covid19 dhalate. Mootummaan federaalaa filannoon akka dheeratu murteesse.
TPLF immoo naannoo Tigraayitti filannoo nan adeemsisa jechuun ciche.

Motummaan federaalaa filannoo akka hin gaggeessineef akeekkachiisullee TPLF filannicha akkuma karoorseen raawwate.
Kana booda mootummoonni naannoo fi federaalaa kunneen beekamtii walii kennuu dhaaban.
Agarsiisawwan waraanaa gama lamaaniin mul'ataa turanirraa ka'uun gara lolaatti akka hin sodaa namoota hedduu ture.
Sadaasa 03 haleellaa mootummaan raayyaa ittisa biyyaa izii Kaabaa irratti raawwatame jedheen duuba lolli kallattii qaamolee lamaan jidduutti dhalate.
Mootummaa federaalaa labsii yeroo muddamaa ji’a jahaaf turu naannicharratti labseera. TPLF hanga seeratti dhiyeessutti of duuba hin deebi'u jechas jira.
Mootummaan naannoo Tigraay TPLFn durfamu gama isaan Gamtaan Afrikaa jidduu seenee rakkoon mariin akka furamu gaafateera.
Hawaasni idil-addunyaa namoota nagaaf jecha lolli dhaabbatee wal dhabdeen mariin akka furamu dhiibbaa gochaa jiru.













